Siidaa warra seexana waaqeffatanii Ameerikaatti falmii kaaseefi hiika isaa

Siidaa waaqeffattoota seexanaa Ameerikaatti falmii kaase

Madda suuraa, AP

Siidaan warra seexana waaqeffatan Ditirooyititti dhaaban ijoo dubbii namoota hedduu ta'eera. Siidaan sibiila boorrajjiirraa hojjetame kun dheerina meetira 2.7 ol qaba.

Gaafa kan qabu, ijoollee sesseeqan lama kan qabate, bifa qaama wal hormaataa kan dubartiis, kan dhiiraas kan qabate (Baphomet) siidaarratti ni mul'ata.

Siidaa kana hojjechiisuuf dolaarri kuma 100 baasii ta'eera. Yeroo siidaan kun eebbifamuttis namoonni seexana waaqeffatan dhibbaan lakkaa'aman bakka sanatti argamanii turan.

Yeroo sanatti siidaa kana gamoo mana-qopheessaa kutaa bulchiinsa Okilaahomaa abboommiiwwan kurnan qabate fuuldura dhaabuudhaaf karoorri qabamee ture.

Manni-murtii olaanaa Okilaahomaa garuu lafa qabiyyeen isaa kan mootummaa ta'erra mallattoo amantaa kaa'uun hin hayyamamu jedheera.

Yeroo siidaan kun eebbifamu namoonni dhibbaan lakkaa'aman bakka sanatti argamanii ture

Madda suuraa, Chris Switzer/Facebook

Baphomet maalidha?

Boci siidaa kanarra jiru Baphomet jedhama.

Naannoo jaarraa 12ffaa keessa gareewwan 'Knights Templar' jedhamuun beekaman rakkoofi gidiraa isaanirra gahe waliin wal qabsiisu. Miseensonni garee kanaa 1100 ta'an seexana waaqeffachuutiin beekamu.

Taatee kana haala waggoota dhibba dura ture waliinis walitti dhufeenya akka qabu hayyoonni seenaa ibsanis jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Adeemsa barootaa keessas waa'ee garee kanaa kan dubbatan ragaawwan icciitii babal'ataa dhufan.

Asoosamni barreessaa beekamaa Daan Biraawun 'The Da Vinci Code' jedhamu ka'umsa akka ta'es ni amanama.

'Baphomet' jechi jedhu 'Soofiyaa' ykn ogummaa kan jedhutti hiikama.

Fakkiin 'Baphomet' bara 1856 bocame kanneen hedduu beekaman keessatti eerama.

Ogeessi aartii lammii Faransaay hojiiwwan isaa icciitii qabaniin beekamu Ifaas Leevii ture kan qopheesse.

Gaanfa isaa lamaan gidduutti ifa kan qabu, ijoollee sesseeqan lama kan qabate, akkasumas qaama wal hormaataa kan dubartiis, kan dhiiraas boca qaburraa tolfame.

Irree isaarratti Laatiniitiin 'SOLVE' fi 'COAGULA' jedhamee barreeffameera. Hiikni isaaniis 'adda bahuu' fi 'wal arguu' jechuudha.

Wal arguunis, adda bahuunis kennaa uumaati kan jedhutti hiikama.

Fakkiin Leevii sochii 'Satanic Temple' [iddoo aarsaa seexanaa] kan jedhuuf ka'umsadha.

Xiinxalaa waaqeffannaa seexanaa kan ta'e Gireeviis akka jedhutti, boci kun fuggisoowwan hunda kan qabatedha. Isaanis, isa olaanaafi gadi aanaa; bineeldaafi nama, akkasumas dhiiraafi dubartiidha.

Ogeessonni kun fuggisoowwan jajachuudhaaf kan kaayyeeffatedha jedhanii ibsu.

Fakkiin Leevii sochii 'Satanic Temple' [iddoo haarsaa seexanaa] kan jedhuuf ka'umsadha

Madda suuraa, Other

'Salaamtaa' quba lamaa

Siidaa kanarratti karaa gama mirgaatiin qubni lama mallattoo 'salaamtaa' jedhu agarsiisuuf ol ka'ee mul'ata. Karaa bitaarraan ammoo qubni lama gadi agarsiisanii mul'atu.

Kunis gara oliifi gara gadiitti agarsiisuuf jedhamee kan hojjetamedha.

Keessumaa ammoo baroota Renaisance fi Reformation keessa barreessaa beekamaa kan ture Hermees Tiriismaaster irraa yaada dhaalamedha.

Yaadni kun saayinsiifi uumama addunyaatiinis ni calaqqisiifama.

Leeviin akka jedhutti, boci kun kan agarsiisu firooma "dhiifamniifi haqni" qabanidha.

Siidaa seexanaa

Madda suuraa, Matt Anderson

Ijoollee lamaan

Ijoolleen lamaan siidaa kanarra akka jiraatan kan taasifameef "ijoolleen akka hojii aartii miidhagaatti akka ilaalaniifi hin sodaanneefidha" jechuun ibsa xiinxaalaan dhimma kanaa Gireeviis.

Fuulli re'ee argamus akka kan sodaachisu hin taane ykn kan dheekkame akka hin taane godhameera. Bifti irraa mul'atu kan hedduu miira hin calaqqisiifne akka ta'utti kan taasifameefis, "dhiibbaa aadaa barame keessatti akka hin kufneef" jedhamee akka ta'e dubbata.

Ijoolleen waa'ee seexanaa kan dhaga'anirraa miira sodaatiin akka siidaa kana hin ilaalle gochuuf akka taasifame ogeessi kun ni ibsa.

"Ijoolleen amantaa tokko akka hordofaniif dirqisiifamu. Nuti garuu sana gochuu hin barbaadnu," jedha.

Namoota fannoo dura dhaabbatanii jiran

Madda suuraa, Matt Anderson/Facebook

Mallattoo bofaa

Siidaa kanarra Giriik duriirraa kan fudhataman bofni lama wal keessa fuudhaman ni mul'atu.

Bofni lamaan (Caduceus) daldala, waliin dubbachuu fi wal kabajuu kan agarsiisanidha.

Waaqeffannaa seexanaa kan hordofu Gireeviis akka jedhutti, bofni lamaan "fuggisoo/faallaan lamaan wal danda'uu" agarsiisu.

"Siidaan warra seexana waaqeffatanii abboommiiwwan kurnan Kiristaanotaa dura yeroo dhaabbatus kan agarsiisus kanumadha. Walitti bu'insi osoo hin jiraatiin garaa garummaatiin itti fufuun ni danda'ama," jedha.

Wanti biraan siidaa kanarratti mul'atu boca qaama wal hormaataa kan dubartiis, kan dhiiraas qabatedha.

"Boca kanarratti harmi hin mul'atu. Falmii saalaa keessa galuu waan hin barbaadneefidha kan kana gooneef" jechuun ibsa xiinxalaan kun.

"Fuggisoo/faallaa gochuu caalaa walitti hidhamnsa lamaanii agarsiisa," jechuun itti dabalee ibsa.

Urjii roga shan qabu

Duraafi duuba siidaa kanaarratti urjiin roga shan qabu (pentagram) ni mul'ata.

Mallattoon kun warra seexana waaqeffatan biratti baramaadha. Urjiifi fannoon gargalfamanii mul'atu.

"Namoonni aadaa keessaa dhufaniin waan itti amanan irra deebiin akka xiinxalan kan hafeerudha.

Mirga walitti dhufeenya saala wal fakkaataafi sirna wal hormaataa ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa qabaachuu danda'u," jechuun namni hordofaa waaqeffattoota seexanaa ta'e kun ibsa.

Siidaan kun gaanfa isaa gidduutti ifa qaba. Warri seexanaa waaqeffatan kana fedhii beekumsaa ykn beekumsa barbaaduu kan agarsiisudha jedhu.

Fedhiin beekumsaa akka utubaa amantii ijootti ilaalama.

"Ifni beekumsaa gaanfa gidduutii bahee ibsa. Addunyaa madaalawaa gochuu agarsiisa. Lubbuun hunda ol ta'uu agarsiisa. Qabeenyi lafarraa lubbuun booda dhufa," jedha artist Leeviin.

Siidaa kanarratti abboommiiwwan warra seexana waaqeffatanii gurguddoo torba barreefamaniiru.

Kanneen "gara laafummaa, ogummaa, haqa" jedhaman warra eeraman keessaati.

Duubarratti luqaaasiin walaloo Loord Baayiran irraa fudhatametu jira. Innis "Seexanni eenyu? Bara baraan gammachuu beekumsaa keessa akka jiraattu eenyutu siif hayyame, ykn akka jiraattu siif hin hayyamne?" kan jedhudha.

Warri seexana waaqeffatan eenyufaadha?

Seexana kan hordofan maqaa 'Satanists', 'Secularists', fi kanneen birootiin beekamu.

Akkasumas, walabummaa dhuunfaa namni akka qabaatuufis ni dammaqsina 'libertarians' jedhaniis of waamu.

Xiinxalaan waaqeffannaa seexanaa ta'e Gireeviis akka jedhutti, waaqeffattoonni seexanaa "amala dhala namaa ni hubatu".

"Uumaa caalaa beekumsa argachuuf kaka'uu, fedhii fincilaa, fedhii bilisummaa dhuunfaa filanna" jedha.

Kanaaf, warri seexanaa waaqeffatan sababatti (rationality) amanuu akka jajjabeessan dubbata.