Israa'el Gaazaatti Filisxeemota 22 galaafachuun gabaafame

Kaabaafi giddugala Gaazaatti haleellaa qilleensaa israa’el raawwatteen yoo xiqqaate Filsixeemonni 22 ajjeefamuu qondaalonni fayyaafi sivilii Hamaas dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Masriin hammi bishaanii hidha Abbayyaarraa gadhiifamu 'wal caaluu' himatte

    Alsiisii

    Madda suuraa, Getty Images

    Masriin durayyuu Itoophiyaan 'tarkaanfii gam-tokkee kan marii malee raawwatame' jechuun xumuramuu hidha Abbayyaa fi akkaataa bulchiinsa isaa qeeqaa turte.

    Ammas ''bulchiinsi hidha kanaa qindaa'aa ta'uu dhabuun qormaata itti ta'uu'' qeequun ''bishaan humna ol natti gadi dhiifameera'' jechuun Itoophiyaa himachuu ishee Ministirri Qabeenya Bishaaniifi Jallisii Masrii ibse.

    Ibsa ariifachiisaa biyyattiin Sanbata darbe kana baasteen, Itoophiyaan bulchiinsa fi to'annoo bishaan hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti taasiftu ammallee sirreessuu hin dandeenye jette.

    Sababa kanaanis dambaliin bishaanii hin eegamne ishee mdachuu ibsite.

    Himannaa kanarratti gama Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru. Kana dura garuu aangawoonni Itoophiyaa Hidhi Abbayyaa inumaa hamma bishaan gara gadii yaa'u tasgabbeessuu dubbatani.

    ''Itoophiyaan tarkaanfii gama tokkee fi to'annaa bishaanii akka malee itti fufuun ishee hangi yaa'a bishaan laga Naayil irratti jijjiirama cimaa fideera'' jedha ibsi kun.

    Hamma bishaanii guddaa utuu hin eegamne ishee mudate jette kana hir'isuufis ulaa yaa'a hara ishee Toshkaatti geessu banachuuf akka dirqamtu beeksiste.

    Halli to'annoo ministeerri bishaanii fi inarjii Itoophiyaan hidhacha irratti taasisu qindoomina waan hin qabneef hammi bishaanii gadi lakkifamuu yeroo adda addaa wal fakkataa ta'uu dhabuun itti fufera jedhan ministeerri Masrii.

    Gabaasa guutuu asii argattu

  2. Lolaa Veetnaam mudateen namoonni 90 du'an, 12 ammoo achi buuteen dhabame

    Namoota Da'imman baraaraa jiran

    Madda suuraa, AFP

    Veetnaam keessatti rooba cimaa guyyootaaf roobeen lolaa fi sigiga lafaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 90 yoo du’an, 12 ammoo ammallee achi buuteen isaanii hin argamne

    Mootummaan Veetnaam akka jedhetti guutuu biyyattiitti lolaa kanaan manneen kuma186 manca'uu fi beeyladootni miiliyoona 3 ol du’uu ibseera.

    Qondaaltonni miidhaa qaqqabe paawundii miliyoona dhibbaan lakkaa'amu tilmaamaniiru.

    Naannawa gaarreen Daak Laak jedhamtu kaaana dura miidhaan lolaa wal fakkatan baatii tokkjoo asitti namoonni 60 du'uu dhaabbati oduu AFP.

    Dilbata ganama namoonni kuma 258 ta’an humna ibsaa dhabanii kan turan yoo ta’u, daandiiwwan gurguddoo fi kutaaleen daandii baaburaa cufamuu isaanii qondaaltonni himaniiru.

    Humni waraanaa fi poolisii naannolee akka malee miidhaman gargaaruuf bobbaafameera.

    "Ganda keenya guutummaatti barbadaa'eera. Wanti hafe hin jiru. Wanti hundi dhoqqeedhaan uwwifame," jechuun qonnaan bulaan naannawa Daak Laak Maach Vaan AFP'tti himeera.

    Muummichi ministeeraa biyyattii Pham Minh Chinh walgahii Afrikaa Kibbaa G20 irratti hirmaataa jiran karaa toora interneetii ergaa dabarsaniin hojiin baraarsaa cimaan itti fuffu akka qabu dhaamaniiru

  3. Dargaggeessa Itoophiyaa jireenya karaa gubbaa irra ka'ee UN'tti bakka bu'aa biyyoota hedduu ta'e

    Charineti fi barreessaa olaanaa UN Antoonihoo gutress

    Madda suuraa, Cherinet

    Dippiloomaatii Afrikaa umurii xiqqaa afaanota heddu dubbatu jedhamuun maqaan isaa ka'a.

    Waggaa lama dura umuriisaa waggaa 23tti UN tti bakka bu'aa biyyoota Afrikaa saddeeti ta'e.

    Gaaffii Daabboo argachuurraa gara sadarkaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanitti Sagaleen Afrikaanotaa akka dhaga'amu falmutti ce'uun kutannoo akkamii gaafata?

    Bu'aa ba'ii fi cichoomina akkamiin sana milkeesse ? Dargaggeessa kana dubbisuun kan qindeessine kunooti.

    Charinnat Hariffoo jedhama. Amma dargageessa umurii 25 ta'a. Ijoollummaa isaa harka caalu rakkinaan dabarsuu yaadata.

    Umurii isaa wagga 4tti rakkoon jireenyaa daandii gubbatti isa baaste. Yeroo sanatti abjuun isaa inni guddaan 'nyaatee buluu' ture. Har'a garuu faallaa kanaa jira.

    Naannoo Oromiyaa magaalaa Mooyyaaleetti dhalate. ijoolumma isaatti qormaata hedduu keessa darbeera.

    ''Guddinni koo akka ijoollee kaani hin turre,sababa tokko tokkoon haadhaa fi abbaa malee guddadhe, jireenya baay'ee abdi kutachiisaa ture ani garuu harka hin kennanne'' jedha.

    Gargaarsa maatii tokko malee ijoollee maatii hin qabne akka isaa waliin kararraa jiraata turuu hima.

  4. Yaa'iin G20 hirmaannaa Ameerikaa malee taa'ame maal murteesse?

    Yaa'ii G20

    Madda suuraa, Reuters

    Walgahiin biyyoota G20 jedhaman Afrikaa Kibbaa, Johaanisbargitti gaggeeffame Itoophiyaan irratti hirmaatte Ameerikaa irraa mormii cimaan mudataa ture.

    Ameerikaan yaa'iin kuniyyuu achitti gaggeefamuu hin qabu ijjaannoo jedhuun irratti hirmaachurraa of qoqqobde.

    Haa ta'uu malee, gareen hoggantoota kun labsii rakkoo qilleensaa fi dhimmoota addunyaa biroo ilaalu raggaasisaniiru.

    Garicha keessatti labsiin akkasii hirmaannaa fi gumaacha Ameerikaa malee raawwatamee hin beeku.

    Afrikaan Kibbaa bara darbe pirezidaantummaa G20 yeroo fudhattu, tarkaanfiin kun, akka biyya Afrikaa jalqabaa walgahii hoggantoota addunyaa keessummeessuutti, dhimmoota biyyoota guddachaa jiraniif barbaachisummaa guddaa qaban furuuf akka dandeessisu abdatamee ture.

    Kessumaa biyyootni dureeyyiin dhala liqaa biyyoonni guddatan irraa dachaa lamaa hanga afuriin ol waan qabaniif, baasii liqii biyyoota guddachaa jiraniif hir’isuufaa barbaachisaa akka ta'etti fudhatama.

    Yaa'iin torban kanaas dhimmoota jijjiirama qilleensaaf maallaqa argachuu, hirmaannaa biyyoonni Afrikaa waltajjiiwwan biyyoota hedduu irratti qaban guddisuu, akkasumas dhimmota albuuda fa'aa irratti murteen adda adda kan darbe.

    Haa ta'uu malee murteewwan kunneen beekamtii Ameerikaa hin qabu. Akka dubbi himaan Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa rooyitersitti himanitti, "dhimma kana irratti deebi'amee mari'achuun hin danda'amu," jechuun waldhabdee Piriitoriyaa fi bulchiinsa prezidaantii U.S. Doonaald Tiraamp gidduutti uumame irratti ibsan.

    Waayit Haawus Afrikaan Kibbaa lammiilee adii hacuuccii himata jedhuun walga'ii isheen qopheessite kana irratti Tiraamp dabalatee Ameerikaarraa kan bakka bu'e akka hin hirmaannee ibse.

    Qondaaltonni U.S. labsii yaa'ii kana irratti darbu kamiyyuu diduuf akka yaadan mallattoo agarsiisaniiru.

    Dubbi himtuun Waayit Haawus Aanaa Keeliin, “dhimmi kun mormii Ameerikaan wal irraa hin cinneefi cimaa ta’e qabaachuun'' labsicha irratti dhiibbaa qabaachuu eeruun, Tiraamp bara dhufu yeroo biyyi biraa qopheessitu garee kanaaf ''seera qabeessummaa deebisuuf'' hawwii guddaan eegu jette.

    Yaa'ii kana irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kan argaman yoo ta'u, haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, Itoophiyaan tumsa cimaan biyyootaa waliin hojjachaa jiraachuu eeruun, waltajjiwwaan akkasii guddina waloo Afrikaa akkasumas addunyaa mirkaneessuuf mul’ata guddaa qabaachuu akka qabu gaafatan.

    Yaa'ii kana maddiittis Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi dureewwan danuu birroo waliin dhimmoota gara garaarratti mari'ataniiru.

  5. Israa'el Gaazaatti Filisxeemota 22 ajjeefte - Qondaalota

    Harmee ilmoo baattee boossu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabu cabsuun wal himatu

    Kaabaafi giddugala Gaazaatti haleellaa qilleensaa israa’el raawwatteen yoo xiqqaate Filsixeemonni 22 ajjeefamuu qondaalonni fayyaafi sivilii Hamaas dubbatan.

    Akka qondaalonni jedhanitti haleellaan kuni bakkeewwan shan, manneen jireenyaa dabalatee rukuteera.

    Komaandarri olaanaan Hamaas kanneen du’an keessa jira jedhan maddeen Gaazaa keessaa.

    Waraanni Israa’el haleellaa kan raawwate haleellaa gaafa Sambataa raawwateef deebii akka ta’e ibse.

    ‘’Shororkeessitoonni hidhatan’’ loltootatti dhukaasan jechuun Israa’el dubbatte. Hamaas kana ni waakkata.

    Qaamoleen lamaanuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban jaha dura waliigalame cabsuun wal himatu.