Shaakala waraanaa tokkorraa biraatti darbuu Masrii duuba maaltu jira?

Loltoota lafoo shaakala waloo taasisaa jiran

Madda suuraa, AO

Buufataaleen waraanaa qilleensaa fi galaanaa Masrii torban lamaan darban kana keessa dhiphina keessa jiru.

Biyyattiin shaakala waraanaa waloo biyyoota michuu ishee qopheessuun shaakala tokko irraa gara biratti darbuudhaan muddamtee jirti.

Masrii fi michootni ishee shaakalli waraaanaa biyyootaa Galaana Diimaa kan 'Red Wave 8' jedhamuu xumuruun shaakala waraanaa haaraa Medusa-14' jedhamu eegalan.

Shaakalli waraaanaa biyyootaa Galaana Diimaa kan Masrii fi Sa'ud Arabiyaan ijaaraaman 'Red Wave 8' jedhamuu fi biyyootni ja'a irratti hirmaatan erga torban darbe xumurameen booda shaakala waraanaa biraatu eegalame.

Shaakalli waraanaa kunis shaakala waraanaa waloo 'Medusa-14' kan jedhamu yoo ta'u, kan biyyoota michuu Masrii hirmaachisee fi shaakala torban kanaallee itti fufee jirudha.

Shaakalli waraanaa kun galaana Meditiraaniyaanii fi buufataalee qilleensaa Masrii hedduu keessatti kan gaggeeffamaa jiru.

Humni Waraanaa Masrii akka Dilbata kana beeksisetti shaakalli kun humnoota Masrii, Giriik, Saayiprus, Sa'uudii Arabiyaa fi Faransaay kan walitti fideedha.

Kana malees biyyootni taajjabdoota 12 kan hirmaatan akka ta'e humna waraanaa Masrii waabeffachuun Ahram Onlaayiin gabaasera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

loltootni humna galaanaa, humna qilleensaa, humna lafoo fi humna addaa dabalatee kutaalee humnoota waraanaa adda addaa biyyoota kanaa shaakala kana irratti hirmaachaa akka jiran waraanni Masrii kan ibse.

Akka dubbi himaan humna waraanichaa jedhutti shaakalli torban darbe eegale, humnoota hirmaatan gidduutti yaadama hojii tokkoomsuu fi ergamoota galaanaa waliin hojjechuu guddisuu fi dandeettii leenjii waloo jabeessuu kan kaayyeffatedha.

Dabalataanis ''leenjii muuxannoo ogummaa waljijjiiruu fi tooftaa waraanaa ammayyaa waliin raawwachuuf carraa guddaa banuudha.

Kunis tumsa waloo biyyota michuu Masrii guddisuu fi dandeettii hojii waliin raawwachuu cimsaa,'' jedhan dubbi himaa kun.

Humnoonni qilleensaa biyyoota hirmaatan irraa dhufan olaantummaa qilleensaa waliinii galmaan ga'uuf lola qilleensaa irratti xiyyeeffate hedduu gaggeessu fi ergama isaanii rawwachuu akka danda'an kan itti mul'atee akka ta'ellee eerame.

Kana malees humnoonni addaa Masrii fi gita isaanii bakka adda addaa irraa shaakala dhukaasa kallattiin gaggeessuun, ciminaa fi dandeetti ogummaa sadarkaa olaanaa agarsiisaniirus jedhan.

Shaakala

Madda suuraa, AO

Akka dubbi himaan humna waraanichaa jedhutti shaakalli torban darbe eegale , humnoota hirmaatan gidduutti yaadama hojii tokkoomsuu fi ergamoota galaanaa waliin hojjechuu guddisuu fi dandeettii leenjii waloo jabeessuu kan kaayyeffatedha.

Dabalataanis ''leenjii muuxannoo ogummaa waljijjiiruu fi tooftaa waraanaa ammayyaa waliin raawwachuuf carraa guddaa banuudha.

Kunis tumsa waloo biyyota michuu Masrii guddisuu fi dandeettii hojii waliin raawwachuu cimsaa.'' jedhan dubbi himaa kun.

Humnoonni qilleensaa biyyoota hirmaatan irraa dhufan olaantummaa qilleensaa waliinii galmaan ga'uuf lola qilleensaa irratti xiyyeeffate hedduu gaggeessu fi ergama isaanii rawwachuu akka danda'an kan itti mul'atee akka ta'ellee eerame.

Kana malees humnoonni addaa Masrii fi gita isaanii bakka adda addaa irraa shaakala dhukaasa kallattiin gaggeessuun, ciminaa fi dandeetti ogummaa sadarkaa olaanaa agarsiisaniirus jedhan.

Agarsiisaa meeshaalee waraanaa adda addaa

Madda suuraa, AO

Shaakalli walta'iinsi biyyoota Galaana Diimaa kan 'Red Wave 8' jedhamuu fi hirmaannaa biyyoota 6 qabu torban darbe keessa xumurame.

Wal ta'iinsi biyyoota Galaana Diimaa saddeet Masrii fi Saa'ud Arabiyaan ijaaraaman kunis Masrii, Sa'udii, Joordaan, Sudaan, Yaman, Ertiraa, Somaaliyaa fi Jibuutii yoo ta'an saakala kana irratti Ertiraa fi Somaaliyaan hin hirmaanne.

Shaakalichi hojiiwwan waloo humna galaanaa karoorsuu fi raawwachuu, akkasumas leenjii balaa galaanaarra ga'u waloon qolachuufaa kan of keessatti hammatedha.

Akka dubbi -himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Masrii jedhanitti, shaakalli waraanaa waloo kana humnoota hirmaatan gidduutti dandeettii fooyyessuu fi waljijjiirraa beekumsaa guddisuuf gumaacha ni qabaata.

Ji'a Fulbaanaa keessa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan tattaaffii nageenya galaanaa Diimaa jedhuun walta'iinsa biyyota daangaa qarqara Galaana Diimaa kan hundeessan.

Masriin biyyota gurguddoo dabalatee shaakala waloo heddu taasisaa kan jirtu yoo ta'u, kunis jijjiirama tarsiimoo imaammata alaa fi yaaddoo nageenyaa ishee kan ibsu ta'uu xinxaltootni kan eeran.

Waraana Gaazaa fi Israa'el booda Masriin ejjennoo ittisa ishee akka cimsituu fi biyyoota adda addaa irraa deeggarsa walitti qabchuun baha giddu ga;leessa keessatti biyya jabdiuu akkasumallee Galaana Diimaa irratti adda durummaan socho'uun olaantummaa ishee cimsachuuf sochii gurgurdaa taasisaa jirti.