Baqataan lammii Itoophiyaa kanaan dura miidhaa saalaa raawwachuun yakkamaa ta'uun hidhaa waggaa tokkoon himatame Haddush Gabresillaasee dogoggoraan mana hidhaa UK keessaa erga gadhiifamee booda har'a Landan paarkii tokko keessatti irra deebiin to'atameera.
Dhimmi baqataa kanaa siyaasa UK keessatti dubbii ijoo ta'e kan jiru yoo ta'u, miidhaa saal-qunnamtiin walqabatan raawwateera jedhamuu qabamuu hordofee UK hiriirri farra godaatotaa gaggeeffameera.
Namni kun hidhaan waggaa tokkoo erga itti murtaa'ee booda dhimmi kun xiqqoo tasgabbaa'ee kan ture ta'ullee, Jimaata darbe dogongoraan hidhaatii gadhiifamuun isaa erga dhaga'ameen booda falmiin ka'eera.
Paartileen mormitootaa Yunaayitid Kingidam gurguddoo ta'an dadhabinsa paartii biyyaa bulchaa jiru Leebar Paartii agarsiisuuf Haddush mana-hidhaatii gadhiifamuu akka agarsiiftuutti fayyadamaa jiru.
Ministira Muummee UK Kiir Istaarmer dabalatee aanga'oonni olaanoo hedduun dheekkamuun, qorannoo walabaa gaggeessuu dabalatee adeemsa hojii mana-hidhaarratti jijjiiramni akka taasifamuuf ajajaniiru.
Baqataan dogoggoraan mana hidhaatii bahee kun barbaadamaa
turee kaaba Landanitti to'annoo jala oolfamuu poolisiin magaalaa guddoo UK beeksiseera.
Haddush Qibaatuu Dibalat sa'aatii 08:30 GMT irratti Paarkii
Finsibarii keessatti erga dogoggoraan gadhiifamee guyyaa lamaan booda amma qabameera.
Poolisiin magaalaa Landan, Haddush Qibaatuu seeraan ala bilisa ta'uu isaatiin shakkamee
to'annoo jala kan oole ta’uu ibsuun, gara mana hidhaa Landanitti akka geeffamu
ibseera.
Haddush Qibaatuu ji'a darbe hoteela koolugaltummaa keessa
osoo jiraatuu magaalaa Eppiing keessatti shamarree ganna 14 fi dubartii tokko
irratti miidhaa saalaa raawwachuu isaatiin hidhaan itti murtaa'ee osoo jiruu
ture kan dogongoraan gadhiifame.