Xayyaarri waraanaa Turkii kufee caccabuun loltoonni heddu jalaa du'an

Xayyaarri waraanaa Tukrii Joorjiyaa keessatti kufee caccabuun loltoonni 20 ta'an du'uu mootummaan Turkii beeksise.

Guduunfaa

  • Xayyaarri waraanaa Turkii kufee caccabuun loltonni heddu du'an
  • Odeeffannoowwan waktawaa argachuuf toora kanaan nu hordofaa: Marsariitii, Youtube, Facebook, WhatsApp
  • Loltoonni Raashiyaa hurrii dahoo godhachuun magaalaa Yukireen waggaa tokkoof tiksaa turte qabataa jiru.
  • Kantiibaan magaalaa Istaanbul hidhaan waggaa 2,000 akkatti muramu gaafatamaa jira.
  • Tiraamp BBC himachuudhaaf 'dirqaman qaba' jedhan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa'el erga waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'amee kaasee gamoowwan 1500 ol diigdeetti

    Taankii

    Israa’el erga Onkoloolessa 10, 2025 Hamaas waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga’anii as gamoowwan 1,500 ol diiguu ishee suuraan saatalaayitii BBC Verify arge ni mul’isa.

    Suuraaleen yeroo dhiyoo Sadaasa 8 kaafaman akka agarsiisanitti, IDFn gamoowwan naannoo Israa’el to’atu hunda ji’a tokko hin guunne keessatti diiguu isaati.

    BBC Verify qorannoo taaiseen naannoo sanaa suuraa adda ta'e argachuun rakkisaa ta'uu waan hubateef, lakkoofsi gamoo Israa'el barbadeesse baay'ee ol ta'uu danda'a.

    Ogeeyyiin tokko tokko gamoowwan kunneen diigamuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaa, Masrii, Qaataar fi Turkiin jaarsummaa taa’uun akka dhufu taasisan cabsuu akka danda’u himaniiru.

    Garuu dubbi-himaan ittisa Israa'el BBC Verify'tti akka himanitti ''bu'uura dhukaasa dhaabuu keessatti'' socho'aa akka jiran himaniiru.

    Karoorri nagaa qabxii 20 qabu Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Gaazaaf baasan ''haleellaa qilleensaa fi meeshaa waraanaa dabalatee sochiin waraanaa hundi ni dhaabata'' jedha.

    Ergasii pirezidaantichi irra deddeebiin ''waraanni xumurameera'' jechuun dubbataniiru.

    Suuraan saatalaayitii BBC Verified arge akka agarsiisutti humnoonni Israa’el Gaazaa irratti miidhaa guddaa geessisuu itti fufaniiru.

  2. Itoophiyaan kora idil-addunyaa hirmaattonni kuma 50 ol irratti argaman akka qopheessituuf filatamte

    Magaalaa Finfinnee

    Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC

    Itoophiyaa kora jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa COP32 kan bara 2027 akka gaggeessitu filatamte.

    Itoophiyaan kora jijjiirma qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) bara 2027 akka gageessituuf biyyoota Afrikaa irraa deeggarsa kan argatte yoo ta'u, hiree kanaaf dorgomaa kan turte Naajeeriyaa mo'atteeti.

    Itoophiyaan kora idil-addunyaa UN guddaa kana keessummeessuusheetiin carraa ajandaa kana bocuufi bu'aawwan qophii kana keessatti gahee akka qabaattu ishee dandeessisa akka gabaasa Roohitarsitti.

    Biyyoonni COP keessummeessan gahee pirezidaantummaa kan fudhatan yoo ta'u, kunis walgahii kanaaf galma kaa'uufi dhimma jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun hojiifi ejjennoo mataasaanii agarsiisuu, akkasumas waldhabdee yeroo marii uumamu kamiyyuu furuu keessatti ejjennoo barbaachisaa ta'e qabaatu.

    Kora COP32 bara 2027 Itoophiyaan akka gaggeessitu murtaa'ullee COP31 eenyu akka gaggeessu ammallee murtee hin argatiin jira. Kun ammoo sababa biyyoonni lama-Turkiifi Austiraaloiyaan irratti wal morkataa jiraniifidha.

    Austiraaliyaan hireen COP31 keessummeessuu yoo ishee kenname Odola Paasfik waliin qopheessuuf akka jirtu dubbatti.

    Marii kora bara kanaa Biraazil keessatti gaggeeffamerratti, Itoophiyaan konfiraansii bara 2027 magaalaa guddooshee Finfinneetti keessummeessuuf biyyoota Afrikaa birootiin akka filatamte mirkaneessuushee Roohitars dabalee gabaaseera.

    Biraazilitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa, Lulsaggad Taaddasee Ababbaa yaa'ii COP30 gaggeeffamerratti argamuun, " ummataafi mootummaa Itiyoophiyaa amanuufi abdachuu keessaniif galata guddaa qabdu," jedhan.

  3. Loltoonni Hamaas boolla lafa jalaa keessatti hafan waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka hojiirra hin oolle danqan

    Loltoota Hamaas

    Madda suuraa, AFP

    Loltooonni Hamaas 200 ta'an ammallee boolla lafa jalaa keessatti kan argaman yoo ta'u, kun ammoo waligaltee dhukaasa dhabaabuu hojiirra oolchuudhaaf danqaa ta'uun ibsamera.

    Loltoonni Hamaas kunneen kutaa Kibbaa magaalaa Raafaah kan to'annoo Israa'el jalatti argamu keessa akka jiran amanama.

    Araarsitoonni waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa gara sadarkaa itti aanuufi caalaa wal xaxaa ta'etti geessuuf yeroo yaalaa jiranitti gufuun isaan mudachaa jira. Wayita kanatti ambaasaaddarri Doonaald Tiraamp fi soddaan isaa Jaared Kushner Wixata gara Israa'el deemaniiru.

    Hidhaa hiikkachuu Hamaas, Gaazaa deebisanii ijaaruufi bulchiinsa gara fuula duraa, akkasumas humna nageenyaa idil-addunyaa bakka sanatti bobbaasuu dabalatee dhimmoonni ijoo ta'an fala hin argatiin jiru.

    Sagantaan marii waliigaltee Israa'eliifi Hamaasiif murtessaadha jedhame ammallaa osoo hin qabamiin jiraachuun waliigalteen kun gara sadarkaa itti aanutti darbuusaarratti shakkii uumeera.

    Yeroo rakkooleen kunneen fala hin argatiin jiranitti, bakkawwan to'annoo Israa'el jala jiran agarsiisan "sarara keelloo" bakka jedhamu magalaaagama Kibbaa taate Raafaah keessa 'washaa' keessa akka jiran kan amanaman hidhattoonni Hamaas waliin walqabsiisee qormaata haaraa ta'eera.

  4. Biyyoonni akka Itoophiyaatti mirga ulaa galaanaa gaafatan, kan itti milkaa'an jiruu?

    Suuraa kaartaa Itoophiyaa fi Ertiraa dubarraan galaanni mul'atu

    Itoophiyaan biyya jalqabaa fi qofaa gaaffii ulaa galaanaa argachuuf biyyoota ollaa galaana daangessan gaafatte miti.

    Biyyootni hedduun gaaffii walfakkaataa dhiyeessaniiruu, kan ammas dhiyeessuu itti fufan jiru.

    Kan Itoophiyaa kan biyyoota kaanirraa adda taasisu garuu, abbummaa ulaa galaanaa dhabdee ture deebifachuu fi humna waraanaa achirratti ijaaruu barbaaduu isheeti.

    Haa ta'uu malee bakki argama Itoophiyaa naannoo Galaana Diimaa (iddoowwaan geejjibni galaanarraa addunyaa hedduu qaxxamuru) irraa utuu baayyee hin fagaatin ta'ee utuu jiruu ualaa galaanarraa daangeffamuun ishee shira itti yaademe isheerratti xaxame akka ta'etti amana mootummaan Itoophiyaa biyya bulchaa jiru.

    Addunyaa irratti daldalli keessumaa galaanarraa baasuu fi galchuu dorgommii guddaa keessa galeera. Kanaaf biyyootni ulaa galaanaa hin qabne kallattinis ta'ee al kallattiin karaa ittin rakkoo kana furatan soqaatuma jiru.

  5. Loltoonni Raashiyaa hurrii dahoo godhachuun magaalaa Yukireen waggaa tokkoof tiksaa turte qabataa jiru

    Loltoota Raashiyaa huurrii daheeffachuun yeroo magaalaa Pokroovisk seenan

    Madda suuraa, Telegram

    Loltoonni Raashiyaa magaalaa murteessituu Yukireen Pokroovisk jedhamtu qabachuuf waggaa tokko kan ta'uuf lolaa turan.

    Amma garuu hurriin haala mijataa uumaafi waan jiru fakkaata. Loltoonni Raashiyaa hedduu hurrii dahoo godhachuun magaalattii qabataa jiru.

    Loloonni Yukireen magaalattii tiksuuf haalli qilleensaa qormaata itti ta'eera.

    Haalli qilleensaa rakkisaan, keessumaa hurriin loltoota Raashiyaaf haala mijataa uumuun loltoota koo marfaman keessa galcheera jette Yukireen.

    Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin haalli magaalattii keessa jiru rakkisaa ta'uu ibsan. Raashiyaan magaalaa Pokroovisk jedhamtu kana qabachuuf waggaa tokkoo ol Yukireen lolaa turte.

    Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman akka agarsiisanitti, loltoonni Raashiyaa motosaayikiliifi lafoon suuta huurrii dahoo godhachuun yeroo magaalattii seenan agarsiisa.

  6. Kantiibaan magaalaa Istaanbul hidhaan waggaa 2,000 akkatti muramu gaafatamaa jira

    Suuraa Ekreem Imaamoogluu waraqaa adii irratti kaafamee, dubartiin dhaadannoodhaaf ol baattee agarsiisaa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Abbootiin alangaa magaalaa guddoo Turkii, Istaanbul kantiibaa magaalatti himannaa malaammaltummaa 142 irratti kan banan yoo tahu, kunis hidhaa waggaa 828 hanga 2,352'n adabsiisuu danda'a.

    Ekreem Imaamoogluu morkataa ijoo Pireezidant Tayiip Erdohaan yoo tahu shakki malaammaltummaan Bitootessa darberraa kaasee gaaddisa seeraa jala jiru.

    Kantiibaan Istaanbulis tahe paartiinsaanii Republican People's Party (CHP) balleessaa hojjechuu haaluun Erdohaanifi deeggartoonnisaanii uummata biratti fudhatama dhabaa dhufanaan tarkaanfii irratti fudhachuu jalqabuu himan.

    Haa tahu malee abbaan alangaa olaanaa magaalattii kantiibaa kana qofa osoo hin taane namoota 401 kaan garee yakkaa kantibichi ''hundeessaniifi hogganan'' keessa jiru jechuun irratti xiyyeefataniiru.

    Qorannoo ji'a saddeetiin booda abbaan alangaa Akiin Guurleek shakkamtoonni 105 mana hidhaa jiran garee yakkaa guddaa hundeessuun matta'aafi seeraan ala qarshii daddabarsaa turan jedhan.

    Kanaanis biyyattiin doolaara biiliyoona 3.8 dhabdeetti jechuunis beeksisaniiru.

  7. Xayyaarri waraanaa Turkii C-130 jedhamu kufee caccabuun loltoonni 20 jalaa du'an

    Caccabaa xayyaara waraanaa Turkii

    Madda suuraa, Getty Images

    Xayyaarri waraanaa Turkii loltoota fe'ee imalaa ture kufee caccabuun loltoonni 20 ta'an jalaa du'uu Ministeera Ittisaa Turkii waabeffachuun Rooyitars gabaase.

    Xayyaarri waraanaa fe'iisaa C-130 jedhamuun beekamuufi abbummaansaa kan Turkii ta'e daangaa Joorjiyaa irratti kufee caccabuuni loltoonni Turkii 20 kan du'an.

    Akka gabaasa kanaatti, xayyaarri waraanaa kun Azarbaajaanii ka'ee gara Turkii yeroo imalaa jiruuttiidha daangaa Jooriyaa keessatti kufee kan caccabe.

    Ankaaraan kufaatii xayyaara waraanashee sababni maal akka ta'e hanga ammaa ifa hin goone.

    Xayyaarichi kufee kan caccabe Roobii, kaleessa yoo ta'u, Turkiifi Joorjiyaa irraa qorattoonni bakkichatti argamuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibse mootummaan Turkii.

  8. Tiraamp BBC himachuudhaaf 'dirqaman qaba' jedhan

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp akkaataa sagantaan dokimantarii Paanooroomaa haasaa isaanii gulaale irratti BBC himachuudhaaf dirqama akka qaban himan.

    Af gaaffii Fooks Niiwus waliin taasisaniin haasaan isaan Amajji 6,2021 taasisan ‘’kukkutamee’’ akka daawwatoota ‘’dogoggorsutti’’ dhiyaate jedhan.

    Abukaatonni Tiraamp dhimma kanarratti BBC’n yoo gaabbuu ibsee, dhiifama gaafatee akkasumas beenyaa kenne malee himannaa doolaara biiliyoona tokko akka banan himanii ture.

    Tiraampis yaada abukaatotaan booda yeroo jalqabaafidha waa'ee kanaa irratti kan dubbatan.

    Kanaan dura hogganaan BBC Samiir Shaah ‘’murtoo dogoggoraa’’ jechuun dhimma gulaallii sagantaa sanaaf dhiifama gaafatanii ture.

    Tiraamp himannaa akka banan yoo gaafataman, ''eeyyee, maaliifan himannaa hin banu, isaan uummata gowwomsaniiru, isas ammoo amananiiru,'' jedhan.

  9. Ashamaa! Tamsaasa kallattii har'aa eegalle

    Dhimmoota wayitaawaa biyya keessafi idiladdunyaa hordofnee isin biraan geenya.

    Nu faana bu'aa!