Jarmanitti hattoonni diriiliin baankii uranii €30m saaman

Madda suuraa, Gelsenkirchen Police
Jarmanitti saamtonni maashina diriilii guddaa fayyadamuun baankii Lixa Jarmanitti argamu tokko uranii maallaqa €30m ta'uufi miyoota gati jabeeyyii ta'an saamuu Poolisiin beeksise.
Dubbii himaan Poolisii yaada AFPf kenneen akki itti saamichi kun itti raawwate akka malee piroofeeshinaaliidha ("very professionally executed") jedhe.
Saamichi kun magaalaa Gelsenkicheen jedhamu keessatti baankii qusannaa Sparkasse jedhamurratti raawwate.
Saamtotni kun saanduuqota qusannoo 3,000 ta'an cabsan. Saanduuqota kana keessa maallaqa dheedhii, warqee fi meeshaalee faayaatu ture.
Poolisiin waayee saamicha kanaa quba kan qabaate Wiixata ganama wayita akeekkachiifni balaa ibiddaa dhagaahamuttidha.
Ammatti saamicha kanaan walqabatee namni to'annoo jala oole hin jiru.
Saamtotnii callisa yeroo ayyaana gannoo dahatanii saamicha kana raawwatan jedha Poolisiin.
Namootni ijaan argan halkan Dilbatatti bari'u bakka konkolaataa dhaabaniin namoota baayyee shaanxaa guddaa baatan arguu himaniiru.






