Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni Addaa Sudaan (RSF) mootummaa ofiisaa hundeessu ibse
Humni Addaa Sudaan (RSF) mootummaa Sudaan Humna Waraanaan hogganamu cinaatti mootummaa biraa hundeessuu beeksise.
Humni Addaa waggaa lamaaf Humna Waraanaa Sudaan waliin waggaa lamaaf lolatti jira. Yeroo dhiyoo as ammoo magaala guddoo biyyattii Kaartuum dabalatee bakkeewwan heddu keessaa mo'amee baheera.
Dursaan garee RSF Mohaammada Hamdaan Dagaaloo "Sudaan biyya tokkummaa qabdu" ijaaruu akka barbaadu dubbate.
Humni Waraana Sudaan gamasaan magaaala el-Fashaaritti haleellaa cimaa RSF irratti gaggeessuu ibse.
Hamdaan Dagaaloo gamasaan biyya nama dhuunfaan bultu osoo hin taane "biyya seeran bultu" ijaaruu akka barbaadu ibse.
"Nuti ofii waan hundumaa dhuunfachuu osoo hin taane, tokkummaa barbaanna. Sabni, naannoon, ykn amantiin kamuu Sudaanirratti olaantummaa qabaachuu hin qabu jennee amanna," jechuun Telegiraamii gubbaatti barreesse.
Dabaluunis mootummaan RSF hundeesse bakkeewwan ofii to'ate qofaatti osoo hin taane, guutummaa biyyattiitti tajaajilawwan bu'uuraa kanneen akka tajaajila fayyaafi barnootaa akka dhiyeessus beekise.
Gabaasi UN akka agarsiisutti humni RSF haleellaa gaggeessen namoonni nagaan 400 du'aniiru.
Waraana waggaa lamaaf Sudaan garmalee gaaga'e keessatti Humni Waraana Sudaanis ta'ee RSF duguuggaa sanyiifi haleellaa saalaa jumlaa dabalatee yakka waraanaa raawwachuun himatamu.
Bara 2023 irraa kaasun Humni Addaa Sudaan waraana biyyattii Jeneraal al-Burhaanin hogganamu wajjin lolatti seenuu hordofee biyyattii keessatti rakkoo namoomaa hamaa uumee jira.
Waraana biyyattiitti gaggeeffamu kanaan hanga ammaa namoonni kuma 150 ol yoo du'an, miliyeena 12 ol kan ta'an qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.
Lolli dhiyeenya magaala guddoo Daarfuur Kaabaa kan taate el-Fashaaritti gaggeeffamaa jiru ammoo namoonni nagaan kuma heddu qe'eerraa buqqa'uun gara buufata baqattootaa guddicha Zamzamitti akka baqatan dirqisiisera.
Buufanni kun magaala el-Fashaar irraa fageenya 70km irratti kan argamu ta'uurraa kan ka'e namoonni heddu karaarratti dheebudhaan du'uufi hedduunsaanii laafanii buufata baqattootaa kana gahuu dhaabbanni deeggarsa wal-dhaansaa kennu MSF beeksise.