Seenaa icciitii falfaltoota fannifamaa turanii

Waa'ee falfaltoota Awurooppaa waanti beekamu: baayyeen isaanii dubartoota tahuu, falfala isaaniin harataa yaabbatanii ka'achuu, koffiyyaa fuuldurrishee boca rog-sadee qabduu keewwachuu, adurree gurraattiif jecha tolchaa isaaniinii.

Haatahu malee, waan jette jetteen himamuun duuba seenaa gidiraa, dararaafi ari'atamaatu jira.

Arii'atamni falfaltoota kanaa dhimma jaarraa 16ffaa fi 17ffaa irraa waan jalqabe dha.

Keessumaa hojii namicha falfaltuu adamsu Maatiiw Hopkiins addatti himama, Ingilaand keessatti du'a namoota 100fis sababa taheera.

Dr Gemmaa Aleen, Oppeen Yunivarsiitii keessatti barsiistuu gameettii seenaa ammayyaati. Haala namoota falfaltummaan himatamaa turanii ibsiti.

Biyyoota Awurooppaa keessatti barri jaarraa 16ffaa fi 17ffaa bara falfalaa jedhameetu beekama.

Seexanaafi Waaqni jireenya namootaa keessaa shoora guddaa qabu, Ingilaand keessas jireenyi akkaan ulfaataa ture jedhama.

''Namoonni beela, aariifi sodaa qabu ture. Jireenyi isaaniis naannoo baadiyaa hawaasa xixxiqqoon kan marfame ture,'' jetti Dr Gemmaan.

Bara 1530 fi 1630 gidduu Ingiliiz keessa lakkoofsi uummataa dachaadhaan dabale.

Weerara dhukkubaafi cabbiin lafa uwwise callaan bara sanaa badee lafatti hafe.

Akkaa Dr Gemman jettutti waanti hamaan bara sanatti uumamu hundi adabbii Waaqaa ykn hojii falfaltuuti jedhama ture.

Falfaltoonni bubbee kaasuu, loon fixuu, nama faa maraachu jedhameetu amanama ture.

Inglilaand keessatti bara sana falfaltoonni hojiisaaniif mana murtiitti dhiyaatu ture.

Kanneen mana murtiitti himataman keessa harka 22 qofatu murtoon du'aa irratti darba ture.

Awurooppaa fi Ingilaand keessa himatamaan yoo irratti murtaa'e ibiddan kan gubatu yoo falfaltoonni garuu fannifamaniitu ajjeefamu.

Iskootilaand keessatti baroota kana keessa namoonni 4000tti siqan falfaltummaan kan himataman yoo tahu isaan keessaa harki 85 dubartoota. Kanneen himataman keessaa ammoo harki 67 ajjeefamaniiru.

Bara 1640 keessa yeroo waraana waliinii Ingilaand namichi falfaltuu adamsuu Maatiiw Hopkiins gargaarsaa jeneraal falfaltuu adamsu Joon Isteern jedhamu waliin achii as bahan.

Namichi Maatiiw jedhamu kuni baadiyyaa Ingilaanditti eeruu uummataan waamamee shakkii isaan namoota falfaltoota jedhaman irraa qaban dhaggeefata ture.

Mallattoo falfaltootaas barbaaduu jalqabe, yoo isa dhabee uumamoota familiar jedhaman kan walakkaan nama walakkaan jinnii tahan barbaaduu jalqabe, isaanis michuu falfaltuu dha jedhamee yaadama.

Isaan kunis looccuu, simbira halkaniifi adurree fa'idha.

Falfaltoonni guyyootaaf akka hordofaman taasisuun bineensonni kunneen gara isaanii dhufu yoo taheef akka mirkaneeffamu godhe.

''Kaayyoonsaa garuu falfaltoota kana hirriba dhorkuun akka isaan dirqamaan ragaa bahan gochuu dha,'' jetti Dr Gemmaan.

Hopkiins qormaata bishaan daakaas fayyadameera, kanneen falfaltoota jedhaman abgudduufi abdgudduun isaanii akkasumas quba guddaa miila isaanii walitti hidhuun bishaan keessa isaan buusa. Falfaltuu yoo tahan ni bololi'u, bishaanni taliilaa isaan tufa jedheetu amana.

Kanneen qulqulluu jedhaman ni dhidhimus jedheetu amana ture jechuun ibsiti ogeettiin seenaa kuni.

Dubartoonni sababa bulchiinsa saalaan looguun tureef qormaata sheeyixanaaf addatti saaxilamoo dha jedhamu ture.

Warreen barnoota amantaa Kiristaanaa bara sanaa ammoo dubartii jalqabaa, ''Hewaantu jannata kessatti sheexanaan goowwomfame,'' jedhanii amananiif ammas Sheexanaa wajjin hariiroo kallatti qabdi,'' jedhanii yaadu ture jetti ogeettii seenaafi gaazexeessituu Luuyis Ye'omaan.

Baha Awurooppaa keessatti ammoo dhiiroti lakkoofsi isaanii xiqqoo hin jedhamne akkasuma adamsaa Hopkiinsiin qabamaa turan.

Qeesiin Joon Loo jedhamu magaalaasaa Biraansitan keessatti falfaltummaa kanaan shakkamee mallattoon ilkeen bineensota walakkaan nama, walakkaa sheexana jedhamanii mataasaa fi arrabsaa jalatti argame.

Hopkiinsini qabamee erga dararameen booda bineensota kunneen ja'a doonii akka galagalshan gochuun namoota 14 ajjeesuu amane.

Boodarra waan jedhe sana kaasus, fannifamuurraa garuu hin oolle ture.

Hopkiinis akkaataan inni falfaltoota kana itti adamsuufi ajjeesisu mormiin isa mudatee ture. Dhumarratti bara 1647 dhukkubaan mana jireenyaasaatti lubbuunsaa darbe.

Bara adamsaa falfaltuu nama kanaatti walumaagala namoonni 250 tahan qoratamaniiru. Kanneen 100 tahan immoo falfaltummaan himatamaniiru.

Bara sana falfaltuu adamsuun kuni hawaasa bal'aa eeguufi jedhamee amanamullee adamsanii ajjeesuun kuni garuu kutaa hawaasaa saaxilamoo tahan irratti kan xiyyefate ture.

Sodaan qaamota hawaasaa saaxilamoo tahan ammallee jiraatus falfaltoota haala Hopkiinsiin adamsuun garuu hin mul'atu.

Bara ammayyaa kana keessa biyyoota Lixaa keessatti dhimma falfaltuu og-barruu fi filmii isaanii keessatti arguun baramaa dha.

Inumaa asoosamarra darbeeyyuu yeroo ammaa manni barumsaa UK falfala kana barnoota idileen akka kennu beeksiseera.

Yuunivarsiitin UK Egziitar bara 2024 irraa kaasee ''falfala barsiisuun" digrii lammaffaan akka eebbisiisu kan beeksise yoo ta'u barumsa 'falfalaaa' (magic) barsiisuun yuuniuvarsiitii jalqabaati jedhameera.

Yeroo dhiyoo as namoonni waa'ee 'falfalaa' barachuuf fedhiinsaanii dabalaa dhufuurraa kan ka'e yuunivarsiitichi gosa barnootaa "Magic and Occult Science" jedhuun Maastarsii barsiisuf akka murteesse dubbatan gaggeessaa gosa barumsa kanaa kan ta'an Pirofeesar Emilii Seloov. UKtti barumsa 'falfalaan' digriin lammaffaa kennamuufi

Biyyooti Awurooppaa gariin immoo yakka baroota darban dubartoota falfaltmmaan himachuun ajjeesaa turaniif dhiiifama gaafachaa jiru.

Bara 2022 keessa paarlaamaan Kaataloniyaa, dubartoota dhibbaan lakkaawwaman kan jaarraa 15 ffaa fi 18ffaa gidduutti toshituu ta'uu isaaniif ajjeefamaniif dhiifama godhe.Dubartoota falfalaan himatamanii ajjeefamaniif jaarraa 5 booda dhiifamni godhame

Paarlaamaan murtee kanarraa kan ga’e sagalee deeggarsaa harka caalaan yoo ta’u, yaadannoon dubartoota 700 ol dararamanii ajjeefaman kanaa akka jiraatuuf jecha dhas jedhameera.