Godaantonni Afrikaa haleellaa sanyummaa Tuniziyaatti raawwatamu akkamiin akka dandamatan

Madda suuraa, CLAIRE PRESS/BBC
Luwizaa Faloon daa'ima waggaa tokko dugdatti baattee bakka deemtu wallaaltee daandiirra dhaabbatti. Tuniiziyaa magaalaa Sfax jedhamu keessatti namoonni gareedhaan ishee haleelanii manasheetii ari'an.
Waan isheen qabdu hunda saaman.
''Halkan keessaa sa'atii saddeet irratti dargaggoonni Tuniiziyaa haleellaa eegalan. Dhagaadhaan erga na haleelanii booda gara kiyya dhufanii morma koorratti albee qaban,'' jechuun haala ture ibsite.
''Daa'ima kiyya qofa qabadheen bakkan ciisee jiruu qullaa kiyya utaalee ba'e. Lammiileen Tuniiziyaa ollaa kiyya jiran wayitan qullaa fiigu arganii bullukkoo narra buusan.''
''Maallaqa kiyya hunda fudhatan. Meeshaa koo hunda caccabsan.''
Aadde Faloon waggaa tokko dura Aayivorii Koost irraa carraa hojii fooyya'aa barbaacha Tuniiziyaa seenuun mana bunaa tokko keessa hojjechuu eegalte.
Haleellaan jibbiinsa godaantotaa kan dagaage, erga namni Tuniiziyaa umrii waggaa 41 waldhibdee godaantota biyyoota Saahaaraan gadii waliin uumame booda akka badaa waraanameeti.
Aadde Faloon hookkara jibbiinsa godaantotaan walqabatee torban tokko dura biyyattii keessatti ka'e keessa haleelamte.
Gareen BBC dhimma kana hordofaa ture wayita gara magaalattii seenu, godaantonni lakkoofsaan hedduu ta'an daandii magaalattii dhukkeen haguuge cinaa mallattoo ''Nagaa (Peace)'' jedhu qabatanii dhaabbataniiru.
Haaluma kana keessatti ammoo lammiileen biyyaa wayita konkolaataadhaan baqattoota kunneen keessa darban deeggarsa taasisuuf, daabboo fi waan nyaatamu kennaniifii darbu.
Ta'us jibbiinsi godaantota akkasumatti jira.
Wayita namoonni gareedhaan godaantota haleelan viidiyoowwan waraabamanii gadhiifaman keessaa tokkorratti namni tokko fuula haguuggatee ''lammiileen Afrikaa gurraachi nuyii fi dubartoota keenyaaf yaaddoodha,'' jedhee iyya.
Uummanni akka godaantota irratti ka'u kakaasa.
Namni kan biraan ammoo ''Godaantota kunneen hunda as keessaa haxaawuu qabna. Akka as jiraatan hin eeyyamnu,'' jedha.

Madda suuraa, CLAIRE PRESS/BBC
Gareen BBC godaantota waliin oolee bulee haala isaan keessa jiran hubachuuf yaaleera.
Godaantonni hedduun kan gaafa Adoolessa 4, 2023 haleelaman madaan irraa hin qoorre.
Guyyaa haleellaan raawwate sana daa'imman fi dubartoota dabalatee namoonni 25 guddoo miidhamanii hospitaalatti wal'aansa barbaadu turan.
Baqataan tokko haleellaa kanaan miilli obboleessa isaa ganna 7 lamaan isaatuu cabuu hime.
Viidiyoo waraabamerratti wayita godaantonni haleelaman poolisoonni Tuniiziyaa achuma turan, garuu keessa seenuurraa of qusatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin dhimma kanarratti akka yaada kennu gaafatamee dubbachuu dide.
Inumaa rakkoon sun mudatee guyyaa itti aanu qondaaltonni biyyattii godaantota 100 caalan gara daangaa Liibiyaatti ari'an.
Waliigalatti baqattoonni 1,000 ta'an magaalaa Tuniiziyaa, Sfax jedhamtu kana keessaa baafamuun gara daangaa Liibiyaa fi Aljeeriyaa geeffamuu qondaaltonni biyyattii ibsaniiru.
Godaantonni viidiyoo suukanneessaa waraabanii gara jaarmiyaa mirga namoomaaf falmu- Human Rights Watch (HRW) ergaa turan.
Hedduun haleelamanii madoo hamaa waliin daangaatti ari'aman.
Jaarmiyaan mirga namoomaa kun akka jedhutti koolu-galtoonni fi barattoonni biyya sanaa baafamuun ''jumlaan adabamaa jiru'' jedhe.
Pireezidantiin Tuniiziyaa Kaayis Sa'iid godaantonni biyyasaaniitti dararamaa jiraachuu haalanii, inumaa deeggarsa barbaachisaa akkaataa duudhaa biyyattiin argataa jiru jedhan.
Amma magaalaan Sfax haga tokko nagaa qabdi, garuu dargaggoonni gareedhaan manneen bunaa fi suuqiiwwan haleeluu hin dhiifne.
Rogeettiin magaalaa Sfax keessaa suuqii qabdu Miriyaam Biribii haleellaa torbee darbe mudateen guddoo mufachuu fi ammallee haleellaan jiraachuu himte

Madda suuraa, CLAIRE PRESS/BBC
Pireezidantiin biyyattii kanneen jechoota godaantota irratti haleellaa hammeessan dubbatan keessaa tokko ta'uu himatti dubartiin kun.
Pireezidantichi jalqaba bara kanaa ''godaantonni biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii irraa dhufan biyya keenya keessatti yakkaa fi hookkara baayyisu,'' jechuun akka ofirraa dhorkan dubbatan.
Godaantonni 300 ta'an erga qe'ee jiraatan keessaa ari'amanii daandii magaalaa Sfax irratti ba'uun dukkaana tolfatanii qubatanii jiru.
Waan nyaatan fi uffatan hin qaban. Halkan lafuma rafu, balfa naannootti gatame keessaa haftee soorataa barbaadanii sooratu.
Jireenyuma akkasii keessa osoo jiranii ammoo haleelamu.
"Maatii kiyya qabadhee guyyaa afurin ala kana bule, bakkan dhaqu waan hin qabneef. Amma baayyee hifadheera, dadhabeera. Harka kennuufan jira,'' jette haati ijoollee lamaa Seeraa Liyoon irraa garas imalte Miriyaam.
Miriyaam amma biyyatti deebi'uu barbaaddi, garuu humna ittiin deebitu hin qabdu.
Liqaallee taatu fudhattee ittiin biyyasheetti deebi'uu feeti, kunis waan hin yaadamne.
Akkasiin jiruu dukkanaa keessa jiraatti.












