Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek fi MM Abiy Finfinneetti wal arguun mari'atan
Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti muddamni erga dhalatee waggaa tokko booda pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiitiif Finfinneetti imaluun MM Abiy Ahmad wajjin walarguun mari'atan.
Mootummaan Itoophiyaa fi Somaaliyaa galgala kana ibsa waloo baasaniin gaggeesitoonni biyyoota lamaanii dhimoota hariroo biyyoota lamanii irratti marii bu'a qabeessa gochuu ibsaniiru.
Walitti dhufeenyasaanii [laaffatee ture] karaa dippilomaatota isaanii biyyoota isaanii iddootti deebisuuf waliigaluus ibsaniiru.
"Tasgabbiin naannichaa [Gaanfa Afrikaa] walta'iinsa biyyoota lamaanii wal-amantaa, ofitti amanamummaafi walkabajuu irratti hundaa'e akka barbaadu gaggeessitoonni biyyoota lamaanii jabeessanii ibsaniiru," jechuun walitti dhufeenya naannoo cimsuuf akka walii galan ifa godha ibsi waloo kun.
Dhimmi nageenya waloos qabxiilee MM Abiyif Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad irratti mari'atan keessaa tokko akka ta'e kaasa ibsi waloon biyyoonni lamaan baasan kun.
"Yaaddoo cimaa hidhattoonni finxaaleyyii ta'an naannichatti uuman hubachuudhan, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii ejansiiwwan biyyoota nageenyafi tasgabbii naannichatti jajjabeessuf qindoominaan akka hojjataniif ajaja akka kennan waliigalaniiru," jedha ibsichi.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamad gara Finfinnee kan imalan muddaama waggaa tokkoof biyyoota lamaan gidduutti uumameen boodadha.
Itoophiyaafi Somaalilaand, kan Somaaliyaan akka qaama isheetti ilaaltu, walii galtee ulaa galaanaa walii mallatteessuu isaanii booda biyyoota lamaan gidduutti qofa osoo hin taane Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalatee ture.
Har'a, Amajjii 11, waaree booda Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee yeroo seenan MM Abiy buufata xayyaaraa Idiladdunyaa Booletti argamuun simannaa hoo'aa taasisaniif.
Fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti "baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftan" jechuun barreessan MM Abiy.
Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad Finfinnee deemuu isaanii dura Waajjirri Pirezidaantii Somaaliyaa ibsa baasen daawwannaan qondaalonni olaanon biyyattii Itoophiyaatti taasisan affeeraa MM Abiy irraa dhiyaaten ta'uu beeksise.
Kaayyoon daawwannaa hojii pirezidaantin Somaaliyaa Itoophiyaatti taasisan kanaas waliigaltee biyyooni lamaan jaarsummaa Turkiitin Ankaaratti mallatteessan irratti hundaa'un walitti dhufeenyasaanii haaressuuf akka ta'es ibse Waajjirri Pirezidaantii Somaaliyaa.
Dabaluunis "dhimooota waloo irratti dubbachuuf" ta'uu ibsuun wal-ta'iinsi biyyoota lamaanii haareffame jalqabbii boqonnaa haarati jedhe waajjirichi.