Afrikaan Kibbaa lammiilee Filisxeem 'icciitiin' gara biyyattii geeffaman akka qorattu ibsite

Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa dhimmi xayyaara 'icciitiin' lammiilee Filisxeem 153 Gaazaa irraa Afrikaa Kibbaatti buuse ni qoratama jedhan

Guduunfaa

  • Namoota Kibba Wallootti osoo albuudabaasanii holqi itti jige waggaa lamaan booda lafeensaanii argame
  • Dubartiin namoota lama biyya alaattin isin erga jettee gowwoomsuun birria kuma 700 ol fudhatte himatamte
  • Odeeffannoo wayitaa argachuf toora kanneeniin filattanii nu hordofuu dandeessu: Marsariitii, YouTube, Whataspp., akkasumas Facebook
  • Toora tamsaasa kallattii kanana dura darbe ammoo asiin argatu.
  • Naayijeeriyaan barnoota sadarkaa jalqabaa afaan dhalootaan barachuu haqxee Ingiliffatti geeddarte
  • Jarman lakkoofsa loltoota ishee guddisuufi

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Oliseen Liiverpuul dhufee Mo Saalaah bakka bu'uufii?

    Mikaa'el Oliisee

    Madda suuraa, Getty Images

    Liiverpuul taphataa lammii Faransaay umuriin isaa waggaa 23 Mikaa'el Oliisee Baayer Muniikirraa fudhachuuf kajeelaa jira.

    Liiverpuul taphataa kana dhimmee kan barbaada jiruuf ammoo umuriin isaa waggaa 33 kan guute taphataa lammii Masirii Mohaammad Saalaah bakka buufachuuf jedhaniiti.

    Arsenaal taphataa lammii Jarmanii yeroo ammaa Boruusiyaa Doortimuund keessa taphatu Kaarim Adeyeemii fudhachuuf dorgommii keessa galeera.

    Taphataa sarara duraa umuriin isaa waggaa 23 ta'e kana dursee kan mallatteessisiifachuuf fedhii agarsiise Maanchester Yunaayitid ture.

    Paaris Seeyint Jarmeen (PSG)n ammoo taphataa sarara fuula duraa lammii Biraazil Viniishiyes Juuniyer fudhachuuf karoora qaba. Taphataan umuriin isaa amma waggaa 25 ta'e kun kontiraatni inni Riyaal Maadiriid waliin qabu bara 2027 xumurama.

    Taphataan sarara fuula duraa Arsenaal fi Biraazil umuriin isaa waggaa 28 ta'e Gabreel Jeesus yeroo dhiyootti gara kilabasaa duraanii Palmeeyiraasitti deebiyuu mala kan jedhu odeeffamaa jira.

    Maanchester Siitii, Liiverpuul fi Tootenhaam taphataa Bornmaawoziifi Gaanaa umuriin isaa waggaa 25 ta'e Antoonii Semeeniyoo jijjiirraa Amajjii keessa fudhachuudhaaf hordofaa jiru.

  2. Siidaa warra seexana waaqeffatanii Ameerikaatti falmii kaaseefi hiika isaa

    Siidaa waaqeffattota seexanaa

    Madda suuraa, Matt Anderson

    Siidaan warra seexana waaqeffatan Ditirooyititti dhaaban ijoo dubbii namoota hedduu ta'eera. Siidaan sibiila boorrajjiirraa hojjetame kun dheerina meetira 2.7 ol qaba.

    Gaafa kan qabu, ijoollee sesseeqan lama kan qabate, bifa qaama wal hormaataa kan dubartiis, kan dhiiraas kan qabate (Baphomet) siidaarratti ni mul'ata.

    Siidaa kana hojjechiisuuf dolaarri kuma 100 baasii ta'eera. Yeroo siidaan kun eebbifamuttis namoonni seexana waaqeffatan dhibbaan lakkaa'aman bakka sanatti argamanii turan.

    Yeroo sanatti siidaa kana gamoo mana-qopheessaa kutaa bulchiinsa Okilaahomaa abboommiiwwan kurnan qabate fuuldura dhaabuudhaaf karoorri qabamee ture.

    Manni-murtii olaanaa Okilaahomaa garuu lafa qabiyyeen isaa kan mootummaa ta'erra mallattoo amantaa kaa'uun hin hayyamamu jedheera.

  3. Afrikaan Kibbaa lammiilee Filisxeem 'icciitiin' gara biyyattii geeffaman akka qorattu ibsite

    Lammiilee Filisxeem xayyaara keessa dhadhaabbatanii jiran

    Madda suuraa, Gift of the Givers

    Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa dhimmi xayyaara 'icciitiin' lammiilee Filisxeem 153 Gaazaa irraa Afrikaa Kibbaatti buuse ni qoratama jedhan

    Gareen kuni buufata xiyyaaraa OR Taamboo yeroo qaqqabu akka hin seenne dhorkamee ture, kanaanis imaltoonni kunneen xayyaara keessa sa'atii 10 dabarsan. ''Paaspoortii isaaniirra chaappaa iddoo irraa dhufanii hin qaban,'' jechuun qondaaloti himan.

    Pireezidant Raamaafoosaa ''gara laafinaafi gaarummaa'' mootummaan agarsiiseen akkasumas deeggarsa tola ooltotaan akka seenan taasifameera jedhan.

    Namoonni kunneen akkamiin Gaazaa irraa akka bahaniifi gara Afrikaa Kibbaa dhufan ammallee hin baramne.

    Afrikaan Kibbaa yeroo Israa'el Gaazaa haleelaa turte deeggarsa ishee Gaazaaf agarsiisaa turte.

  4. Naqamtee - Shaambuu hanga Fincaa'aa: Daa'imman gowwomfamanii daldala saal-quunnamtii irratti bobbaafaman

    Harka namaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Daa'imman kana hojii 'sagaagalummaarratti' bobbaasuun maallaqa argamu guyyaa guyyaan abbaa hoteelaaf akka kennamu taasifamaa ture," jedhan Abbaan Alangaa.

    Daa'imman seeraan ala daddabarfamanii daldala saal-quunnamtii bobbaafaman miidhaan qaamaas irra gahaa tureera.

    Maqaansaanii nageenyasaaniif jecha kan jijjiirame Hawwii fi Ayyaantuun daa'imman umriinsaanii waggaa 18 gadi ta'edha.

    Iddoon dhalootaa ijoollee kanaas aanaalee Godina Wallagga Bahaa keessaa isa tokko yemmuu ta'u, aanichaa bahanii magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa turan.

  5. Koolugaltoonni UK'tti eeyyama argatan dhaabbataan akka achi hin jiraanne godhamuufi

    Shaabaanaa Mahaamuud

    Madda suuraa, PA Media

    Namoonni UK keessatti eeyyama kooluugaltummaa argatan biyya sana keessa yeroodhaaf qofa akka jiraatan taha jechuun jijjiirama imaammataa, seekreetariin dhimma biyya keessaa Wiixata darbe ibsan.

    Shaabaanaa Mahaamuud kooluugaltootaaf eegumsa dhaabbataa kennuun hafeera jechuun kunis biyyattiin gaaffii kooluugaltummaafi dooniidhaan namoota garas qaxxaamuran hir'isuufi jedhan.

    Karoora kanaan namoonni eeyyama kooluugaltummaa argatan yeroo biyyi irraa dhufan nagaa akka qabu murtaa'uu eeyyamni isaanii deebi'ee ilaalama.

    Yeroo ammaa kana UK keessatti eeyyamni kooluugaltummaan waggaa shaniif tura, kanaan booda lammummaadhaafa iyyachuu danda'u.

  6. Ashamaa akkam bultan?

    Tamsaasa keenya kallattii eegalle. Dhimmoota addunyaafi biyyi itti jiran hordofnee isin biraan geenya. Nu faana bu'aa!

  7. EBC dabalatee tamsaasni Televezhinii biyya keessaa adda cite

    Loogoo Sorry,

    Madda suuraa, EBC

    EBC dabalatee chaaneloonni biyya keessaa adda addaa tamsaasa addaan kutuu himame.

    Sababa jijjiirama qilleensaa olaanaa naannawaa Israa’elitti mudateen humni teelee poortii dhaabbata saatalaayitii dhiyeessu ‘SES’ addaan citeera jedha gabaasni miidiyaalee biyya keessaa.

    Sababa Kanaan tamsaasni Televizhiinii Faanaa, EBC fi chaaneloota biyya keessaa adda addaa citeera jedhame.

    Chaaneloota Itoophiyaa keessaa gara tamsaasaatti deebisuuf hojjetamaa akka jiru miidiyaaleen ibsaniiru.

  8. Meeshaan waraanaa RSF-Sudaaniif dhiyaatu akka addaan citu Ameerikaan waamicha taasifte

    Loltoota RSF

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Rubiyoo meeshaan waraanaa humna addaa Sudaan, RSF kan ajjeechaa jumlaa El-Fasheer keessatti himatameef dhiyaatu akka addaan cituuf tarkaanfiin idil-addunyaa akka fudhatamuf waamicha dhiyeesse.

    Kora ministiroota biyya alaa biyyoota garee 9 (G-&) Kanaaadaatti taasifameerratti haasaa cufinsaa taasiseen RSF namoota nagaa ajjeesuu, dirqamaan gudeeduufi miidhaa saal-qunnamtii gara jabinaan raawwateera jedhe Ruubiyoon.

    Humni wraanaa Sudaan UAEn meeshaalee waraanaa Afirikaarra aergamaniifi qacaramtoota kennuun RSF hidhachiisa ajirti jechuun himateera. UAE fi RSF garuu himannaa kana irra deddeebiin waakkataniiru.

    Yaadni Ruubiyoon dhiyeesse kun bulchiinsi Tiraamp waa'ee waraana Sudaan fi waa'ee gocha RSF ifatti kan dubbataman keessaa isa cimaa yo ta'u, dhiibbaa akkamii akka qabaatu garuu ifa miti.

  9. 'Tokummaa daangaa cabsuu' Ertiraa ilaalchisee 'ejjennoon of qusachuu' mootummaa 'yeroo hunda akkasiin itti hin fufu' - Dr Geediyoon

    Dr. Geediyoon Ximootiwoos

    Madda suuraa, House of Peoples Representatives

    ''Sarbama'' Ertiraan ''tokkummaa daangaafi walabummaa'' Itoophiyaarratti raawwattuu ilaalchisee ejjannoo mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuurraa 'of qusachuu'' agarsiisaan ''yeroo hunda akka itti hin fufnee fi kan daangaa hin qabne godhamee fudhatamuu akka hin qabaanne'' ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos himan.

    Dr Geediyoon, Itoophiyaan ''foxxoquu Ertiraatiin duraafi booda'' sababii ''qabeenyaa buufata Asab irratti baastee olaanaatiin'' dhimmi Asab dhimma ''ijoo mootummaa federaalaatiin'' dursi kennamuuf akka ta'e ibsuusaanii gabaafameera.

    Dr Geediyoon kan kana dubbatan kaleessa guyyaa Kamisaa Sadaasa 13, 2025 ''foramii imaammataa gareen 'Horn Review' jedhamu Yunivarsitii Finfinnee waliin ta'uun qopheesse irratti ture.

    Dr Geediyoon waltajjii ambaasaadaroota dabalatee dippilomaatoota biyyoota gargaaraa irratti hirmaatan kana irratti, dhimmoota yeroo Gaanfa Afriikaa ilaalchiisuun ilaalchaa fi imaammata mootummaa Itoophiyaa dhiyeessaniiru.

    Ibsi ministirri dhimma alaa kun keessattuu kan xiyyeeffate walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraarratti ture.

  10. Namoota Walloo Kibbaatti osoo albuuda baasanii holqi itti jige waggaa lamaan booda lafeensaanii argame

    Namoonni albuuda qotan lafa jalatti

    Madda suuraa, Getty Images

    Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo, Aaanaa Daalaantaatti namoota osoo albuuda Opaal baasaa jiranii holqi irratti kufe saddeeti waggaa tokkoofi baatii saddetiin booda lafeensaanii argame.

    Lafeen namoota kanneen kun namoota albuuda qotan kan biraatiin akka argame dura taa'an gurgurtaa fi omisha albuuda gati-jabeeyyii kan ta'an Obbo Tasfaayee Agaash BBC Amaariffatti himaniiru.

    ''Namoonni kallattii biraatiin seenuun halkan hojjataa turaniitu ture. Gara kallattii sanaatti yoo imalan reeffa namoota saddeettanii argataniiru'' jechuun ibsan Obbo Tasfaayeen.

    Sirni awwaalcha namoota kanneenitis har'a guyyaa raawwatamuusaa Obbo Tasfaayeen himaniiru.

    Namoonni amma reeffii isaanii argame saddeettan kunneen ALI Amajjii bara 2026 halkan keessa osoo albuuda Opaal qotaa jiranii ture kan holqicha keessatti awwalaman.

    Yeroo sanatti holqi dheerina meetira 150 qabu keessa seenuun qotuun kan dana'ame gara meetira 33 kan ta'u qofaa akka ture ibsamee ture.

    Yaaliin namoota sana baasuudhaaf taasifamaa tures yeroo qotamaa jiru waan biyyoon jigeef guyyoota jahaan booda akka addaan citu taasifamuunsaa ni yaadatama.

    Obbo Tasfaayee Agaash waggaa lamaan dura af-gaaffii BBC waliin taasisaniin sababii namoonni karaa seeraan alaatiin albuuda baasan naannichatti bobba'aniif holqichi jiguusaatiif sababa tokko akka ta'e dubbatanii ture.

    Maatiin namoota balaa kanaan du'anitis guyyoota 19n booda abdii kutachuun hirmii baafachuun gaddaaf taa'anii akka ture gabaafameera.

  11. Hakiimni hidhattootaan ukkaamfame akka gadhiifamuuf kaffalamus ajjeefamee argame

    Hakiima hidhattoonni Faannoo butanii ajjeesan

    Madda suuraa, Family

    Hakiimni Hospitaala Waliigalaa Matammaatii hidhattootaan butame akka gadhiifamuuf maallaqni gaafatame kaffalamus ajjeefamee argame.

    Hosptaalichatti narsii yaala ijaa kan tahe Daani'eel Naggaa Onkoloolessa 19, bara 2018 galgala mana nyaataa tokkoo osoo irbaata nyaachaa jiruu hidhattootaan butamee fudhatamuu maatiin BBCtti himan.

    Hidhattoonni isa ukkaamsuun fudhatanii deemanis isa gadhiisuuf maatiin Birrii miliyoona 3.5 akka kaffalaniif gaafachuu himan.

    Daani'eel Naggaa fuudhee ijoollee lamas godhateera. Waayillisaa tokko akka BBCtti himetti erga butanii booda ajjeefamee argame.

    Hakiima ijaa lakkoofsaan muraasa hospitaalicha keessa jiran keessaa Daani'eel hojjetaa cimaa fi dhama'aa oolu tahuu waayilli isaa biraan BBCtti hime.

    Miseensi maatii isaa nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne BBC Afaan Amaaraatti akka himanitti, Daani'eel guyyaa sana halkan ojiif hospitaala waan buluuf ''irbaata nyaadheen deebi'a'' jechuun akka bahe himan.

    Naannoo galma guddaa hospitaalichaa mana nyaataa jiru tokko keessaa hidhattoonni jaha tahanii dhaquun osoo nyaachaa jiruu akka fudhatanii deeman himan.

    Halkanuma butanii deeman sana haadha warraa isaatti bilbiluun akka Daani'eeliin butan itti himan. Firoonni isaa kaan ganamasaa akka dhagahan BBCtti himan.

  12. Dubartiin namoota lama biyya alaattin isin erga jettee gowwoomsuun birria kuma 700 ol fudhatte himatamte

    Shakkamtuu Eleenii Balaay

    Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

    Dubartii namoota lama biyya alaattin isin erga jechuun gowwoomsitee birrii kuma 700 ol fudhatterratti himanni banamuu finfinneetti qajeelchi poolisii kutaa bulchiinsa magaalaa Yakkaa beeksise.

    Akka poolisiin ibsetti, Shakkamtuun kun maqaan isaa Elleenii Balaay yoo ta'u, kutaa bulchiinsa magaalaa Yakkaa aanaa 9, Gamoo Mettebaabariifi aanaa 8, Gamoo Sirii M keessatti sa'aatiifi guyyaa adda addaatti beellamuun gara biyya alaa ergaa jirra jechuun miidhamtootashee gowwoomsuu qorannoon jiru ni agarsiisa.

    Shakkamtuun kun namoota miidhaman keessaa tokko gara Israa’eelitti si erga jechuun gowwoomsitee, kutaa biyyaatii gara finfineetti erga waamteen booda viizaafi adeemsa barbaachisu ittiin xumuruuf birrii kuma 250 callaa harkatti akka kennituuf, kuma 200 herrega baankii akka galchitu gaafachuushee gabaasni qorannichaa ni mul’isa.

    Gama biraatiin, dubartiin kun mala gowwoomsaa wal fakkaatu fayyadamuun miidhamtuu biraa gara Niiw Ziilaanditti erguuf waliigaluun Itoophiyaarraa kallattiin deemuun waan hin danda’amneef jalqaba Yunaayitid Arab Emireetis deemtee C.P.O kuma 320 fi 173 hojjechiiftee miliqxi. Shakkamtuun kun dhabamuun ishee miidhamtuu kan rifaasise yoo ta'u, dhimmicha kutaa poolisii Yekaatti gabaaste. Poolisii ammoo eeruu kana hordofee to'annoo jala oolchuuuusaa kan beeksise yoo ta'u, odeeffannoo argateenis dhimmicha qoratee galmee dhimmichaa abbaa alangaaf ergeera.

    Qajeelci Poolisii Finfinneeergaa dabarseen, namni biyya alaa deemee hojjechuu barbaadu waraqaa barbaachisaa ta’e guutee seeraan qofa akka deemu dhaamsa dabarseera.

  13. Masriin buufata doonii haaraa Jibuutiitti ijaaruuf, Itoophiyaaf maal akeeka?

    Pirezidant Omar Gileefi MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, Getty Images

    Masriin biyya ollaa Itoophiyaa kan taate Jibuutii keessatti ijaarsa buufata doonii haaraa keessatti qooda fudhachuuf akka jirtu gabaafame.

    Biyyoonni lamaan waggaa dura buufata doonii misoomsuufi kaan dabalatee Waliigaltee Hubannoo (MoU) mallatteessan dhihoo hojiirra oolchuuf jedhu.

    Sochiin Masrii yeroo Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf gaaffii yeroo cimsitee jirtutti dhagahame.

    Itoophiyaan ulaa takkittii oomisha alatti itti baastuufi alaa itti galchitu Jibuutiidha.

    Sochii Masrii kana Itoophiyaan akkamiin akka ilaaltu ammatti ifa ta'udhaas baatu, kuni nageenya biyyaalessasheef ''yaaddessaadha'' jedhu xinxalaan BBC'n dubbise.

    Gaazexaan biyya keessaa Capital jedhamu maddeen eeree akka gabaasetti, waliigalteen Masriin buufata doonii Jibuutiitti ijaaruuf jettu dhihoo ni taasifama.

    Dhimma Hidha Abbayyaan Itoophiyaan gammachuu kan hin qabne Masriin yeroo ammaa Finfinnee waliin hariiroo gaarii kan hin qabne Ertiraa waliinis michummaa cimsiteetti.

    Adeemsi Masrii kuni maali? Itoophiyaaf maal akeeka? Itoophiyaan maal gochuu qabdi? Masriin Itoophiyaa 'marsaa' jirtii?

  14. Naayijeeriyaan barnoota sadarkaa jalqabaa afaan dhalootaan barachuu haqxee Ingiliffatti geeddarte

    Barattoota uffata danbii adiifi cuquliisa keewwatanii, dabtara qabatanii deemaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Naayijeeriyaa imaammata falmisiisaa barnoota sadarakaa tokkoffaa afaan dhalootaan barachuu dirqamsiisuu haquu beeksisuun afaan Ingiliiziin bakka buuseera.

    Ministeerri Barnootaa Tuunjii Alaawuusaa sagantaan kuni waggaa sadii dura beeksifamus hojiirra otoo hin ooliin turuu himan.

    Afaan Ingiliizii barnoota sadarkaa duraa irraa hanga yunivarsiitiitti afaan barnootaa taha jedheera.

    Ijoolleen afaan dhalootaan barachuun bu'aa qabeessa dha jechuun kan hojiirra oolche ministira barnootaa duraanii Adaamuu jedhamu ture.

    Yeroos ministaricha ijoolleen afaan dhalootaan yoo baratan hubannoon barnootaa isaanii fooyya'aa taha jechuun ture- adeemsi kuni qorannoowwan UN baayyeen ni deeggarama.

  15. Jarman lakkoofsa loltoota ishee guddisuufi

    Loltoot Jarman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoot Jarman

    Mootummaan tokkummaa Jarman lakkoofsa loltoota biyyattii guddisuuf waliigale.

    Karoorri waraanaa haaraan dargaggoonni umurii 18 olii hundi leenjii waraanaa akka fudhatan kan godhudha.

    Bara 2027 irraa jalqabuun gaaffiin dhuunfaan isaaniif ergamu jira. Isa guutanii deebisuun fedhii isaanii kan agarsiisan taha.

    Dhiirotaaf dirqama yoo tahu dubartoonni umurii 18 olii kaan garuu fedha isaaniin itti makamuu danda'u.

    Jarman Awurooppaa keessaa humna waraanaa cimaa ijaaruu barbaaddi.

    Hogganaan dhaabbata humna ittisaa Jarman Rheinmetall, karoorri kun waggaa shan keessatti kan hojiirra oolu tahuu himan.

    Amma loltoonni Jarman 182,000 akka tahu, bara dhufu ammoo loltoota 20,000 dabaluufidha.

    Waggoota 10 keessatti ammoo gara 260,000tti guddisuuf karoorsaniiru.