Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oladeemaan Ginciitti waggaa 17 dura bilbila kalaqee addunyaan raajeffate, Israa'eel Beellamaa eessa gahe?
Waggaa17 dura Godina Shawaa Lixaa magaalaa Gincii keessa ol-adeemaan kutaa jahaffaa baratu kalaqni hojjete jiraattoota naannoo tajaajiluu eegaluun isaa tasa hidhaa isa buusee oole.
Umriin isaa xiqqaa ta'uutu hidhaarraa isa baraare.
Gabaa fi daandilee gubbaatti raadiyoo fi televizhinii hojjechuu dide suphuu ijoollummaadhumatti kan eegale oladeemaan kun, telefoona guyyaa tokko argeen raajjefamee telefoona mataa isaa kalaqe.
Ol-adeemaan meeshaalee elektirooniksii suphuufuu namni amanee meeshaasaa itti kennachuuf rakkatu, telefoona kalaqee jiraattota magaalichaa kaffaltii xiqqaan tajaajiluu eegalee ture.
Kalaqni isaa bilbilaa kun gabaa harkisaa deeme, gurra dhaabbata teelekoomii Itoophiyaas gahe. Yeroo kana ture hidhaa bu'uuf fiixeerra kan gahe.
Kalaqni isaa kun amma kaampanii sooftiweerii oomishu akka hundeessuu bu'uura ta'eera. Abbummaa kalaqoota hedduu ittiin argachuufis ka'umsadha.
Ijoollummaa isaatti hojjetaa dhaabbata teelee ta'eera, achiis Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa oogummaa isaa barbaadee fudhate.
Boodas abbootii kalaqaa fi oogummaa addaa dhaabbata Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa(INSA) yeroo jalqabaaf hundeessan keessaa tokko ta'e.
Dargaggoon kun Israa'eel Beellamaa jedhama. Waggoota 17 oliif hojii oogummaa kalaqaa uumamaan argate, barnotaan deeggareera.
Dargaggoo Israa'eel waggoota torba dura carraa barnoota bilisaa biyya Ameerikaatti argatee, damee Saayibeer Sekiyuritiin erga eebbifamee booda biyyatti deebi'uun kaampanii softiweerii oomishu hundeessee duula magaalota dijitaalessuurratti hojjechaa jira.
Dargaggoo Israa'eel oogummaa waa kalaquu isaa gabbisuuf biyyoota addunyaa hedduurra naanna'eera. Dorgommii teeknolojii sadarkaa idila addunyaatti gaggeeffaman adda addaa irrattis hirmaatee maqaa biyyaa gaariin dhoofsiseera.
Bilbila akkamiin kalaquu danda'e?
Israa'eel Beellamaa yeroo kutaa jahaffaa baratu ijoollee ganna 13 akka ta'u tilmaama.
''Telefoona ijaan argee hin beeku ture. Akka carraa ta'ee gaafa tokko obboleessikoo hangafaa mana bilbilaa na fudhatee deeme. Nama achuma jiru malee nama fageenyarra jiru kan dubbise hin seene.
Wantan hin beekne tokko yeroo namni natti himu qalbiinan hordofa. Achii bilbilli kun akkamiin hojjeta jedheen xiinxaluu jalqabe'' jechuun kalaqni isaa akkamiin akka eegale BBC'tti hime.
Muxannoo isaa raadiyooniifi meeshaalee elektirooniksii kaan suphu irraa argateen wantootni akka kappaasitar, tiraanziitaraa fi kaan maal akka hojjetan baree akka ture hima.
''Namni raadiyooniidhaan yeroo dubbatu ani ''isa amma jette irra naa deebi'i'' osoon jedhee namni achi keessaa dubbatus isan dubbadhu na dhagahee yaadni bilbilaa ykn telefoonaa akka kanaan hojjechuu danda'a'' hubannoo jedhuun telefoona hojjechuu akka eegale dubbata.
''Asumarraa ka'een shiboo maramaa fi tirii biddeenaa fa'a qaxaqqaxeedhuman bilbila manaa hojjedhe. Bilbilichi hin lakkaawu, wanta warri teelee ittiin hojjetan waliinis qunnamtii hin qabu.''
Bilbila sibilotaafi dhoqqeerraa godhee kalaqe kana harmee isaatti bilbilee hojjechuu isaa mirkaneeffate.
Booda telee iddoo namoonni firoota isaaniif bilbiluu dhaqan dhokatee yeroo ilaalu sibiila akka golboo ol fagaatee fannifame arge.
Kanas sibilotuma raadiyoo keessa jiran walitti tumee tirii irratti nyaatan waliin bobbocee yeroo fannisu diishii ykn risiivarii sagalee akka harkisu achiis gara shibootti akka galuu danda'uu hubate.
'Wanta gabaan haasa'u diishii tirriirraa hojjedheen dhagaheen harmee kootti gatii xaafii himaan ture'
Israa'eel ''Obboleessi koo wanta gurracha IC jedhamutu sagalee maddisiisa naan jedhe. Animmoo sibiilittii gurrattii sana wayitan raadiyoo hojjedhu waanin beekuuf. Raadiyoo caccabaan keessaa guuruun jalqabe'' jedha.
''Achiis tirii nyaata itti nyaannu dhoksee gorduuba geesseen tumee boca isan mooraa teelee keessatti argee akka qabaatu godhe'' jedha.
Booda sibiilota kana walitti godhee maagneetii waliin xaasaa keessa naqe. Achiimmoo akka tiriitti garagalu tolchee fannise.
''Akkuman fanniseen sagalee nama naannoo koo hundaaan dhagahuu jalqabe. Namni gabaa deemu hundi waan dubbatu, wanta namni mana keessatti haasa'u, wanta galgala namni manatti haasa'u dhagahuun eegale.''
''Inummaayyuu harmee kootiin manuma taa'een ennaa isheen gabaa deemtu xaafiin hamma kanaan oole, hammanaan bitta jennaan, ati ekera dubbistuudha akkamiin beekta naan jetti ture'' jedha.
Abbaan warraa fi haati warraa wallolanii waan waliin jedhan isa dhagahe ijoollee isaanii yeroo daandiitti argu itti himaa fa'aa akka tures Israa'eel ni yaadata.
Abbaa dubbateefi eessaa sagaleen sun akka dhufe adda baasuu baatus sagalee namootaan adda isaan akka baasus hima.
Booda sagalee hawaasa hundaa keessaa filatee sagalee tokko dhagahuu akkamiin akka danda'u mala raadiyoorraa firiikiweensii itti barbaadan fayyadamee tolchuu danda'e.
''Yaalii kanaan yaadni koo maal turee telefoona kana gara moobaayilatti geeddaruudha.''
'Telefoona hanga 10 hojjedhee manneen dhuunfaafi mana barnootaatti galcheen ture'
Israa'eel telefoonni isaa hojjechuu wayita mirkaneeffate gabaatti fuudhee bahe.
Jiraattonni naannoos waayee kalaqa isaa kanaa dhagahan.
''Kalaqa koo kanaan maallaqa argachuu eegallaan narratti beekamee hidhamuufanuu ture.''
Namoonni mana bilbilaa dhaqanii dubbatanii yoo xumuran birrii shanis kudhanis kaffalu. Animmoo malaiif birrii lamas sadiis hin argadhu jedheen jalqabee jedha Dargaggoo Israa'eel.
Bilbilli Israa'eel kun homaa hin lakkaahu. ''Namoonni kaan gatiin kan koo rakasa itti taanaan teelee dhaqanii maali gurbaa sana bira dhaqne hin bilbilluu'' jechuu jalqabanii jedha.
''Warri telee gurbaa kami yoo jedhan, gurbaa gabaa keessa taa'ee nama bilbiilchiisu jedhanii itti himan yeroo sana teeleen dhagahee.''
''Najalaa dhaabsisan malee yeroo sana magaala guutuu waliin gahuuf ture... ishii harkattii qabatan dhoqqee fi simintoo fa'a godhee, ispiikaraafi maayikii keessa kaahee, gara 10 hojjedhee manneen ollaatti gaggalchuu jalqabeen ture.
Mana barnootaas akka galu warri ollaa barbaadanii, mana barumsaattuu galcheen ture. Daarektaroonnuu fayyadamaa turan.''
''Warri telee gaafa kana dhagahan na hidhuu barbaadan. Na qabanii warra Finfinneetti bilbilan. Hidhaa jedhamanii ture booda gaafa ilaalan umriin koo xiqqaa ta'e'' jedha.
Hoogganaan kominikeeshinii Telekoominikeeshinii bara sanaa adeemsa inni telefoona itti hojjete erga gaafatanii booda Finfinnee waajira isaaniitti waamuu yaadata Israa'eel.
''Hojii kee gara saayinsiifi teeknoolojii geessina isaan yoo sii mirkaneessan si fudhanna naan jedhe. Saayinsiifi teeknoolojii deemee isaanis na amanuu dadhaban.''
''Walfudhannee Gincii deemne. 'Mucaan ufumaa nu xaarsa malee maal hojjeta'' jechaa deeman. Achi gahanii inuma nahan. Ni raajeffatan.''
Ogeeyyiin ministerichaa Ginciitti waan arganirraa xalayaa ni hojjeta jedhu kennaniifis, warri waajira muummee ''biyya lilmoo hojjechuu hin dandeenyetti mucaan telefoona hojjete jettuu?'' jedhanii amanuu dadhabanii meeshaale hunda Finfinnee mooraa Ministerichaa geesse akka yaalu taasisan.
''Achittis ofii isaaniin mirkaneessanii mirga abbummaa kalaqaa koo kan jalqabaa naa kennani.''
Ergasii garam turte?
''Achii booda Teeleen si guddisna naan jedhanii na fudhatan. Achittis teeknolojii adda addaa wajjin yeroon walbaru, Teelee ammayyeessuuf hojjechaan ture'' jedha.
Maashina editiingii hojjettu waajira kana keessatti kalaqee hojii akka salphisu gochuu hima. Booda public Phone kalaqee mana hojii san keessatti fayidaarra akka oolu gochuus dubbata.
Barnoota idileen cinatti hojiilee teeknolojiin hojjechaa Teelee keessa kan ture Israa'eel, hojiin hojjetu ilaalamee Ministeera Ittisa Biyyaatiin barbaadamee osoo kutaa 12 baratuu Ittisa Biyyaa damee teeknikaa keessatti qacarame.
Hojiileen Ministeera Ittisaa keessatti hojjechaa ture ''gahee gurgudddaadha'' kan jedhu Israa'eel, ''tiraanismiishinii, jaamiingii, haakiingii fa'a baree sirna akkasiin dalagaa ture'' jedha.
Hojiilee biroo ''gurguddoodha'' jedhe garuu ibsuu irraa of qusateera.
Achii boodas sirna to'annoo konkolaattotaa kalaqee mirga abbummaa kalaqaa isaa isa lammataa argate.
Kalaqni isaa kun konkolaataa irratti saamichi yeroo raawwatu abbaa konkolaataafi hiriyyoota abbaan konkolataa galmeeffate hanga 10 gahanitti dhaamsa dhaamuu kan danda'u, dhumarrattis Poolisiif kan beeksisuudha.
Israa'eel Yunivarsiitii Jimmaatti ramadamee barnoota olaanaa hordofuuf hiree argatee ture.
Inni ammoo yeroo san Ejensii Nageenya Odeeffannoo yeroo jalqabaaf hundaa'aa jiru keessatti gahee olaanaa bahaa waan tureef Finfinnee koollejjii Maayikiroo Liinkitti akka baratu ta'e.
''Yeroo INSA'n hundaa'u ani qorataa isa jalqabaa ta'een fudhatame. Achitti nageeyna odeeffannoorratti qorachaa fi hojjechaan ture.''
INSA keessa wayita jirus sirnoota gurguddaa nageenya biyyaa wajjin walqabatan irratti hojjechaa akka ture ibsa.
Turtiin isaa waajira kanaa wanta gaariis badaas kan keessummeesse ta'us, amma odeeffannoo bal'aa irratti kennuuf yeroo isaa miti jedheera.
Israa'eel bara obbo Abbaa Duula Gammadaa Pireezidantii naannoo Oromiyaa turan ''Wiirtuu Kalaqa Addaa Oromiyaa'' jechuun gidduugala tokko ijaaruun hojjeechuus dubbata.
Wiirtuu kana keessatti ijoollee oogummaa akka isaa qaban walitti gurmeessuun sooftiweeriifi haardiweeriiwwan gurguddaa hojjechaa akka turan hima.
Achiis carraa barnoota iskoolaarshiippii argatee gara biyya Ameerikaa imale.
Wayita Ameerikaatti imalu kalaqoota lamaaf mirga abbummaa kalaqaa argatee, piroojektoota 16 ammoo qopheessee deeme.
Xiyyeeffannaan isaa mirga abbummaa kalaqaa argachuu qofa osoo hin taane piroojektii maallaqatti jijjiiramuu danda'u tolchuu ture jedha.
Beekamtiifi badhaasota
Dargaggoo Israa'eel leenjii argachuudhaaf biyyoota akka Israa'eel, Ispeen, Chaayinaa fi biyyoota Awurooppaa kaanittis imaleera.
Dorgommiiwwan teeknoolojii idila addunyaa hedduu irrattis hirmaatee waraqaa ragaa gara 36 akka qabu hima.
'''Genius young Ethiopia, the first Africa' jedhee googil seenaa koo dubbachuu eegale. TEDXAddis dhufanii gaaffiifi deebii na waliin godhanii Ted Talk irratti gadhiifameera.''
Sadarkaa idila addunyaatti xiyyeeffannoo miidiyaalee kan argate dargaggoo Israa'eel, waggoota 14 darban irraa eegalees miidiyaalee maxxansaa, raadiyoofi televezhiinii irratti kalaqoonni isaa gabaafamaa akka turan yaadata.
Amma maal hojjechaa jira?
Dargaggoo Israa'eel oogummaa qabu barnootaan cimsuuf waggaa torba dura gara Ameerikaa imalee barnoota Saayibeer Sekiyuuritii erga hordofee booda 'amma biyya koo akkamiin gargaaruu danda'a'' jedhee Itoophiyaatti deebi'ee jedha.
''Amma kaampanii sooftiweerii kalaqu ijaaruudhaafin deebi'ee dhufe. US keessatti damee Itiyoo Innooveeshiin Senter jedhu hundeesseera. Hayyama achii baafadheen dhufe'' jedha.
Ijoollee eebbifamtoota Yunivarsiitii ICT irratti gaarii ta'an waliin piriijektoota Ismaart Siitiif oolan irratti hojjechaa akka jiran hima.
''Duula magaalota dijitaalessuuf godhamu keessatti gaheekoo bahuurrattin hojjechaa jira.''
Yeroo ammaa magaalota naannoo Oromiyaa keessatti hojii kana hojjechaa akka jirus dubbateera.