Naqamtee, Shaambuu hanga Fincaa'aa: daa'imman gowwomfamanii daldala saal-quunnamtii irratti bobbaafaman

Harka daa'imaa

Madda suuraa, Getty Images

"Daa'imman kana hojii 'sagaagalummaarratti' bobbaasuun maallaqa argamu guyyaa guyyaan abbaa hoteelaaf akka kennamu taasifamaa ture," jedhan Abbaan Alangaa.

Daa'imman seeraan ala daddabarfamanii daldala saal-quunnamtii bobbaafaman miidhaan qaamaas irra gahaa tureera.

Maqaansaanii nageenyasaaniif jecha kan jijjiirame Hawwii fi Ayyaantuun daa'imman umriinsaanii waggaa 18 gadi ta'edha.

Iddoon dhalootaa ijoollee kanaas aanaalee Godina Wallagga Bahaa keessaa isa tokko yemmuu ta'u, aanichaa bahanii magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa turan.

"Daa'imman kun gara magaalaa Naqamtee dhufanii nama Waaqgaarii Lataa jedhamu biratti hojii buna minjaalaa danfisuu hojjechaa turan" jedhu Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa kan ta'an Obbo Kabbadaa Ragga'aa.

Haa ta'u malee ALI Caamsaa 29,2017 namoonni Galataa Hirphaa fi Dassaalany Hundumaa jedhaman gara daa'imman kanaa deemuun "hojii maallaqa guddaa argamsiisu" akka hojjetaniif isaan affeeru.

"Hojii torbee tokko keessatti maallaqa guddaa ittiin argattanfi ittiin duroomtan isiniif argeen jira" jechuun daa'imman kana kan amansiisemmoo Galataa Hirphaati.

Haa ta'u malee daa'imman maallaqa gaariifi jireenya fooyyee hawwan lamaan wanta affeerraa kana duuba jiru hin hubanne, goyyomfamaa akka jiranis hin barre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaafis yaada namni Galataa Hirphaa jedhamu dhiyeesseefitti waliigaluun hojii haaraaf of qopheessan.

"Galataa Hirphaan kana gaafa hojjetu heeyyama hojjetaafi hojjechiisaa inni qabu dawoo godhatee ijoollee kana goyyomse" jedhu Abbaan Alangaa.

Haaluma kanaan namni kun daa'imman kunneen goyyomsee erga amansiisee booda waahilasaa Dassaalany Hundumaa jedhamufii magaalaa Shaambuu keessaa hoteela qaburraa qarshii 13,000 fudhachuun daa'imman lamaan kunneen akka fudhatu taasise.

"Dassaalany Hundumaa kan jedhamu immoo ijoollee kana gara magaalaa Shaambuu fidee mana hoteelaa isaatti hojii 'sagaagalummaa' akka hojjetan taasise" jedhan Abbaan Alangaa.

Namni kun daa'imman lamaan hoteelasaa keessa guyyoota lamaaf hojii sagaagalummaa akka hojjetan erga taasiseefi, maallaqa irraa erga argatee booda 'Giroosarii Fayyee' jedhamu keessatti hojii walfakkaataa akka hojjetaniif nama Fayyeeraa Kiisii jedhamutti dabarsee kenne.

Giroosarii kanattis daa'imman hojii 'sagaagalummaa' dirqamaan akka hojjetanfi abbaa qabeenyaaf galii akka argamsiisan taasifaman.

Daa'imman kun "dirqama hamma kana hojjechuu qabda' jedhamee kallattiin itti kennama. Sana hojjechuu yoo dadhabdemmoo miidhaan akka reebichaafi doorsisaa irra gahaa ture" jedhu Abbaa Alangaa Kabbadaa.

Daa'imman kunneen bifa kanaan magaalaa Shaambuu keessatti erga hojjetanii booda achuma Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbayyii Coomman magalaa Fincaa'aatti akka daddabarfaman taasifame.

"Qarshii 28,000 fudhatanii gara nama magaalaa Fincaa'aatti argamutti isaan dabarsan" jedhan Abbaan Alangaa.

Haa ta'u malee daa'imman kun hojii dirqamaan irratti bobbaafaman hojjechuuf fedhii akka hinqabne dubbatanillee, dirqamaan akka hojjetan taasifamaa turuu galmeen Abbaa Alangaa hima.

"Nuti hojii kana hojjechuu hindandeenyu' gaafa jedhan, 'erga maallaqa keenya isinitti baafnee hojii kana hojjettanii deebisuu qabdu' jedhanii yeroo adda addaatti isaan reebaa miidhaa qaamaa irratti geesisaa turan" jedhan.

Dhumarrattis daa'imman lamaan miidhaa irratti raawwatamaa jiru qaamolee nageenyaaf himachuu isaaniitiin dhimmichi qorattoota poolisii fi abbaa alangaa bira gahe.

Hidhaa cimaa waggaa 19 fi 20

Dhimma daa'imman kanaa "Abbaan Alangaa fi Poolisiin xiyyeeffannoo guddaa itti kennan" kan jedhan Abbaa Alangaa Kabbadaan, ijoolleen gara magaalaa Shaambuutti deebi'anii qorannoon adeemsifamuu himan.

Qorannoon erga xummuramee boodas Abbaan Alangaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa namoota jaha irratti Mana Murtii Olaanaa godinichaatti himata bane.

"Labsii Yakka Namaan Daldaluufi Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuufi To'achuuf bahe lakk. 1178/2012 keewwata 4/1 A fi D darbuun himannaan kun kan dhiyaate" jedhan.

Himatamtoonni jahan kunis himatamaa tokkoffaa Galataa Hirphaa, himatamaa lammaffaa Dassaalany Hundumaa, Himatamaa sadaffaa Fayyeeraa Kiisii akkasumas abbootii qabeenyaa hoteela magaalaa Fincaa'aa jiruu (abbaa warraafi haadha warra) fi dubartii daa'imman lamaan Shaambuudhaa gara Fincaa'aatti geessitedha.

Miidhamtoonni nama lama waan ta'aniifis tokkon tokkon himatamtootaa irratti himatawwan lama saaqamuu Abbaan Alangaa himan.

"Namoonni sadi dhimma kana guutummaan guututti hinbeekan jedhee manni murtii keessaa hambise" kan jedhan Abbaa Alangaa Kabbadaa Ragga'aa, manni murtichaa himatamtoota jalqabaa sadeen irratti Sadaasa 3, 2018 adabbii muruu himan.

Haaluma kanaan himatamaa tokkoffaa Galataa Hirphaa hidhaa cimaa waggaa 19 fi qarshii 20,000n yemmuu adabu, himatamtoota 2ffaa fi 3ffaa kan ta'an Dassaalany Hundumaa fi Fayyeeraa Kiisii immoo tokkon tokkonsaanii hidhaa cimaa waggaa 20 fi qarshii 30,000 akka adabaman murteesse.

Gama biraatiin himatamtoota manni murtii bilisa jedheeniifi daa'imman lamaan magaalaa Fincaa'aatti hojjechiisaa turan irratti Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti ol-iyyachuusaanii Abbaan Alangaa Kabbadaa himaniiru.

Daa'imman miidhaan irra gahes deeggarsa qaamolee garagaraatin yaala fayyaafi deeggarsa xiin-sammuu erga argatanii booda gama Fannoo Diimaatiin gara maatii isaaniitti akka deebi'an taasifamuus himaniiru.

"Gochaan akkasii naannoo keenyatti bal'inaan mul'achuu baatus dhoksaadhaan inuma raawwatama jedhamee tilmaamama" kan jedhan abbaan alangaa, "murteen kenname warren waan akkasiirratti bobba'an akeekkachiisuufi barsiisuu keessatti murtii fakkeenyummaa qabudha" jedhaniiru.