Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Afrikaa 2021: Aljeeriyaan osoo waancaaf eegamtu dorgommiin ala taate
Tapha Waancaa Afrikaa Kaameroonitti adeemsifamaa jiruun biyyi bara 2019 waancicha fudhatte Aljeeriyaan dorgommiin ala taate.
Tapha kaanin immoo Tuniziyaan biyya yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaa gubbaa hirmaataa jirtu Gaambiyaan 1fi 0'n injifatamte. Ta'us, sadarkaa sadaffaan dabarte.
Aljeeriyaan tapha gaafa Kamisaa Ayivorii Koost waliin taasifameen 3fi 1'n kan mo'amte.
Aljeeriyaan biyyoota waancaa Afrikaa baranaa irra deebiin fudhatu jedhamee timaamaman keessaa tokko turte.
Aljeeriyaan yeroo Waancaa Afrikaaf gara Kaameroon imalte taphoota 34 osoo hin inifatamiini. Ta'us, Waancaa Afrikaa gubbaa ramaddii isaanii darbuu dhaban.
Tapha kaleessaan Aljeeriyaan wal morkii keessa turuuf injifachuun ishee dirqama ture, garuu irra aanuu hin dandeenye.
Taphataan Maanchistar Siitii Riyaad Maahireez penaalitii argame galchuu dhabe.
Galchiiwwan sadii Ayivorii Koost galchite keessaa tokko taphataa Arsenaaliif taphatu Nikolaas Peppeetu galche.
Ramaddii E keessa kan ramadamte Aljeeriyaan Siyeraa Liyoon waliin galchii malee qixxee baate, Ikkuwaatoriyaal Giiniin 1fi 0'n mo'amte, akkasumas Ayivorii Kostiin 3fi 1'n injifatamte.
Aljeeriyaan biyya 12ffaa Waancaa Afrikaa fudhattee tapha waancaa itti aanu irratti ramaddii ishee keessaa darbuu dhabde taatedha.
Faallaan qabxiin kuni garee Ayivorii Koostiif ofitti amanamummaa guddaa dabale.
Ramaddicha dura aantummaan kan dabarte Ayivorii Koost Amajjii bultii 26 Masrii waliin taphatti.
Tapha ramaddii F keessaa immoo guyyaa Kamisaa Tuniziyaan galchii daqiiqaa 93ffaarratti itti galeen Gaambiyaatiin 1fi 0'n mo'amteetti.
Taphataan Tuniziyaa Sayifaddiin Jaazirii yeroo dabalataa boqonnaa duraarratti penaalitii galchuu hin dandeenye.
Taphataan Tuniziyaa biroo Been Musxafaanimmoo xumura boqonnaa duraatti kaardii diimaan dirreedhaa bahe.
Kana jechuunis yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaarratti kan hirmaatte Gaambiyaan ramaddii F keessaa sadarkaa lammaffaan yoo dabartu, Tuniziyaan sadaffaan dabarte.
Sababa kanaan, Tuniziyaan tapha mo'anii darbuun Naayijeeriyaa waliin yoo ramadamtu, Gaambiyaan immoo Giinii morkatti.
Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Waancaa Afrikaa Kaameroon qopheessiterratti hirmaate ramaddii keessaa darbuu dhabuun guyyaa Kamisaa biyyatti deebi'eera.