Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Sidaamaatti qondaalli mootummaa fonqolcha gaggeessuuf yaale jedhame mirgi himatamuu dhabuu irraa ka'e
Naannoo Sidaamatti itti gaafatamaa Biiroo Nagaafi Tasgabbii kan ta'an Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos mootummaa naannichaarratti yeroo garaa garaatti fongolcha gaggeessuf yaalaa turan jedhamuun shakkamanii mirgi himatamuu dhabuu irraa ka'e.
Yaalii fonqolcha mootummaa gaggeessuun alattis "meeshaalee waraanaa seeran alaa bituufi daddabarsuunis" shakkamaniiru qondaalli naannichaa kun.
Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa'ii har'a, Waxabajjii 12, taa'eni mirga himatamuu dhabuu Obbo Alamaayyoo irraa kaasuu biiroon komunikeeshinii naannichaa beeksise.
Yakka mootummaa fongolchuuf yaalufi meeshaalee waraanan alaa seeran ala daddabarsuun kan shakkaman Obbo Alamaayyoo Ximootewoos, hundeeffama Naannoo Sidaamaa irraa kaasee gulanaataa garaa garaan naannicha tajaajilaa turan.
Yaada murtii kana kan dhiyeessan itti gaafatamaa Biiroo Haqaa Naannoo Sidaamaa kan ta'an Obbo Maatoo Maaruu akka jedhanitti qondaalli mootummaa mirgi himatamuu dhabuu irraa ka'e, yeroo aangorra turan gochaawwan yaakkaa raawwataniiru.
Yakkawwan Obbo Alamaayyoon ittiin shakkaman keessaa "yeroo iti gaafatamaa Biiroo Nageenyafi Tasgabbii naannichaa turan, aangoo akka hin malletti fayyadamuun namoota dhuunfaa dabaan hidhuun hiraarsaa turan" kan jedhu keessatti argama.
Namoota hidhaman gadi lakkisuuf ammoo "matta'aa guddaa fudhataa turan" kan jedhus yakka biraa ittiin shakkamaniidha.
Daddabarsa baala sammuu adoochaniif hayyama kennuu, meeshaaleen waraanaa seeran ala akka daddabarfamaniif hayyamuunis kan qondaalli kun ittiin shakkaman keessaati.
"Fayidaa dhuunfaa bu'uura godhachuun" nannicha keessatti "daldalli kontirobaandii akka babal'atu taasiseera" kan hedhu wantoota biiron haqaa ittiin shakke keessaa tokkoodha.
Obbo Alamaayyon mootummaa Naannoo Sidaamaa irratti "fonqolcha gaggeessuf yaalaniiru" jechuun ibse biiron kominikeeshinii naannichaa.
Kana duras Naannon Sidaamaa yeroo garaa garaatti qondaalota isaarraa mirga himatamuu dhabuu kaasun to'annaa jala oolchee beeka.
Bara 2015 ji'a Adoolessaa keessa kantiibaa magaalaa Hawaasaa kan turan Obbo Tsaggaayee Tukee aangorraa erga kaafamanii booda to'atamanii ture.