Herregni baankii namoota gabaa sharafa alaa seeraan alaarratti babba'uun shakkamanii dhorkame

Waajira Muummee Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Herregni baankii namoota gabaa sharafa alaa seeraan alaarratti bobba'aniiru jedhamuun shakkaman 138 dhorkamuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii biyyattii beeksisuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

Herregni baankii shakkamtoota 138 dhorkamuun kan ibsame bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mirhiretuu qaamoleen gabaa sharafa alaa maddeen seraan alaarratti bobba'an "gocha isaaniirraa of qusachuu yoo baatan" maallaqni isaanii akka saamamu akeekkachiisanii guyyaa muraasa keessattidha.

Tajaajilli Nageenya Faayinaansii biyyattii dhaabbileen daldalaa tokko tokkoofi namoonni dhuunfaa, "sharafa seeraan alaa" akka hojii daldalaa idileetti qabachuudhaan socho'aa turuu kaasuun, hordoffiin irratti taasifamaa akka ture ibsa sabaa-himaaleef ergeen eereera.

Tajaajilli sharafa alaa gabaa idileetiin karaa baankiitiin akka raawwatamuufi biyyattiin seeraafi qajeelfama maallaqni daangaa ce'u ittiin darbu akka qabdu kan eere ibsi kun, kanarra darbuun "karaa seeraan alaa warreen tajaajila sharafa alaatti bobba'anirratti itti gaafatamummaan seeraa ni jiraata," jedheera.

Gabaa sharafa seeraan alaatti bobba'anii argamuun qabeenyi jalaa dhaalamuu dabalatee hidhaa cimaatiin kan adabsiisu waan ta'eef hawasni karaa idilee baankiitiin akka dhimma bahu hubachiisaa turuu ibseera.

"Gochi seeraan alaa kun fayyaalessummaa sirna faayinaansii biyyattii jeequudhaan kaayyoofi galma maakiroo-ikonoomii gufachiisuurra darbee gocha shororkeessummaa kan jajjabeessuufi yakkawwan faayinaansii biroo akka babal'ataniif karra kan banu waan ta'eef "tarkaanfiin seeraa akka cimu" eereera.

Obbo Maammoo Mihiratuu "dhaabbilee gabaa sahrafa alaa seeraan alaa babal'isan" Yunaayitid Arab Emiretis keessatti argamanirratti tarkaanfii akka fudhatan ibsa torbana kana keessa gaafa Roobii baasaniin akeekkachiisanii ture.

Itoophiyaan gabaa sharafa alaa akkaataa fooyya'insa maakiroo-ikonoomiitiin gabaatiin akka gaggeeffamuuf tarkaanfii fudhatameen dhiyeessiin sharafa alaa baayyee dabaluun isaa gabaafameera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuu ibsa dhiyeenya kennaniin, baankonni biyyattii keessa jiran hanga sharafa alaa hawaasa daldalaatiif dhiyeessan "dachaan dabaleera'kan jedhan yoo ta'u, baankonni hunduu idaa'amaan dolaara biliyoona walakkaatti tilmaamau ji'a ji'aan ni kennu.

Hawaasni daldalaa hedduun sirna baankii idilee akka fayyadamu ibsuun, "tokko tokko garuu adeemsa kana hordofaa kan hin jirre waan ta'eef gabaa sharafa seeraan alaa dhiisanii gara isa idileefi seera-qabeessa ta'tti akka debiyan cimsinee

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan baankii giddugaleessaa itti dabaluun, "Keessattuu, Dhaabbileen seeraan alaa, kan haala gabaa irraa maqe, babal'isaa jiran akka jiran waan hubanneef, haala Dubaay, Keessumattuu Yunaayitid Arab Emireetis keessatti mul'atu itti dhiyeenyaan hordofaa turre, kana hordofuunis tarkaanfii cimaa ni fudhanna."

Baankichi torban darbe, A L I Adoolessa 26/2017, dhaabbileen maallaqa daddabarsan afur kanneen "galii yakkarraa argamu seera qabeessa fakkeessuufi hojiiwwan seeraan alaa maallaqaan gargaaruu" keessatti hirmaatan jedhe beeksisee ture.

Baankichi ibsa baaseen akka beeksisetti, dhaabbileen kunneen waajjira muummee isaanii Ameerikaatii kan qaban yoo ta'u,Shegey Money Transfer, Adulis Money Transfer, Ramada Pay fi Taj Money Transfer kanneen jedhaman ta;uu ibseera.

Baankichi maallaqni karaa dhaabbilee kanaatiin ergamu "sababoota gocha galii yakkarraa argamu seeraan alaa daddabarsuu wajjin walqabatee qabamuun ni danda'ama" jedheera.

Baankichi qorannoo jalqabe akka itti fufuufi ''akka barbaachisummaa isaatti tarkaanfii barbaachisaa ta'e'' akka fudhatus akeekkachiiseera.

Itiyoophiyaan akka qaama waliigaltee Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa irraa liqii Doolaara biiliyoona 10.7 argachuuf safartuu sharafa alaa gabaa irratti hundaa'e hojiirra oolchuun gatii maallaqashee hir'isaa turte.

Sirni kun waggoota kurnaniif gabaa sharafa alaa dhaabbataa mootummaatiin bulfamaa ture gara fedhii gabaatiin kan hoogganamutti jijjiiruuf murtaa'eera.

Hojiirra oolmaa sirnichaatiin humni bittaa maallaqichaa torban tokko qofa keessatti dhibbeentaa 57n akka laaffisu taasiseera.

Jiraattonni fi daldaltoonni yeroo sana BBCn waliin gaaffiifi deebii taasise akka jedhanitti, daballii kana hordofuun gatiin meeshaalee fi tajaajilootaa haalaan dabaleera.

Fooyya'insi haaraa kanaan dura doolaarri Ameerikaa tokko birrii 57.48 ture; Atoo Maamoon caalbaasii tibbana Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaan gaggeesseen doolaarri miiliyoonni 150 baankota 28tti gurguramee, gatiin doolaara tokkoo giddu galeessaan birrii 138 akka ta'e ibsaniiru.