Biyyoonni akka Itoophiyaatti mirga ulaa galaanaa gaafatan, kan itti milkaa'an jiruu?

Itoophiyaan biyya jalqabaa fi qofaa gaaffii ulaa galaanaa argachuuf biyyoota ollaa galaana daangessan gaafatte miti.
Biyyootni hedduun gaaffii walfakkaataa dhiyeessaniiruu, kan ammas dhiyeessuu itti fufan jiru.
Kan Itoophiyaa kan biyyoota kaanirraa adda taasisu garuu, abbummaa ulaa galaanaa dhabdee ture deebifachuu fi humna waraanaa achirratti ijaaruu barbaaduu isheeti.
Haa ta'uu malee bakki argama Itoophiyaa naannoo Galaana Diimaa (iddoowwaan geejjibni galaanarraa addunyaa hedduu qaxxamuru) irraa utuu baayyee hin fagaatin ta'ee utuu jiruu ualaa galaanarraa daangeffamuun ishee shira itti yaademe isheerratti xaxame akka ta'etti amana mootummaan Itoophiyaa biyya bulchaa jiru.
Addunyaa irratti daldalli keessumaa galaanarraa baasuu fi galchuu dorgommii guddaa keessa galeera. Kanaaf biyyootni ulaa galaanaa hin qabne kallattinis ta'ee al kallattiin karaa ittin rakkoo kana furatan soqaatuma jiru.
Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne karaa dippilomaasii, waliigalteewwan ykn giddu seentummaa dhaabbilee naannootiin kanneen gaaffi isaanii milkeessan jiru.
Biyyi Afrikaa baay'ina ummataan sadarkaa lammaffaa irra jirtu Itoophiyaan garuu Ertiraan irraa cituu hordofee erga bara 1993 biyya lafaan marfamte ykn karaa ittiin galaanatti baatu hin qabne taate.
Haa ta'uu malee Jibuutiif qaraxa guddaa kanfaluun buufata doonii Jibuutitti fayyadamaa jirti
GaaffIi mirga ulaa galaanaa argachuu irratti seerri idil addunyaa na deeggaraa jechuun erga yeroo dhiyooti as gaaffii kana ibsuuun biyyota ollaa birattis xiyyeeffannoo keessa galteerti.
Ofii haala Itoophiyaa kanaan biyyootni mirga ulaa galaanaa argachuu gaafatan jiruu? Yoo jiraatan akkamiin milkaa'an?
Booliiviyaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boolviyaan akkuma Itoophiyaa biyya gaaffii abbaa biyyummaa ulaa galaanaa ishee gaafatte keessa tokko. Gaaffin ishee ulaa galaanaa argachuu qofa utuu hin taane humna waraaanaa galanarraallee ijaaruu ture.
Biyyi Ameerikaa Kibbaa Booliiviyaan qarqara galaanaa ishee Waraana Paasifikii (1879–1884) booda Chiiliin irraa fudhatame.
Gaaffii ulaa galaanaa ishee deebifachuu karaa dippilomaasii gaafataa turteenis furmaata gartokkee argattetti.
Dhiibbaa dippiloomaasii cimaa taasifteen waliigaltee bara 1904 jalatti mirga meeshaalee ishee karaa buufata doonii Chiiliitiin bilisaan galfachuu fi baasuu akka argattu ta'e.
Waliigalteen kun guutummaan gaaffii abbaa biyyummaa ishee deebisuufii baatus ulaa galaanaa akka argattuu ishee gargaarera.
Kanaanis buufata doonii Chiilii (keessattuu Arikaa fi Antofagasta) keessa bilisaan fayyadamti. Garuu mirga abbummaa itti hin arganne.
Mirga abbummaa kana argachuufis gama dippilomaasiin taa'ame didnaan gama seeraan Chiiliin Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti himatte.
Manni murtichaas murtii Onkoloolessa 1, 2018 kenneen, Chiiliin Booliiviyaadhaaf qarqara Galaana Paasifikii abbaa biyyummaadhaan kennuuf dirqama seeraa akka hin qabne itti murteesse.
Bara 1992ttis Peeruun Booliiviyaan buufata doonii hojii daldalaa fi galaanaaf akka fayyadamtu hayyamteef.
Booliiviyaan gaaffii Itoophiyaa waliin wal fakkatu gaafatteen kan abbaa biyyummaa ykn duraan kan ishee ture deefachuu baattus, waliigalteewwan idil-addunyaatiin galaanaa fi buufata doonii seeraan fayyadamuu dandeesserti.
Humna waraanaa galaanarraa ijaartes hanga yoonaa hin diigne. Inumaa guyyaa yaadannoo hundeeffama humna galaanaarraa waggaa waggaan kabajaa jirti.
Jordaani fi Rippaablika Dimookiraawa Koongoo

Madda suuraa, Getty Images
Gaaffiin dhimma fayyadama galaanaa Jordaani fi Dimookiraatic Rippaabliik Koongoo wal fakkaata. Lamaan isaanii guttumaa guututti lafaan kan daangeffaman miti. Sarara dhiphoo ykn laga daangaa isaanii keessatti galaanatti isaan fullaasu qabu.
Haa ta'uu malee gaaffin isaanii biyyoota ollaa waliin walii galuun daangaa kana bal'ifachuu fi misoomsuu ture.
Jordaan bara 1965tti Sa'uud Arabiyaa waliin waliigaltee daangaa irra ga'an.
Waliigaltee kanaanis Joordaan naannoo gammoojjii biyya ishee keessaa lafa bal'aa ta'e Saawudiif kennitee bal'ina qarqara galaanaa xiqqaa qabdu gara iskuweer kiiloo meetira 6,000 tti jijjiirratte.
Jijjiirraan kunis qarqara galaanatti akka barbaaddetti akka fayyadamtuu fi inumaaa magaalaa buufata doonii ishee tokkicha Aqabaa jedhamu kan daldala idil-addunyaa fi tasgabbii dinagdee isheef murteessaa ta'e akka ijaarrattu ishee dandeessiseera.
Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) biyya gutumaan guututti lafaan marfamte utuu hin taane lagaa ishee keessa darbuun sarara dhiphoo galaanatti ishee baasu qabdi.
Garuu qarqara galaanaa daangeffame kanaan buufata doonii akka barbaaddetti fayyadamuu waan hin dandeenyeef daldala galaanaa irratiif kan biyyoota ollaa irratti hirkatti ture.
Rakkoo kana furuuf koliidarii buufata doonii bishaan gadi fagoo qottee misoomsaa jirti. Kun bara 2026 ykn 2027tti abbaa biyyummaan ulaa galanaa ishee daran mirkaneessa. Buuftaichi daldalaashee guddisuu fi baasii buufata doonii biyyota ollaaf baasuuf ishee saaxilu kan hambisu ta'a jedhamee eegama.
Dhimma kana irratti ollaa ishee Angoolaa waliin wal dhibdee keessa kan seenan yoo ta'u, Angoolaan himannaa daangaa ishee sarbuu fi kaan irratti dhiyeessaa turte.
Haa ta'uu malee gaafiin guddaan Koongoon qabdu xiqqoo kan Itoophiyaarra adda ture. Dhimmi ulaa galaanaa ishee ijoon daangaa galaanaa Angoolaa wajjin jiru sirritti daangessuu irratti kan xiyyeeffate malee gaaffii abbaa biyyummaa ulaa galaanaa miti.
Garuu Angoolaan adeemsa biyyattii mormuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himattee turte. Koongoon garuu himata Angoolaa kuffisuun kaayyoo ishee san cichoominaan milkeeffatte.
Daangaan ifa ta'ee fi waliigaltee irra ga'ame akka hin jirre eeruun mirga qabeenyashee fayyadamuu akka qabdu mormataa turte.
Bufanni doonii isheen misoomsaa jirtu buufata doonii Angoolaan kan dorgomu fi galii duraan isheerraa argatan waan dhabaniif biyyootni ollaa ishee garuu pirojeekticha waan hin jaalanneef, dhiibbaa waliigalaa irratti gaaffiin jiru ammayyuu xumura hin arganne
Biyyi biraa biyyoota kanaan walfakkaattu biyya Moldova jedhamtu yoo taatu kufaatii Gamtaa Sooviyeet booda karaan ittiin galaanatti baatu itti cufamee biyya lafaan marfamte taate.
Haa ta'uu malee bara 1999tti Yukireen waliin waliigaltee ulaa xiqqaa lafa meetira 430 dheeratu laga Danube jedhamuun gara buufata doonii bilisaa idil-addunyaa haaraa akka argattuu fi hundeeffattu taasifame.
Siwiizarlaandi fi Hungaarii

Madda suuraa, Maritime
Yeroo dheeraa dura, biyyootni daangaa utuu hin hundeeffatin dura, Siwizerlaandi fi biyyootni giddu gala Awurooppaa kara laggeen gaarreen qaxxamuruun galaanatti makaman akka laga Raayiin jedhamu fayyadmuun walitti daldalaa turan.
Garuu akkuma mootummoonni guddachaa fi daangaawwan cimaa dhufaniin, Siwiizarlaand gaarreen fi ollaadhaan marfamte kan karra ittin galaantti baatu hin qabne taate. Lagd Raayinii fi Haroo Konstaansii itti fayyadmaa turtes guutummaatti to'annoo Jarmanii fi Oostiriyaa jala galan.
Kanaanis Jaarraa hedduudhaaf Siwiizarlaand biyyaa gaarreniin marfamte kan qarqara galaanaa mataa ishee hin qabne taate turte.
Meeshaaleen isheen galchituu fi ergitu Galaana Kaabaa ga'uuf biyyoota ollaa keessa darbuu qabu turan.
Garuu Siwiizarlaandi kana dippilomaasiidhaan jijjiiruu danddeesserti.
Waraana Naapooliyoon booda walabummaa kan argattee Siwiizarlaand bara 1815tti Kongiresii Viyeenaan mirkanaa'e.
Kunis biyyattiif nageenya kenne - garuu buufata doonii hin argamsiifneef
Boodarra jaarraa 19ffaa fi 20ffaa keessa waliigalteewwan buufta doonii idil-addunyaa taasifaman. Kunis biyyootni lagi Raayil keessa madduu fi keessa darbu Switzerlandi dabalatee Galaana Kaabaatti bilisaan akka fayyadaman bara 1868tti, wali galame.
Michummaa ummachuunis, karaa Jarmanii fi Nezerlaandiin gara buufata doonii Rootardaamitti fayyadamuu waligalan. Waliigalteen kun boodarra bu'uuraalee daldala Awurooppaa ammayyaatiin bara 1963 fooyya'ee fi Waliigaltee Geejjibaa Gamtaa Awurooppaa fi Siwiizarlaandi ta'uun Siwiizarlaand galaanatti seenuu dandeesserti.
Kunis tumsaa fi waliigaltee waliin daldaluu fi wal deeggarruu biyyattiin Jarmanii, Faransaayii fi Nezerlaand waliin taasifteen dhugoome.
Haala kanaan biyyi jaarraa hedduu dura galaana ishee dhabde karaa dippilomaasiitiin deebiftee argatte. Siwiizarlaand amma biyyoota dureeyyii fi tasgabbaa'oo addunyaa keessaa ishee jalqabaati.
Haangaariin wayita qaama Impaayera Oostiraa-Haangaarii turte karaa buufata doonii Fihumee amma Rijeka fi Kirooshiyaa jedhaman galaanatti bahaa turte.
Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda, Waliigaltee Tiriyaanon 1920 taasifame booda buufatichi irraa cituun biyyaa lafaan marfamte taate.
Biyyaattinis waligaltee tarsimawaa kennanii fudhachuu Konveenshinii Beelgireed jedhamu bara 1948 biyyota akka Oostiriyaa, Slovaakiyaa, Sarbiyaa, Rumaaniyaa fi kanneen biroo wajjin mallatteessuun karaa Buufata Doonii Konstaantii Roomaaniyaa bilisaan galaanatti bahuu danddeese.
Haangaariin qarqara galaanaa Adriyaatik ishee deebiftee argachuu baattus ykn abbummaan fudhachuu baattus, garuu tumsaa fi waliigaltee dhimma lagaatiin galaana kanatti baasii malee fayyadamuu dandeesserti.
Biyyootni akka Kaazaakistaan qaama Gamtaa Sooviyeet kan turte bara 1991tti yeroo biyya walabaa taatu ulaa galaanaa dhabde. Garuu teessuma lafaan ulaa galaanaa dhabdus waligaltee daldala boba'aa fi hidhamiinsa gabaa qabaachuun ollaa ishee keessumaa Raashiyaa, Chaayinaa fi Azarbaajaan waliin wali galtee yaaddo malee ulaa galaanaa fayyadamaa jirti. Isheenis garuu abbummaan utuu hin taane Liizii yeroo dheeratiini. Kunneen biyyoota akka fakkeenyatti eeraman malee hedduun isaanii haala wal fakkaatan biyyota ollaa isaanii waliin walii galuu ulaa galaanatti fayyadamaa jiru
Biyyoota Afrikaa
Biyyootni Afrikaan ulaa galaanaa mataa isaanii hin qabne16 ta'u.
Irra caalaan isaanii sababa qoqqoodinsa daangaa wayita biyyootni Awurooppaa Afrikaa koloneeffataniin ulaa galaanaa dhaban.
Muraasni isaanii akka Itoophiyaa fi Sudaan kibbaa ammoo biyyotni qarqara galaanaa fudhatanii walaboomuu isaanitiin dhaban.
Biyyootni Afrikaa irra caalaan falmii daangaa abbummaa akka Itoophiyaan kaasaa jirtuu hin qaban.
Atakaroo akkasii caalaa karaa gamtaa biyyootaa waliin qabanii fayyadamuun karaa wal tumsuu fi wal deeggaruun ulaa galaanaa fayyadamuu danda'an irratti hojjachuun milkaa'an.
Biyyootni akka Ruwaandaa, Yugaandaa, fi Burundii waligaltee daldalaa fi misooma waloo waliin fayyadamuu ulaa galaanaa biyyoota akka Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin kiraa dabalatee bifa adda aaddatiin fayyadamaa jiru.
Garuu akka Itoophiyaa dhimma abbummaa irratti waldhibdee hin qaban.
Zaambiyaa fi Zimbaabuweenis waliigaltee biyyota Misooma Afrikaa Kibbaa jalatti taasifataniin karaa ulaa galaan Moozaambiik fayyadamuu danda'aniru.
Itoophiyaanis karaa Jibuutii fayyadamaa jirti ,garuu gaaffin ishee abbummaan qabaachuu malee kiraan fayyadamuu miti.
Biyyoota ulaa galaanaa hin qabne hedduuf baasii kiraa ulaa galaanaa biyyoota ollaatti bahu gaaffii guddaa fi falmisiisaa ta'aa jira.
Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tilmaametti, baasii geejjibaa biyyoota guddachaa jiran ulaa galaanaa hin qabnee giddu galeessaan kan biyyoota qarqara galaanaarra jiranii dachaa lama ta'a.
Gamtaa Afrikaa fi UN biyyootni falmii fi waraana utuu walitti hin kaasiin ulaa galaanaa fi danqaawwan geejjibaa salphisuuf waliin akka hojjatan jajjabeessu.
Duulli dippilomaasii Itoophiyaan eegaltes miiraa kana kan calaqqisiisudha.
Biyyootni qarqara galaanaa jiran mirga fayyadama qabeenya uumamaa hundaaf walqixa ta'e fayyadamuu gufachiisu akka hin qabnelle Dhabbanni Biyyoota Gamtoomani kan gaafatu.












