'Namuu mar'ummaan isaa walitti maxxaneera' - Buufata Hitsaas maaltu jira?

Naannoo Tigraay bakkee kaaba bahatti buqqaatonni jiran beelaaf saaxilamuu BBC Afaan Tigriffaatti himan. Kaampii baqattoota Hitsaas jedhamutti kanneen jiran nyaati isaaniif dhihaatu gahaa miti, hanqina qulqullinaas qaba jedhu.

Guduunfaa

  • Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa
  • Sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalaa guddoo Venezuweelaa keessatti dhagahame
  • Iraan akeekkachiisa Tiraamp hiriira mormii biyyattii ilaalchisuun dabarse kuffiste
  • Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an
  • Al-Shabaab Sumaalonni Israa'el loluuf akka qophaa'an waamicha dhiheesse
  • Iraanitti hiriirtonni gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan
  • Turkiin handaara galaaaa Somaaliyaatii hojii boba'aa baasuu eegaluuf
  • Israa'el gartuuwwan gargaarsaa 37 Gaazaa keessaa ugguruuf
  • Maallaqni biyyattii gatii dhabnaan mormiin Iraanitti cime
  • Tiraamp mariin nagaa Gaazaa marsaan lammataa ''hatattamaan hojiirra oola'' jedhe
  • Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuun Itoophiyaaf maal jechuudha?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US damee fayyaa Itoophiyaa deeggaruuf doolaara biliyoona 1.16 ramadde

    Sagantaa waliigaltee deeggarsa fayyaa

    Madda suuraa, Ministry of Health Ethiopia

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa damee fayyaa biyyattii jabeessuuf mootummaa Ameerika waliin waliigaltee deeggarsaa doolaara biliyoona 1.6 ta'u mallatteessuu beeksise.

    Waliigalteen Ambaasaaddar Erviin Masingaa fi aanga'oota ministeerichaa gidduutti mallatteeffame hojiile ittisaa fi to'annoo HIV/ AIDS, Daranyoo Sombaa, busaa, fayyaa haadholiifi daa'immanii akkasumas to'annoo dhiibeewwan weeraraan ka'an irratti xiyyeefata.

    US amma dura deeggarsa gochaa turte itti fufuu maallaqa waliigaltee kanaa keessaa doolaara biliyoona 1.16 ni gumaachiti.

    Waliigalteen raawwatame kan doolaara biliyoona 1.6 yoo ta'u kan hafe mootummaa Itoophiyaan haguugama.

    Sagantaan deeggarsaa kun waggoota dhufan shaniif hojiirra oola.

  2. 'Miillisaa kan baqaqeefi mogeleenis kan miidhame Isaak ji'a lama booda deebi'a'- Isloot

    Aleksaander Isaak

    Madda suuraa, Getty Images

    Tapha Liiverpuul dirreesaan ala gara Landan imalee Totenhaamiin 2-1n injifate irratti akkuma goolii galcheen kan miidhame Aleksaandeer Isaak miilasaa baqaqeef waldhaansi baqaqsanii waldhaanuu godhameeraaf.

    Mogoleensaas miidhamuu kan hime leenjisaan kilabichaa Arni Isloot, taphataan kun ji'oota lama booda dirreetti ni deebi'a jedhee akka abdatu hime.

    ''Miidhama dheeraa ji'ootaaf turu ta'a, ji'oota murtaahaniif tura. Isaaf baayee gaddisiisaadha, nuufis akkasuma.''

    Ittisni Totenhaam Mikii Vaander Veen kubbaa qoluuf Isaak irratti dogoggora hojjechuu dura Zhaavii Simoons dogoggora ittisa Liiverpuuliratti Vaan Daayik irratti hojjeteef kaardii diimaa argatee dirree keessaa ari'atameera.

    Isloota akkataa taphataan kun kubbaa qoluuf Isaakitti galee carraa taphataa kamuu miidhuu guddaa qabaa jedheera.

    Taphataan kun dogoggora hamaa hojjeteee miidhama Isaakirraan qaqqabsiiseef osoo hin adabamiin hafuunis akkasuma komii kaaseera.

    Tapha torban kana Liiverpuul Woolviz waliin qabuuf Isloota sarara fuulduraarratti filannoo hedduu hin qabu. Saalaan Afcon'tti imaleera. Gaakpoonis miidhamarra jira. Sobozlaayis adabbiirra jira.

    Haala keessa jiru kana hubachuun Harveey Eeliyoot kan ergisaan gara Astoon Viilaa godaaneef waamichi godhameera oduu jedhu Isloot dhugaa miti jedheera.

    ''Eeliyoot hanga barri dorgommii kun xumuramutti traphataa Astoon Viilaati'' jedhe.

  3. Owwaalchi Obbo Abduraahimaan Ruubee raawwatame

    Obbo Abdurahimaan Ruubee

    Madda suuraa, EBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Abdurahimaan Ruubee miidiyaalee garagaraa keessatti tajaajilaniiru

    Du’aan addunyaarraa kan boqotan Hogganaa Itti aanaan Korporeeshinii Biroodkaastingii Itoophiyaa obbo Abduraahimaan Ruubee guyyaa har'aa Finfinneetti sirni awwaalchaa isaanii raawwatame.

    Obbo Abduraahimaan dhaabbilee miidiyaa adda addaa keessatti sadarkaa Riippoortarummaa irraa kaasee hanga hoggansa olaanaatti nama tajaajilani.

    Fulbaana 2014 (ALI) irraa eegalee hanga guyyaa du'aan boqotanitti hogganaa itti aanaa EBC ta’uudhaan tajaajilaa turan.

    Gara hoggansa EBC’tti dhufuusaaniin dura waggootaaf OBN rippoortarummaa kaasee hanga hogganaa itti aanaa ta’anii tajaajiluutti hojjetanii turan.

    Gaazexeessaan kuni dhukkubsatanii erga wal'aanamaa turanii booda umriisaanii waggaa 40tti addunyaa kanarraa boqotan.

    Bultii godhatanii abbaa ijoollee sadiis turan.

    Obbo Abduraahmaan Ruubee Arsii aanaa Loodee Heexosaatti abbaa isaanii obbo Ruubee Kadirii fi haadha isaanii Aadde Mareenaa Haaji Kadir irraa ALI bara 1978 dhalatan.

  4. 'Namuu mar'ummaan isaa walitti maxxaneera' - Buufata baqattootaa Hitsaas maaltu jira?

    Buqqaatota (suuraa faayilii)
    Ibsa waa'ee suuraa, Buqqaatota Tigraay (suuraa faayilii)

    Naannoo Tigraay bakkee kaaba bahatti buqqaatonni jiran beelaaf saaxilamuu BBC Afaan Tigriffaatti himan.

    Kaampii baqattoota Hitsaas jedhamutti kanneen jiran nyaati isaaniif dhihaatu gahaa miti, hanqina qulqullinaas qaba jedhu.

    Buufata baqattoota Hitsaas jedhamu keessatti buqqaatonni kuma 10,000 ol jiru.

    Qindeessaan buufata kanaa Qees Abirahaam Ar’ayaa baatii jahan darban yoo xiqqaate namoonni 300 deeggarsa nyaataa hin arganne jedhan.

    Harmeen buufata kana keessa jiran tokko ‘’asitti sababa beelaan mar’ummaan nama hunda walitti maxxaneera,'' jedhan.

    Mootummaan Naannoon Tigraay naannicha keessa walumaagala buqqaatonni miiliyoona tokko ol akka jiran ibseera.

    ALI erga baraa 2014 ‘’namoota 330 owwaalleerra’’ jechuun qindeessaan kuni himaniiru.

    Namoonni kuni beelaan haa du’anii yookiin sababa biraa haa ta’u waan jedhan hin qaban.

    Hojii gaggeessaan Gamtaa Waldaalee Siivikii Tigraay Dr Yikaalo Walduu haalli Hitsaas keessa jiru Hagayya eegalee hammaachuu dubbatu.

    Buufata kanatti ‘’hanqinni nyaataafi deeggarsaa olaanaa ta’e jira,’’ jechuun himani.

    Hamma namoota du’anii dhaabbati isaanii qoratuu baatus, hanqina nyaataafi rakkoo wal’aansaan namoonni du’aa akka jiran BBC’tti himaniiru.

  5. 'Giriinlaand kan Ameerikaa ta'uu qabdi' jechuun Tiraamp ergamaa addaa muudan

    Tiraamp fi bulchaa Luwiziyaanaa, suuraa Bitootessa darbee kaafameefi kuusaa keessaa fudhatame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi bulchaa Luwiziyaanaa, suuraa Bitootessa darbee kaafameefi kuusaa keessaa fudhatame

    Tiraamp, odola Giriinlaandiitti ergamaa addaa erga muudanii booda dhuunfachuu akka barbaadan dubbannaan, Deenmaark waliin waldhabdee haaraatti jiru.

    Gahee hojii haaraa bulchaa Luwiiziyaanaa Jeef Laandirii BBC'n kan gaafate wayita deebisu, Ameerikaan Giriinlaandiin ''eegumsa biyyaalessaaf'' akka barbaadan ibsuun ''keenya ta'uu qabdi'' jedhan.

  6. Ruutoon daawwannaa hojiif Finfinnee dhaqan

    MM Abiyi gitasaanii kan Keeniyaa Finfinneetti simatan

    Madda suuraa, EBC

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiyi gitasaanii kan Keeniyaa Finfinneetti simatan

    Pirezedantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon daawwannaa hojii guyyaa tokkoof Finfinnee dhaqan.

    Ministirri Muummee Abiyi Ahimad Ruutoo simachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu EBC’n gabaasera.

    Ruutoon dhimma maalirratti mariyachuuf gara Finfinneetti akka qajeelaan odeeffannoon bal’aan hin kennamne.

  7. Hidhattoota Giddaa Ayyaanaatti harka kennatan jiraattonni badiin himatan

    Hidhattoota mootummaatti harka kennatan

    Madda suuraa, Komunikeeshinii Wallagga Bahaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Himannaa hidhattoota kanarratti ka'aa jiruurratti wanti hidhattoonni ammatti jedhan hin jiru

    ''Ol adeemaa waggaa 16 qormaata kutaa saddetiif uffata miiccatee qophaa'ee ture, guyyaan lama yeroo hafu bakka inni rafaa jirutti rasaasaan ajjeesan.

    ''Haati maaloo ijoolleekoo hin fixiinaa jettee jilbeenfattee osoo kadhattuu ishees itti dabalanii ajjeesan.

    ''Intala isaanii kutaa shan barattuu fi ilma biraa waggaa afurii walumarratti ajjeesanii adeeman. Har'a mootummaatti harka kennanne jedhanii itti gaafatamummaa seeraa jalaa bahuu hin qaban.''

    Kun yaada jiraattotaa fi maatii miidhamtootaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu irraa BBC'tti dubbataniiti.

  8. 'Raashiyaan diroonota 600 oliifi misaayiloota 30'n nu haleelte’ - Zeleniskii

    Zelenskii

    Madda suuraa, President Zelensky in front of Ukraine flagImage source,EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Zelenskii

    ''Raashiyaan halkan edaa damee annisaa yukireen, bu'uuraalee misooma sivilii, keessattuu bu’uuraalee misoomaa jiruu idileetiif barbaachisoo ta’anirratti xiyyeeeeffatte,’’ jedhan Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin.

    Zeleniskiin akka jedhanitti Raashiyaan diroonota 600 oliifi misaayiloota 30’n haleeluun daa’ima waggaa afurii dabalatee namoonni sadii ajjeefamaniiru.

    ‘’’Haleellaan kun ayyaana bara haaraa dursee, yeroo namoonni maatiisaanii waliin mana turanitti raaawwatamuun wanta Raashiyaan xiyyeeffannoo kennituuf ifatti agarsiisa.''

    Zeleniskiin akkas jedhan;’ Pirezidantiin Raashiyaaa ajjeechaa namootaa hii dhiisu, kana jechuun hawaasni addunyaa dhiibbaa guddoo irraan gahaa hin jiru jechuudha.’’

  9. Raashiyaan naannoo Yukireeniif ijoo taate Odeessaatti haleellaa hammeessite

    Namoonni ibidda dhaamsan haleellaa diroonii Raashiyaa Muddee 16 to'achuuf yoo yaalan

    Madda suuraa, Press service of the State Emergency Service of Ukraine in Odesa region

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni ibidda dhaamsan haleellaa diroonii Raashiyaa Muddee 16 to'achuuf yoo yaalan

    Raashiyaan naannoo Kibba Yukireen Odeessaa jedhamutti hammeessuun tajaajila ibsaa addaan kutuun bu’uraalee misoomaa Yukireen handaara galaanatti ijaarteef yaaddoo uumte.

    Ministirri Muummee Ittaanaa Yukireen Oleksiy Kulebaa, Mooskoon haleellaa ‘’qindaa’aa’’ naannichatti raawwataa jirti jedhan.

    Torban darbe Kuleebaan xiyyeeffannoon waraanaa ‘tarii gara Odeessaatti geeddaramuu mala’’ jedhanii turan.

    Pirezidant Voloodmiir Zeleeniskii Mooskoon irra deddeebiin meeshaalee karaa galaanaarraa akka hin galchineefi hin baasne dhorkuuuf yaalaa jirti jedhan.

    Jalqaba ji’a Muddee kanatti Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haleellaa diroonii Yukireen taankaroota boba’aa Galaana Gurraacharratti haaloo bahuuf Yukireen galaanaatti hin gargaaramne danquu dandeenya jedhanii turan.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kibxataa eegale.

    Asumaan fuula WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  11. Warqii fi meetiin qaala’ee, gatiin isaa rikaardii haaraa galmeesse

    Warqii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Warqii

    Warqiiin waqeetiin tokko yeroo jalqabaatiif doolara Ameerikaa 4,400 baasuun rikaardii haaraa ta’e.

    Baankiin Gidduugaleessaa Ameerikaa bara ittaanus dhala hir’suu hordofuun gatiin albuudota gati- jabeeyyii dabalee jedhu xiinxaltoonni.

    Jalqaba bara kanaarraa eegaluun warqii waqeetiin tokko doolara Ameerikaa 2,600tti gurgurame.

    Haata’u malee muddamni siyaasa qaxanaa, taarifni Tiraamp baase, dhalli baankii ni dabala jedhame yaadamuu fa'aa ivestaroonni albuudoota gati-jabeeyyii akka warqii akka barbaadan taasise.

    Gatiin alboota gatii jabeeyyii Wixata har’aas kan dabale yoo ta’u, gatiin meetiis rikardii haaraa ta’e galmaa'e. Gatiin warqii bara kan % 68’n dabale, kunis erga bara 1979 asitti isa olaanaadha.

  12. Ruwaandaan waldaa warra wangeelaa kumaatamaan lakkaa’aman cufte

    Fannoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Fannoo

    Ruwaandaan waldoota warra wangeelaa 10,000 ol seeera biyyattiin bara 2018 bakkeewwan amantaa to’achuuf baaste kabajuu didan jechuun cufte.

    Akka miidiyaan ‘TRT WORLD’ jedhamu gabaasetti, seerri haaraa biyyattiin waa’ee fayyaa, nageenyaa fi qabeenya waldaaleen horatan ifoomsuu akka qaban, akkasuma lallabdoonni hundi ragaa barnoota amantii barachuusaanii agarsiisu qabaachuu akka irraa eegamu raggaasifte hojirraa oolchu dadhaban.

    Pirezedantii Ruwaandaa Pool Kaagameen waa’ee waldaa warreen wangeelaa biyya xiqqoo kana keessatti baayya’atanii qeeqaa turan.

    ‘’ Otoo akka kootii waldaan tokkittinuu deebi’ee hin banamu‘’ jedhan ji’a darbe keessa yeroo ibsa kennan.

    Hawaasnii Ruwaanda irra caalan amtii Kirstaanaa hordofu, sababa waldaan cufameef namoonni hedduun waldaa dhaquuf fageenya deemuutu irraa eegama jedha gabaasni ‘TRT WORLD’.

  13. Itoophiyaan borsaa pilaastikaa si'a tokko qofaaf fayyadu dhorkuuf

    Borsaa pilaastikaa si'a tokko qofaaf fayyadu

    Madda suuraa, Gettyimages

    Ibsa waa'ee suuraa, Borsaa pilaastikaa si'a tokko qofaaf fayyadu

    Itoophiyaan Amajjii dhufurraa kaastee borsaa pilaastikaa baayi’naan 'peestaalaa' jedhamee beekamu dhorkuuf.

    Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itoophiyaa Amajjii 31, 2026 irraa eegalee boorsaa pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadu dhorkuu akka jalqabu beeksise.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, labsii paarlaamaan dhiyeenya ragga'e hordofee dhorkame .

    Wixieen seeraa kun erga bahe asitti ji’oota jahan darban balaa pilaastikii gatuun naannoorratti fidu warreen pilaastika oomishanii fi fayyadamtoota hubachiisaa ture.

    Akka dambii haaraa kanatti peestaala yeroo tokko qofaaf fayyadaaf oolu gargaaramuun, oomishuuf ykn biyya alaatii galchuun dhorkaadha.

    Oomishtoonnis ta'e fayyadamtoonni seera kana cabsan ni adabamu.

    Abbaan Taayitichaa Eegumsa Naannoo akka ibsetti, dhorkaan kun faalama naannoo hir’isuun naannoo kunuunsuuf tarkaanfii murteessaadha.

  14. Jeneraalli Raashiyaa boombii konkolaataa irratti kiyyeefameen ajjeefame

    Bakka haleellaan itti raawwatame

    Madda suuraa, Reuters

    Anga'oonni Raashiyaa Jeneraalli Raashiyaa tokko dhohinsa boombii konkolaataa irratti kiyyeeffameen Moskootti ajjeefamuu beeksisan.

    Koreen qorannoo Raashiyaa akka jedhetti, jeneraalli waraanaa kun Wiixata ganama, dhootuu konkolaataa isaa irratti kiyyeffameen ajjeefamuu ibsan

    Korichi itti dabaluudhaan namni ganna 56 Sarfaroov jedhamu kun humna waraanaa Raashiyaa keessatti itti gaafatamaa kutaa leenjii hojii akka ture ibseera.

    Yaadota qoratamaa jiran keessaa tokko boombiin kun tajaajila basaasaa Yukireenin kan kiyyefame ta'uu akka danda'u erame.

    Yukireen garuu hanga ammaatti yaada tokkollee hin kennine.

  15. Namni ajjeechaa Aadde Adaanach kumsaan shakkame to'atameeraa?

    Suuraa shakkamaa

    Madda suuraa, Maatii

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa shakkamaa maatiirraa argame

    Namichi hojjettuu baankii ajjeessuun reeffa bineensi akka nyaatu godheera jechuun shakkame to'atame kan jedhu 'oduu sobaati' jedhe Poolisiin.

    Ajjeechaa 'sukaneessaa' hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Alaltuu kan taate Aadde Adaanech Kumsaa irratti raawwatameen booda namni gocha kanaan shakkame miliqee poolisiin barbaadaa akka jiru ibsee ture.

  16. Israa'el West Baankiitti qubsuma haaraa 19 dhuunfachuuf karoorfatte raggaasifte

    Israa'el West Baankiitti qubsuma haaraa 19 dhuunfachuuf karoorfatte raggaasifte

    Madda suuraa, get

    Mootummaan Israa’el qubsuma West Baankii dhuunfatame keessatti argamu daran babal’isuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, qubsuma haaraa 19 naannoo sana keessatti ijaaramaniif beekamtii kenniteerti.

    Karoora kana Mana Maree Nageenyaa biyyattiif kan dhiyeessan Ministira Maallaqaa Bezalel Simotirich fi Ministira Ittisaa Israa’el Kaatiz waliin ta’uuni.

    Ministirri kun murteen kun hundeeffama mootummaa Filisxeem ugguruuf akka ta'e ibsameera. Israa’el ji’a Waxabajjii keessa qubsuma haaraa 22 West Baankii qabame raggaasifteetti.

    Murteen kun waggoota sadan darban qofa keessatti lakkoofsa qubsuma raggaasifame 69 taasisa.

    Akka seera addunyaatti qubsumni Israa'el West Baankii keessa jirtu akka seeraan alaatti ilaalama.

    Sa'udiin tarkaanfii kana balaaleffatteetti. Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii babal'ifannan Israa’el kun abbaa biyyummaa Filisxeem kan balaadhaaf saaxilaa jiraachuu akeekkachiisera.

    Waraana Gaazaa booda West Baankii keessatti qubsumaa Israa’el babal'isuun kan taasifamaa ture yoo ta'u, haalli kun ammallee yaaddoo waldhabbii akka hin taane shakkiin jira.

    Israa'el baatii Hagayyaa keessas qubsuma naannawa Yerusaalemitti manneen 3,000 ol ijaaraman kan raggaasise yoo ta'u, karoorri kun kanaan dura sababa balaaleffannaa idil-addunyaatiin dhaabbatee ture.

    Amma West Baankii dhuunfatamuun gara Israa'elitti kutamee fudhatamuu akka danda'us yaaddoo uumeera.

  17. 'Gambeellaatti humnoonni nageenyaa gahaan atattamaan bobbaafamuu qabu' - KMNI

    KMNI

    Madda suuraa, KMNI

    Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haleellaa irra deddeebiin tibbana naannoo Gambeellatti mudateen miidhaa mirga namoomaa jiraattota irra gahu ilaalchisee ibsa baasera.

    Naannichatti walitti bu'iinsi kun bakka adda addaatti akka deddeebi'ee hin mudanneef, itti gaafatamummaa mirkaneessuu barbaachisa jedhe.

    Kana malees, marii hawaasaatiin nagaafi araara uumuu rakkoon kun akka furamuu hojjatamuu akka qabu akeekeera.

    Komishinichi ibsa kaleessa Mudde 21, 2025 baaseen, rakkoo nageenyaa ALI Sadaasa 28, 2018 irraa eegalee Aanaa addaa Gaambeellaa Itaang, Aanaa Gaambeellaa (Abol), Magaalaa Gaambeellaa fi naannawa ishee keessatti mudate hordofee sarbama mirga namoomaafi yaaddoo mudatan hordofaan jira jedhe.

  18. Sa'uudiin lammilee Itoophiyaa dabalatee namoota heddu ajjeesuun rikardii qabatte

    Loltoota naannawa daangaa eegan

    Madda suuraa, AFP

    Sa'uudi Arabiyaan waggoota lamaan darban walitti aansuun lakkoofsi namoota waggaa waggaan ajjeestuu akka malee dabaluun rikaardii haaraa ta'e galmeessiteerti.

    Dhaabbileen mirga namoomaa hedduun gocha kana balaaleffataa jiru.

    Biyyattiitti bara 2025tti lakkoofsi namoota ajjeefamnii 347 yoo ta'u, bara darbe 2024 ammoo namoota 345 ta'antu ajjeefame.

    Teessoo isaa UK keessa kan godhate Dhaabbanni Sa'uudii Arabiyaa keessatti ajjeechaa hordofu Repraayivi jedhamu ''bara kana ajjeechaan olaanaa ta'e galmaa'era'' jedhe.

    Akka dhabbatichi jedhutti maatii namoota ajjeefamaniif murtiin kun hin beeksifamu, reeffis hin kennamuf.

    Dargaggootni lammiilee Itoophiyaa hedduus murtiin kun irratti darbee ajjeefamanii fi kaanis ajjeefamuuf akka jiran BBC'n gabaasaa ture

    Baatuma Adoolessaa darbe lammiilee Itoophiyaa lama du'aan adabamu Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa biyyattii himeera.

    Biyyattiin irra caalaatti lammilee alaa daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu himattu irratti murtii kana kan dabarsitu.

    Gaazexeessitoota fi dubartoota akkasumas ol guddattoota xixxiqqoo hedduu haala kanaan ajjeefterti.

    Akka gabaasni Repraayivi jedhutti, namoota murtiin du'aa itti murtaa'e keessaa lama sadaffaan qoricha sammuu adoochu kan badaa miidhaa hin geessifneen yakkamaa ta'an.

    Murtii du'aa kana ilaalchisee BBC'n mootummaa Sa'udii irraa deebii hin arganne.