Balaa sigiga lafaa Gofaatii hanga guduruu Olompikiitti: Suuraalee Afrikaa filatamoo torbanii
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2
Suuraalee filatamoo torban kanaa guutuu Afriikaafi isaan alarraa kunooti:

Madda suuraa, AMENSISA IFA/BBC
Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Itoophiyaa Goofaatti balaa sigigii lafaa naannichatti mudateen lubbuun namoota 500tti siquu baduu akka hin oollee yaadama. Aaddee Malach Gosaaye Kamisa darbe BBC'tti akka himtetti, balaa kanaan abbaan warraa ishee fi ilmaan ishee tokko namoota biroo baraaruuf osoo yaaluun jalaa du'an.
Madda suuraa, ALEX DAVIDSON/GETTY IMAGES
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Roobii darbe lammii Togoo Akooko Komlanvi, Paarisitti alaabaa halluu biyyoolessaa Toogootiin riifeensashee guduruu tolfachuu fi alaabaa mismaara osoo deemtu suuraa kaafamteedha.
Madda suuraa, KHABIR DHANJI/AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Moodeelota agarsiisa faashinii Namuwongo Reclaimed Shebang Yugaandaa Kaampaalaa keessatti Dilbata darbe uffata balfa deebi'ee fayyadamu hojjetame uffatanii wayita agarsiisan.
Madda suuraa, MICHELE CATTANI/AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Jimaata darbe namni qurxummii kiyyeessuu tokko kaaba Mooriitaaniyaatti, Paarkii Biyyoolessaa Banc d'Arguin jedhamuutti argamu keessatti hojjechuuf ol ka'e.
Madda suuraa, MAHMUD TURKIA/AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata darbe magaalaa qarqara galaanaa Liibiyaa Qarabulii'tti aduun yeroo lixxu namoonni galaana keessa daakaa osoo jiranu
Madda suuraa, MUSTAFA YALCIN/GETTY IMAGES
Ibsa waa'ee suuraa, Kamisa darbe Olompikii Paaris irratti deeggartoonni wayita wayita gareen kubbaa miilaa Maaliin kan Israa'el waliin taphattu ilaalaa tan keessaa...
Madda suuraa, MARCO LONGARI/AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Taatoonni opereetaa Afrikaa Kibbaa, Biritaaniyaa Ismiizii fi Lukhaaniyoo Mooyaan Kibxata darbe wayita Johaannesbarg keessatti shaakala taasisaa turan.
Madda suuraa, TONY KARUMBA/AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessitoonni Keeniyaa haleellaa rippoortaroota hiriira mormii farra mootummaa biyyattii keessatti gabaasurratti raawwatame hordofuun hiriira Roobii darbe gaggeessan irratti ''poolisoonni mirga miidiyaa hin kabaju'' jechuun dhaadannoo dhageessisan.Odeessa kana irratti dabalata