Tiraamp pirezidantiin Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuuf dhiifama akka godhu gaafate

Pirezidaantiin Israa'el Isaaq Herzoog ministira muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuuf ''dhiifama guutuu'' akka godhan xalayaan sirnaan gaafatu pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamirraa isa qaqqabe.

Guduunfaa

  • Dhukkubni tibbana Jiinkaatti mudateefi lubbuu galaafata jedhamee shakkame maali?
  • Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Tiraamp fa'i kora G20 hirmaaachuu dhiisuun kan 'miidhamu isaanuma' jedhan
  • Baarseloonaan Harii Keen fudhachuu kajeelaa jiraa?
  • Humnoonni alaa waraana Sudaan keessatti hirmaatan eenyu fa'i?
  • Odeeffannoowwan waktawaa argachuuf toora kanaan nu hordofaa: Marsariitii, Youtube, Facebook, WhatsApp
  • Xiyyaarri waraanaa Turkii kufee caccabuun loltoonni hedduu jala adu'uu dabalatee odeeffannoo kanaan dura kallattiin darbaa turan
  • Tiraamp pirezidantiin Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuuf dhiifama akka godhu gaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Shakkamtoota 7 Finfinneetti 'Showaashowaa' nama godhan to'achuu poolisiin ibse

    Shakamtoota

    Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

    Poolisiin magaalaa Finfinnee namoota 7 kan Finfinneetti tajaajila geejjibaa kennan fakkeessun hanna gowwomsaa (Showaashowaa) raawwachuun shakaman to'annoo jala oolchuun qorachaa akka jiru ibseera.

    Namootni kunneen nama dhuunfaa tokkorraa bilbilamobaayila hatuudhaan miliquuf osoo yaalaniiti kan to'annoo jala oolan.

    Akka odeeffannoo Poolisiitti shakkamtoonni dhiirota 2 fi dubartootaa 5 ta'an kunneen naannoo Akaki Kalittitt konkolaataa minibaasii geejjiba kennu fakkeessun erga nama dhuunfa tokko irraa bilbila hatanii booda waan tiraafikni itti dhufe fakkeessun buusanii gatanii deeman.

    Haa ta'uu malee, eerumsa ummataa fi hordoffii poolisiin osoo isaan konkolaaticha irraa bu'anii naannoo Saris Aabbo jedhamutti dhokachuuf yaalan to'annoo jala oolan jedha odeeffannoon poolisii kun.

    Sakatta'iinsa konkolaaticha irratti taasifameenis, bilbilli mobaayilaa sagal haala walfakkatan hataman to'annoo jala oolaniiru.

  2. Nageenyi karra Itoophiyaa gara addunyaatti geessu Dirre Dawaa eegamuu qaba -US

    Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Massinga fi kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa Kedir Juwaar

    Madda suuraa, Imbaasii US Finfinnee jiru

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Massinga fi kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa Kedir Juwaar

    Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Massinga Dirre Dawaa daawwachuun kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa Kedir Juwaar waliin mari'chuu Imbaasiin Itoophiyaa ibse.

    Akka ibsa kanatti Ambaasaddarichi Dirre Dawaan naannoo giddu gala fi balbala daldalaa Itoophiyaa taate akka itti fuftuufi nagaaf tasgabbiin naannawa jiraatuf Ameerikaan tumsa cimaa gooti.

    Dirre Dawaan yeroo dheeraaf giddugala daldalaa guddaa ta'uu fi seenaa keessatti karaa baaburaa Itihoo-Jibuutiitiin wal qunnamsiisuun karra Itoophiyaa gara addunyaatti geessu ta'uun tajaajilaa turu Imbaasichi kan yaadachiise.

    Magaalattiin jaalalaa fi iftoomina, akkasumas duudhaalee Itoophiyaa simannaa gaariin beekaman keessaa tokko ta'uu ishee ibseera.

  3. Paarkii Industirii Hawaasatti lammiin alaa hojjattota reeban hojirraa ari'aman

    Paarkii Indaastirii Hawwaasaa

    Madda suuraa, Feesbuukii/ Paarkii Indaastirii Hawwaasaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii Indaastirii Hawwaasaa

    Paarkii Industirii Hawaasaa DhaabbataToyoo Soolaar jedhamutti tibbana waldhabdee supparvaayizara biyya alaa fi hojjetaa Itoophiyaa gidduutti uumamuu parkichi ibseera.

    Sababni wal dhabdee isaanis hojjataan kun 'irra deddeebiin barfachuu' isaan hogganaan isaa kun akkaataa seeraa fi imaammata dhaabbatichaatiin osoo hin taane humnaan adabuuf yaaluun walitti bu'iinsa kana kaasee jedhame.

    Dhimmi kun dhaabbilee biyya alla keessatti mirga namoomaa hojjettootaa kabajamaa akka hin jirre kan agarsiisuu jedhamuun falmii kaasera.

    Koorporeeshiniin Misooma Paarkii Industirii fi Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa dhimmicha qorachuun hojjetaan biyya alaa kallattiin taatee kana keessatti hirmaate seera naamusa dhaabbatichaa hordofuu dhabuu isaaf hojirraa gaggeessera.

    Akkasumas hogganaan dhaabbatichaa yeroo taateen kun raawwatamu hordoffii bulchiinsaa fi tarkaanfii barbaachisaa ta'e hin fudhanne jedhes hojiirraa ari'eera.

    Kana malees, hoggantoota giddu galeessaa sadii itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin baane jedhe sadiif akeekkachiisa cimaan kennuu ibseera Koorporeeshiniin Misooma Paarkii Industirii fi Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa.

  4. Hogganaan Sudaan Kibbaa pirezidantii ittaanaa 'jabaa' aangoorraa kaasan

    Beenjaamiin Bool Mee keeppii diimaa keewwatanii

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir pireezidantoota ittaanaa isaanii keessaa tokko, Beenjaamiin Bool Meel hogganaa biyyattii itti aanu tahuu danda'a jedhame eegamu aangoorraa kaasan.

    Saalvaa Kiir aankii jeneraalummaafi tajaajila nageenyaa biyyaalessaa irraas isa kaasaniiru. Kana malees bulchaa baankii biyyaalessaafi hogganaa abbaa taayitaa galiiwwanii michoota Bool Meel tahanis arii'aniiru.

    Aangoorraa ka'uu qondaalota kunneeniif sababiin kenname hin jiru, labsiin aangoorraa kaafamuu isaanii TV dhaan tamsa'e.

    Tarkaanfiin kuni tasgabbaa'uun siyaasaa yeroo dhabameefi lola waliinii keessa galamuu jedhamee yeroo sodaatamaa jirtutti dhagahame.

    Saalvaa Kiir fi paartiin mormituu Riik Maashaar aangoo qooddachuu irratti otoo hin milkaa'in hafuu booda dha oduun kuni kan dhagahamaa jiru.

  5. US Humna Addaa Sudaaniif dhiyeessiin meeshaa waraanaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessite

    Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo dhiyeessii meeshaa waraanaa Humna Dafee Dhaqqabaa Sudaaniif tarkaanfiin idil-addunyaa akka taasifamu waamicha dhiyeessan.

    Waamicha kana kan dhiyeessan el-Fashaar keessatti ajjeechaan jumlaa adeemsifamaa jiraachuu gabaasni bahuun boodadha.

    Walgahii G7 ministiroota hajaa alaa kaan waliin Kanaadaatti adeemsifame yoo xumuramu Ruubiyoon RSF ajjeechaa, gudeeddii, akkasumas haleellaa saalaa namoota nagaa irratti raawwachuu dabalatee gochaan suukaneessaa raawwateera jedhan.

    Waraanni Sudaan United Arab Emirates garee RSF kana meeshaa waraanaan deeggarti jechuun himata. Biyyattiin garuu himannaa kana irra deddeebiin waakkatti.

    Waraanni Sudaaniifi RSF bara 2023 irraa qabee lolatti kan jiran yoo tahu, morkii aangoo gidduu isaanii jirutuu waraana waggaa lamaaf adeemaa jiruuf sababa tahe.

  6. Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Tiraamp fa'i kora G20 hirmaaachuu dhiisuun kan 'miidhamu isaanuma' jedhan

    Siriil Raamaafoosaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa ''siyaasni lagannaa hin hojjetu'' jechuun Donaaldi Tiraamp walgahii G20 dhuma baatii kanaa Joohaanis Bargitti adeemsifamurratti hirmaachuu diduu isaaniif deebii kennan.

    Tiraamp qondaalli Ameerikaa tokkoyyuu hin hirmaatu kan jedhan Afrikaa Kibbaatti namoonni adii arii'atamaa jiru jedhanii waan himataniifidha.

    Raamaafoosaan Ameerikaan irraa hafuun ''ni miidhamti'' lagachuun isaanii ammoo korrii kuni akka hin geggeeffamne hin godhu jedhan jechuun AFP'n gabaaseera.

    Dabaluunis, ''Ameerikaan biyyi diinagdee guddaa addunyaa kanaa qabdu shoora jabaa kora kana keessaa qabdu itti dhiisaa jirti,'' jedhan.

    Kora G20 Sadaasa 20-23 adeemsifamuuf jedhu kana ''Afrikaan Kibbaa qopheessuun salphina guddaadha,'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barrreessan.

  7. Dhukkubni tibbana Jiinkaatti mudateefi lubbuu galaafata jedhamee shakkame maali?

    Nama ho'i qaamaa safarama ajiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Nannoo Kibba Itoophiyaa, Jiinkaatti dhukkubni maalummaan isaa ammatti guutuutti mirkanaan hin beekamneefi garuu gurmuu dhukkuboota vaayirasiin dhufanii (Haemorrhagic Fever) ta'uu mala jedhe mudachuu Ministeerri Fayyaa ibseera.

    Ministeerichi haala fayyaa yeroo ammaa jiru ilaalchisee ibsa baaseen, hawaasni mallattoo dhibee kanaa beekee of eeggannoo barbaachisu akkka taasisuufi mallattoon dhibee kanaa yoo irratti mul'ate gara dhaabbata fayyaa deemee akka wallaansa argatuufis hubachiiseera.

    Bakka dhibeen kun itti mul'atetti hordoffii taasisaa kan jiru Ministeerri Fayyaa, hanga ammaatti namoonni saddetti mallattoon dhibee kanaa irratti argame adda baafamuu beeksiseera.

  8. Baarseloonaan Harii Keen fudhachuu kajeelaa jiraa?

    Harii Keen

    Madda suuraa, Getty Images

    Baarseloonaan jifataa Baayer Muniik fi Ingilaand Harii Keen fudhachuuf kajeelaa jiraachuu Gaardiyaan gabaaseera.

    Taphataan umuriiin isaa yeroo ammaa waggaa 32 ta'e kun Baarseloonaa kan deemu yoo ta'u jifataa baarseloonaa lammii Polaand umuriin isaa amma waggaa 37 Roobert Luwaandoskii bakka bu'a jedhamee eegama.

    Chelsiin ammoo taphataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 24 ta'e Roodiriigoo fudhachuuf Riyaal Maadiriiditti dubbateera kan jedhame soba jedheera.

    Taphataan sarara duraa kun maqaan isaa Maanchester Siitiifi Tootenhaam waliinis ka'aa jira.

    Taphataan sarara gidduu Maanchester Yunaayitid fi Ingilaand umuriin isaa waggaa 20 ta'e Koobii Maayinoo ammalleee Naappooliifi Liidis Yunaayitdiiin barbaadamaa jira. Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa bakka isaa bu'u yoo arganne ergisaan qofa kennina jechaa jiru.

    Juuventuus taphataa lammii Turkii umuriin isaa waggaa 20 maqaan isaa Arsenaal, Chelsii fi Riyaal Maadiriid waliin ka'aa jiru Kenaan Yiildiiz waliin waliigaltee haareffachuuuf yaalee hin milkaa'iin jira.

  9. Itoophiyaan kora idil-addunyaa guddicha qopheessuusheetiin maal buufatti?

    Magaalaa Finfinnee

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaan kora jijjiirma haala qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) COP32 bara 2027 akka qopheessituuf filatamteetti. Itoophiyaan ulaagaa qophii guddaa kana qopheessuuf barbaachisan guutuun deeggarsa biyyoota Afrikaarraa argatteen Naayijeeriyaa mo'achuun hiree kanaaf qaqqabde.

    Kora COP30 Biraazilitti gaggeeffamaa jirurratti Itoophiyaan kan bara 2027 akka keessummeessitu murtaa'uu hordofee Ministirri Karooraafi Misoomaa Itoophiyaa Fitsum Asaffaa (PhD), "filatamuun baayyee nama gammachiisa; Itoophiyaanonni hunduu baga gammaddan jechuun barbaada," jedhan ibsa EBC irratti dhimma kana ilaalchisuun kennaniin.

    "Itoophiyaan kora jijjiirama haala qilleensaa COP32 akka gaggeessitu filatamuun ishee tarkaanfiiwwan isheen fudhachaa jirtu bu'aa argamsiisaa jira."

    Biraazilitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa, Lulsaggad Taaddasee Ababbaa ammoo yaa'ii COP30 gaggeeffamerratti argamuun, " ummataafi mootummaa Itiyoophiyaa amanuufi abdachuu keessaniif galata guddaa qabdu," jedhan.

    Itoophiyaan akka filatamtu maaltu akka taasiseefi bu'aa qopheessuusheetiin argatturratti Yuniversiitii Finfinneetti qorataafi barsiisaa Piroofeesar Tashoomee Sooromsaa gaafanneerra.

  10. Humnoonni alaa waraana Sudaan keessatti hirmaatan eenyu fa'i?

    Al-Buraan fi Al-Siisii

    Madda suuraa, Sudan Tribune website

    Waldhabdeen jeneraalota lama gidduutti uumame akkamitti biyyoota hedduu garee lamatti qoodaa jira?

    Waraanni biyya keessaa Sudaanitti eegalamee waggaa lamaa fi walakkaa booda ammallee akkuma itti fufetti jira.

    Kanaaf sababni ammoo humnootni alaa paartilee wal waraanaa jiraniif deeggarsa siyaasaa fi waraanaa kennuun gidduu seenuun isaanii akka ta'etti yaadama.

    Akka dhaabbileen mirga namoomaa jedhanitti sababa waraanaa kanaan lubbuun namoota kuma 150 ol darbeera.

    Namoonni miliyoona 12 ol ammoo qe'ee isaaniirraa baqachuuf dirqamaniiru.

    Uggurri meeshaa waraanaa idil-addunyaa jiraatus, waraanni Sudaan fi Humni Dafee Qaqqabaa RSF meeshaalee waraanaa baay'inaan biyya alaa irraa argachuu itti fufaniiru.

  11. Tiraamp pirezidantiin Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuuf dhiifama akka godhu gaafate

    Pirezidant Tiraamp fi MM Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Israa'el Isaaq Herzoog Ministira Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuuf ''dhiifama guutuu'' akka godhan xalayaan sirnaan gaafatu pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampirraa isa qaqqabe.

    Netaaniyaahuun waggoota shanan darbaniif himannaa malaammaltummaa, hannaa fi amantaa cabsuutiin walqabatan adda addaa sadiin dhaddachatti dhiyaataa ture. Haata'u malee, badii tokkollee akka hin raawwatiin haaleera.

    Xalayaa kana keessatti Tiraamp walabummaa sirna haqaa Israa'el ''gutummaatti'' akka kabajan barreessan, garuu Netaaniyaahuun ''himannaa siyaasaa, haqa qabeessa hin taane'' isa mudachaa jira jedhee amana.

    Waajjirri Herzoog Tiraampiin ''kabaja olaanaa'' akka qabu ibseera, garuu namni dhiifamni akka taasifamuuf barbaadu kamiyyuu gaaffii sirnaa dhiyeessuu qaba jedheera.

    Netaaniyaahuun ammoo ''deeggarsaa addaa'' Tiraamp taasiseef galateeffateera.

    "Akkuma yeroo hunda gootutti, hubannaafi hatattamaan tarkaanfii fudhatteetta," jechuun X irratti barreesse. "Nageenya cimsuu fi nagaa babal'isuuf wal tumsuu keenya itti fufuuf hawwii guddaanan eegga."

    Netaaniyaahuun bara 2019 dhimmoota sadiirratti kan himataman yoo ta’u, kanneen keessaa tokko abbaa qabeenyaa tokkorraa kennaa doolaara 211,832 baasu fudhachuun ture.

  12. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Toora tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo biyya keessaafi guutumma aaddunyaarraa akkuma mudataniin isin biraan geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!