Sadiyoo Maanee haadha warraasaa barattuu ganna 18 taate akkamiin argate?

Madda suuraa, Daily Mail/IG/Goal
Taphataan duraanii Liiverpuul Sadiyoo Maanee dubartoota adunyaarratti gurra horatan meeqa osoo jiranii ganda dhaloota isaatii barbaadee barattuu ganna 18 fuudhuun tibbana dubbii ijoo taheera.
Kilaba tokko kan waliin taphatan Kiristaanoo Roonaaldoon Joorjiinaa Roodirigeez, taatoo beekamtuu fi modelisti taate akkasuma Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyona 55 ol qabdu irraa ijoollee godhachuun waliin jiraata.
Sadiyoo Maanee ammoo kan tasuma miidiyaa hawwaasaa hin fayyadamne, firootaa fi maatii isheen alayyuu hedduu hin beekamne Ayishaa Amaduu Tambaa jedhamtu fuudhe.
Maaneen gaa'ila dhaabbachuuf ulaagaa adda tahe akka qabu dubbatee ture. Garuu gaaffiin ture intala kana waliin eessaan wal argan kan jedhudha.
Gaa'illi isaanii akka abboota keenya duriitti karaa maatii tahuu hin hafne.
Abbaan haadha warraa Sadiyoo Maanee, Amaduu Taambaa, intalli isaanii Maanee waliin akkamiin akka wal arganii fi umuriin ishee meeqa akka tahe ifa godhan.
Obbo Amaduun intalli isaanii akkaataa aadaatiin karaa maatii dubbatamtee akka Sadiyoo Maaneetti heerumte ibsan.
Maanee fi haati warraa isaa ganna 18, hanga qubeelaa waliif hidhanitti yeroo dheeraaf jaalalaan waliin hin dabarsine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan duraanii Liiverpuul, Maaneen barattuu Ayishaa jedhamtu waliin Amajji 7, bara 2024 Daakaaritti sagantaa Islaamaa miidhagaa qopheessuun wal fuudhan.
Bara darbe biyya isaa Senegaal waliin shaampiyoonaa waancaa Afrikaa kan ture Maaneen, ammas Waancaan Afrikaa Ayivoorii Koosti qopheesitu jalqabuuf guyyootni jaha yoo hafu sirna gaa'ilaa isaa raawwate.
Cidhi isaanii kan qophaa'e qe'eema Ayishaafaatti yoo tahu, maatii fi firootni ishee dhiyoon irratti argamaniiru.
Ayishaan umuriin ishee ganna 18 tahuu abbaan ishee Obbo Amaduun ibsuu miidiyaaleen biyyattii hedduun gabaasaniiru.
Waggaa lama dura ture iji Maanee Ayishaarra kan bu'e. Yeroo sana umuriin ishee waggaa 16 ture.
Yeroo sanatti gaaffii jaalalaa ifatti dhiyeessuun waan hin danda'amneef hanga umuriin ishee 18 guututti eeguun dirqama ture.
Garuu maatiin maanee fi maatiin ishees waliin dubbachuun guyyaa kana eegaa turan. Isheenis waan quba qabduuf fedha mataa isheen akka Maaneen filannoo ishee tahe abbaan ishee himaniiru.
Jalqaba Maaneen Ayishaa kan arge yeroo Ayishaan harmee ishee waliin maatii Sadiyoo Maanee dubbisuu mana isaanii deeman akka tahe kan himan abbaan ishee Obbo Amaduun, wal fuudhuun isaanii fedha maatii lamaanii akka tahe himan.
Haati warraakoo fi Ayishaan guyyaa tokko maatii maanee dubbisuu deeman. Yeroo jalqabaaf guyyaa sana Maaneenis waan jiruuf ishee arge,'' jechuun Obbo Amaduun Deyilii Meelitti [Daily Mail] himan.
Duudhaa jiru waliin waa'ee isaa waan dhageesse hundaan fedha ishee guutuun tole jetteef.
''Akka maatiitti nutis waan isheef gaarii taha jenne irratti ishee gorsinee qajeelchineerra. Waaqayyo waan gaarii isheef jedhe raawwateeraaf,'' jedhan abbaan ishee.
''Ani maatii Maanee fi isa sirriittan beeka. Maatii baayyee gaarii tahanii fi of tuulummaa hin qabnedha. Sadiyoonis maatiidhuma isaa fakkaata,'' jedhan.
''Anis akka abbaa intalaatti waa'ee amala isaa, amantaa isaa fi sadarkaa barnoota isaa dabalatee wantootan beekuu barbaadu gaafadheera. Dhumarrattis nama gaarii tahuu isaan hubadhe.''
Eenyu walitti isaan fide?
Eessumni Sadiyoo Maanee tokko abbaa intalaa Obbo Amaduu waliin hariiroo guddaa qaba. Karaa isaafi imaamni akka Maaneen intala isaanii fuudhuuf gaafataa turantu walitti isaan fide jedhu odeessaaleen bahan.
Obbo Amaduun ogummaan isaanii arkitekchera waan tahaniif hojii ijaarsaa irratti bal'inaan bobba'anii hojjetu.
Kanarraa kan ka'e erga bara 2013 as Maanee fi maatii isaa waliin hojii ijaarsa adda addaa irratti waliin hojjetaa turaniiru.
Pirojektiiwwan ijaarsa maatii Maanee fi kan Maanee isatu fudhachuun hojjechaa ture.
Maaneen Senegaal keessatti hojii tola ooltummaa hojjetuun hedduu leellifama.
Dhiyeenya kana magaala dhaloota isaa taate Baambaalii keessatti hospitaala guddaa fi istaadiyeemii ijaarsisuun hojii jalqabsiiseera.
Kanaaf Obbo Amaduu fi eessumni Maanee waliin dubbachuun akka Maaneen intala isaanii fuudhu haala mijeessan jechuudha.
Miidiyaa hawwaasaa hin fayyadamtu
Sadiyoo Maaneen kana dura waa'ee hariiroo jaalalaa isaa icciitiin qabee ture.
Waan hedduun eenyu waliin jaalalaan ture kan jedhu waan beekamu hin jiru.
''Haati warraa ani barbaadu miidiyaa hawwaasaa kan hin fayyadamne, TiikTook, Feesbuuk, YouTube.... irra kan hin oolle tahuu qabdi. Amantaa ishee fi waaqa kan jaalattu tahuu qabdi,'' jechuun Mail Online irratti dubbatee ture.
Barattuun ganna 18 Ayishaan miidiyaa hawwaasaa kamuu hin fayyadamtu jedha odeeffannoon waa'ee ishee barraa'e.
'Daily Mail' irratti yaada ishee akka qooddetti ''amma waa'ee jireenyakoo haaraan yaadaa jira. Akka adda tahu nan amana, garuu dhiibbaa keessa gala jedhee hin yaadu. Sababni isaas beekamtii fi qabeenyi Maanee homaa amalakoo hin jijjiiru waan taheef'' jette.
''Kaniin barbaadu kana waan hin taaneef. Nama gadi jedhee amantii isaaf bitamu tahee jiraachuun barbaada. Kana duras waa'een koo heddu waanti beekamu waan hin jirreef ammas jireenya keenya icciitiin qabannee itti fufna. Kanaaf dhiibbaa keessa waan na galchu hin jiru.''
''Na argaa na argaa kan jedhus hin qabnu. Waa'ee jireenya keenyaas hedduu odeessuu nu hin barbaachisu'' jette Ayishaan.
Sababa gaa'ila kanaaf waan haaraan tahu hin jiru kan jette Aayishaan, ''maatiin koo sirriitti na guddisaniiru, garuu haadha warraa Maanee jedhamee waamamuukootti nan boona,'' jette.

Madda suuraa, X [Twitter] Sadiyoo Maanee
Taphataan duraanii Liiverpuul Maaneen erga gara Sawudii deemee kileba Al Nasiriif taphachuu jalqabee miindaan isaa torbanitti Paawondii 650,000 taha. Ji'aan Paawondii miliyoona 2.6 ol taha jechuudha.
Xiyyaara dhuunfaa isaan imala. Mana kilebni Al Nasir kenneef kutaa kudhan qabu keessa jiraata. Ayishaan garuu jireenya faallaa kanaa fakkaatu jiraataa turte.
Magaala Daakaar keessaa gara qarqaraatti mana firootni 30 tahan walitti dhufuun jiraatan keessa jiraatti.
Naannoo mana isaanii inumaayyuu naannoo qulqulluu jedhamu osoo hin taane baay'inaan re'oota naannoo horsiisanii fi dhoqqee tahe keessatti guddatte.
Ayishaan amma barnootarra jirti. Akka xumurteen Sawud Arabiyaatti abbaa warraa ishee waliin jiraachuuf kan deemtu taha.
Maanee fi haati warraa isaa wal fuudhanii yeroo mushurrummaa [honeymoon] waliin hin deemne.
Bara kana qormaata biyyaalessaa waan fudhattuuf abbaan ishee barnoota ishee irratti akka xiyyeeffattuu fi qophooftu waan godhaniif amma qo'achaa fi barachaa jirti.
Akkuma mana barumsaatti deebiteen waa'ee gaa'ila ishee kan dhagahan barattootni simannaa addaa taasisaniif. Maqaa ishee fi Maanee waamuun isaan faarsaniiru.
Akkasuma Maaneen ammoo Waancaa Afrikaa irratti Ayivorii Kostitti biyya isaa Senegaaliif taphachaa jira.
Akka dorgommicha xumureen haadha warraa isaa mushurraa taate waliin bashannanaaf bahu jedhamee eegama.
Sadiyoo Maaneen kileboota Ingiliz akka Saawuzhampitanii fi Liiverpuul, akkasumas Jaramanii ammoo Baayern Munikiif taphachuun taphataa maqaa guddaa qabudha.
Dubartoota maqaa guddaa qaban hedduu waliinis wal beeka. Garuu filannoo gaa'ilaa isaa gara ganda isaatti deebisuun barattuu ganna 18 waliin bultoo dhaabbate.
Al Nasir keessatti kan waliin taphatan Kiristaanoo Roonaaldoo Joorjinaa Roodiriigez, Inistaagiraamii irratti qofa hordoftoota miliyoona 50 caalan qabdu waliin jiraata. Ifatti wal fuuneerra jechuu baatanis haadha ijoollee isaati.
Maaneen ammoo miidiyaa hawwaasaayyuu kan hin fayyadamne, barattuu maqaa ishee namootni hedduun hin beekne fuudhe.
Ayishaan haadha warraa Roonaaldoo, Joorjinaa beektaa jedhamtee gaafatamtee, deebiin ishee lakki kan jedhu ture.
''Anoo eenyu akka taate hin beeku, ani miidiyaa hawwaasaa hin fayyadamu waan taheef ishee hin beeku'' jechuun 'Daily Mail' irratti dubbatte.
Firootni ishee Mail Online akka himanitti, aka maatiiti dursa kan kenninu Islaamummaadha. Isa namootni qabeenya taphataa kubba miilaa waliin wal qabsiisanii haasa'an miti jedhan.
Ayishaan Maaneetti heerumuu ishee hedduu gammadne, garuu waan qabeenya qabuufi beekamaa taheef osoo hin taane nama gaarii waan argatteef jedhan.
Mana amma Ayishaa fi maatii ishee keessa jiraatan abbaadhuma isheetu ijaareera.
Abbaa darbii sadii tahee firootni hedduun bakka tokko keessa jiraatu. Yeroo firootni isaanii bakka dhaloota isaanii isaan dubbisuu dhufan ammoo hanga namoota 30 qabata jedhe eessumni Ayishaa.
Sadarkaa firoota isaaniitti abbaan Ayishaa nama fooyyee qabu jedhamanis kan Maanee waliin kan dorgomsiifamu miti. Sadiyoo Maanee kontiraata waggaa afurii paawondii miliyoona 136 tahu Al Naasir waliin mallatteesseera.
Maaneen kana qofa osoo hin taane konkolaattota gatii qaaliin bitaman adda addaas qaba. Bakka dhaloota isaatti ammoo manneen barnootaa fi mana yaalaa ijaaruun beekama.












