Keessummeessaan balalii qullaa mana fincaanii xiyyaaraa keessatti argame

Haadeen Peenteekoost

Madda suuraa, PA Media

Keessummeessaan Daandii Qilleensaa Biritiish (British Airways) qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatee mana fincaanii xiyyaaraa keessatti qullaa argamee jedhe dhaddachi.

Haadeen Peenteekoost nama ganna 41 balalii Kaalifoorniyaa irraa gara Landan imalaa ture keessa kan ture yoo tahu, yeroo faarrisaa geeddaramuu jalqabu ''dafqaafi waan hiika hin qabne dubbachaa ture,'' jedhame.

Boodarra garuu qorannoon dhiigaa yoo taasifamu namni kuni qorichoota meetaafeetaaminiifi amfeetaaamiin jedhaman akka fudhate baruun danda'ameera.

Peenteekost hojiirraa kan arii'ame yoo tahu dhaddacha Aksibiriij jedhamutti qoricha sammuu hadoochu fudhatee hojii aveeshinii dalaguusaan balleessaa tahuu amaneera.

Dhaddachi Peenteekoost balaliin dura hin sakatta'amu jechuusaan hojii irraa akka arii'ame dhagaheera.

Garaan na dhukkuba jedhee erga himateen booda wayyaan geeddara jechuun mana fincaanii keessa seenee ofitti cufe- boodarra waayellisaa tokko qullaasaa isa arguu dhaddachi himeera.

Ijisaa imimmaaniin guutamee, onneensaa akka malee dhikkifataa hamma Landan gahutti garaagarummaa daqiiqaa 20'n ilaalamaa turee achiin booda hospitaala geeffame.

Peenteekoost mirgi wabii kan eegameefii yoo tahu boodarra mana murtii biraatti murtoon irratti darba.

Dhimma kanarratti Daandiin Qilleensaa Biriitiish deebii hin kennnine.