Manni Maree Heera Mootummaa Kaameeruun Pireezidaantii aangoo irra jiran Pool Biyaa sagalee gara %54 argachuun filannoo pirezidaantummaa injifachu labse.
Akka anga'ootni jedhanitti Biyaan sagalee dhibbeentaa 53.66 kan argate yoo ta'u, mormituun isaanii guddaa fi michuu isaa duraanii Issa Techiroma Bakary ammoo dhibbeentaa 35.19 argateera.
''Biyaan sagalee seera qabeessa kenname keessaa harka caalu argachuun Pirezidaantii Rippabiliikaa ta'uun labsameera," jedhan Pirezidaantiin Mana Maree Heera Mootummaa Kileeman Atanganaa.
Namoonni miiliyoona afur ol ta’an filannoo kanarratti hirmaatan yoo ta'u biyyaan filannoo kana marroo 8f injifachuu isaaniti.
Erga bara 1982 aangootti dhufanii booda filannoo mo'amee kan hin beekne manguddoon kun filannoo kanallee injifachuu akka danda'u jalqabarraa kaasee tilmaama guddaa argatee ture.
Haa ta'u malee bu'aan kunniin himannaa Issa Techiroma kan osoo bu'aan boordii filannoo irraa hin ifoomiin dura filannoo kana injifachuu isaa labse kan faallessudha.
hogganaan paartii mormituu kun gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, filannoon kun waliin dhahamuu fi ifattii hogganaa Pool Biyaa injifachuu isaa cimsee dubbateera.
Himannaan kun kutaalee biyyattii adda addaa keessatti dheekkamsaa fi mormii kan kaase yoo ta’u, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamuun gabaafameera.
Mormitoonni hedduun Techiroma injifata seera qabeessa ta'uu isaa cimsanii ibsaa turan
Mootummaan mormii kana seeraan ala jechuun labsee, hoggantoota mormitootaa fi aktivistoota hedduu to'annaa jala oolcheera.
Mormii haaraan kun biyya tasgabbii siyaasaatiin beekamtu Kaameeruun gara jeequmsaa siyaasaatti geessuu akka danda’u xiinxaltoonni siyaasaa akeekkachiisaniiru.
Biyaan jalqaba bara 1982 aangoo kan qabate yoo ta'u, bu'aan filannoo kun amma hanga bara 2032tti aangoo irra akka turu isa taasisa.