Qoricha dhukkubsattoota araada saal-qunnamtiifi 'qumaaraa' qabsiisu

Yunaayitid Kingidam (UK) keessatti dubartoonni qorichi dhibee sochii qaamaa to'annoo ala ta'uu (movement disorders) isaan mudateef kennameef miidhaan biraa (side effect) inni qabaachuu danda'u akka itti hin himamne BBCf ibsan.

Dubartoota wallaansa dhibee fayyaa kanaa fudhatan keessaa 20 ta'an BBCn kan dubbise akka ibsanitti, qorichi isaaniif kenname "fedhii saal-qunnamtii hin baratamiin" akka qabaatan isaan gochuu akka malu itti hin himamne.

Qorici kun akka jireenyasaanii wal xaxaa taasise dubbataniiru.

Dhaabbanni qoricha omishu GSK jedhamu ibsa baaseefi gabaasa BBCn argerratti akka eerametti, bara 2023 keessa qorichi kun daa'immanirra miidhaa saal-qunnamtii geessisuu dabalatee amaloota saal-qunnamtii "kan baramerraa adda ta'an" waliin hariiroo qaba.

Ibsa qorichoota kanneenirra jirurra miidhaa maddee(biraa) qaqqabsiisuu danda'an hin eeramnellee. UK keessatti qaamni qoricha to'atu gamasaatiin qorichi kun akka fedhiin saal-qunnamtii dabaluufi amala miidhaa qabu akka namatti fidu akeekkachiisa kennuu isaa beeksiseera.

GSKn akka jedhetti ammoo qorichoota kanneen irratti fedhiin saal-qunnamtii "sirrii hin taane"uumamuu akka danda'u eerameera.

Dubartoota fedhii saal-qunnamtii hin baratamiin isaan keessatti akka uume himan kessaa muraasni isaanii BBCf aka ibsanitti, amalli kun maaliif akka isaanirratti mul'ate hin barre ture.

Kanneen biroo ammoo duraan qumaara (tirgaa) keessatti hirmaachuu kan hin beekne ta'ullee gara boodaa fedhiin qumaara taphachuufi meeshaa qumaara ittiin hojjetan bitachuu akka keessa isaaniitti uumame dubbatan.

Sababa kanaatiin dubartoota yaada kennan keeessaa tokko idaa dolaara kuma 193 keessa galuu ibsite.

Akkuma dubartoota biroo yeroo ulfa jirtutti sochiin qaamaa to'annoon ala ta'e kan ishee mudate Kileer irriba dhabdee qoricha gogaashee jalaan kennamuufiin rakkachaa akka turte dubbatti.

Erga deesseen boodas dhukkubbiin kun itti fufunaan qorichi Rooppiiniirool jedhamu ajajameef. Miidhaa biraa (maddee) qorichi kun qabu hakiimaan itti hin himamne ture. Erga dhukkubbiin kun irraa dhaabbatee wagga tokkoon booda fedhii saal-qunnamtiif qabdurratti jijjiirama ol aanaa ta'e hubatte.

Haala ishee mudates "miira narratti mul'atu kan baayyisee adda ta'edha jedheen ibsuu danda'a" jette.

Amala hin baratamiin ishee mudate qorichicha waliin walitti fiduudhaaf waggoota ishee fudhateera. Qorichicha fudhachuu yeroo dhaabde amalli sun ni bade.

Balaa keessa of galchite yeroo yaaddu "nan qaana'a, nan na'as" jetti.

"Hormonii gammachuu" jedhamuun kan beekamu qorichoonni hormoonii Doppaamiin si'eessan fedhii saal-qunnamtiifi qumaaraa akka dabalu gochuu akka danda'an himama.

Namoota dhibee sochii qaama to'annoon ala ta'e qaban keessaa harka dhibba keessaa 6 hanga 17 akka miidhaman ibsama.

Walumaagalatti namoonni miidhaan maddee isaan mudatu namoota qorichicha fudhatan dhibba keessaa tokkodha.

Qorichoonni miira gammachuu kakaasan fedhii to'annootiin ala ta'an namarrattti fiduu danda'u.

Akka qorannoo GSK gaggeessett, maanguddoon umuriin isaa waggaa 63 qoricha dhibee Paarkinsees kennameef tokko daa'ima waggaa torbaarra miidhaa saalaa geessisuun itti murtaa'eera.

Qorichi kun fedhii saal-qunnamtii isaanii to'achuu haala danda'uun ala akka taasiseefi hangi qorichichaa yeroo hir'atutti fooyya'insa akka agarsiise yaada kenneen ibsee ture maanguddoon kun.

Gaheessi umuriin waggaa 45 ta'an "fedhii saal-qunnamtii to'annootiin ala ta'e akka agarsiisaniifi qaamsaanii akka qullaa buusan" galmaa'eera. Kunis sababa qorichichaatiin kan daran hammaatedha jedhameera.

Piroofeesara Niwuroosaayikaatirii Vaalerii Vuun akka jettetti, amaloonni akka kanaa hawaasa keessatti fudhatama waan hin qabneef namoonni amaloonni akkasii irratti mul'ate waan isaan mudate osoo hin gabaasiin carraan itti hafu bal'aadha.

Qorichoonni kunneen middhaa maddee isaan qaban ifatti eeramuu akka qabus dubbatti.

Namoonni yaadasaanii BBCf kennan 20 ta'an akka jedhanitti, miidhaan maddee qorichoonni kunneen qaban osoo itti hin himamiin hafuun alatti jijjiirama isaanirratti mul'ateefis hakiimonni furmaata hin kennineef.

Saaraan qoricha kana kan jalqabde yeroo umuriin ishee waggaa 50tti siqudha.

"Ani namni osoo Biraad Piit illeen qullaa kutaa kiyya seenee waayyu natti hin fakkaanne, fedhiin saal-qunnamtii kiyya to'annootiin ala ta'e," jechuun waan ishee mudate ibsiti.

Karaa marsariitii viidiyoo saal-qunnamtiifi 'surree' keessa gurguruu jalqabde. Saal-qunamtii bilbilaas jalqabuu dubbatte.

Bittaa to'annootiin ala ta'e gaggeessuun idaa dolaara kuma 39 keessas galte.

Dubartiin Suu jedhamtu wallaansarra jirtus qoricha nama si'eessu Doppaamiin gosa lama fudhatti ture. Idaa dolaara kuma 103 keessa kan galtes sababa miidhaa maddee qorichoota kanaatiinidha.

"Maallaqan dhabe ol aanaadha. Maatii kiyya diigheera. Garuu wantan ta'e jedhee godhe miti' jetti.

Bara 2011 keessa GSK dhibamtoota Paarkiinsasiin himatameera. Qorichichi qumaaratti waan isaan galcheef ture kan himatan.

GSKn bara 2000 waa'ee miidhaa maddee qoricha kanaa qoratus hanga 2007tti ifa hin goone.

Ogeessi Niiwurooloojistii Dr. Gaay Leescheziir miidhaan maddee qorichootaa ifatti namoota wallaansa argatanitti himamuu qaba.

GSK deebii BBCf ergeen, namoota miliyoona 17 ol ta'an Roofiiniil ajajuu ibsuun, kun "qorannoo gadi fagoo" darbee "bu'a qabeessummaan isaa erga mirkanaa'een" booda ta'uu eereera.

Ogeessonni fayyaas qoricha kana dhukkubsattootaaf yeroo ajajaniif namoota hundarratti mul'achuu baatus miidhaawwan maddee mul'achuu danda'u jedhamanii yaadaman ibsuun isaanirraa akka eegamu ibsameera.

Waajirri Kunuunsa Fayyaafi Hawaasaa Yunaayitid Kingidam dhimmicharratti yaada kennuurraa of qusateera.

*Gabaasa kanaan namoota kana keessatti eeraman keessaa maqaan tokko tokkoo eenyummaa isaanii mullisuu dhiisuudhaaf jecha jijjiirameera.