Tarkiin Fiinlaandi fi Siwidiin NATOtti akka dabalaman deeggarte

Madda suuraa, Getty Images
Miseensa NATO kan taate Tarkiin biyyoonni Fiinlaandii fi Siwidiin miseensa gartuu waraanaa kanatti akka dabalamtu deeggarte.
Tarkiin biyyoonni lamaan NATOtti akka hin dabalamneef gara jalaqabaa mormaa turte.
Biyyoonni lamaan hidhattoota warra Kurd Tarkiin wajjiin wal lolaaniif dawoo kennuuf fedha qabu jechuun mufattee turte.
Tarkiin miseensummaa biyyoota lamaanii yoo deeggarte malee biyyoonni kunneen NATOtti dabalamuu hin danda'an.
Raaashiyaan garuu biyyoonni lamaan gartuu NATOtti dabalamuu cimsitee mormuun, waranaa Yukireen keessatti gaggeessituuuf sababi michummaa gartummaa waraanaa biyyoota Lixaa keessatti babal'ate ta'uu eerte.
Taatullee weerarri Mooskoon gaggeessite dhiibbaa kanaarraa faallaa ta'e qabaachuun , Siwidinii fi Fiinlaand ammatti NATO tti akka dabalamaniif karaa ifatti saaqeef.
Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota sadanii waliigatee waloo yaaddoo gama nageenyaatiin Tarkiin qabdu hubannoo keessa galchu walii mallatteessaniiru.
Hogganaan NATO Jiins Istoltenbeergi, Siwidiin miseensota hidhattootaa Tarkiin akka dabarfamanii kennamaniif gaafatte dabarsitee kennuurratti akka hojjattu waliigalameera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni Noordik lamaan Tarkiin meeshaalee waraanaa akka hin bitanne qoqqobbii irra ka'anii turan irraa kaasaniiru jedhan Istoltenbeerg.
Pirezedantii Fiinlaand Niinistoo, biyyoonni sadan waliigaltee waloo wal hubannoofi yaaddoo nageenya isaanii qolachuuf isaan gargaaru mallateessuu himan.
Ministirri Mummee Siwidiin Magdaliina Andersan ''NATO'f tarkaanfichi baayyee murteessaadha,'' jedhan.
Waajirri Pirezedantii Tarkii Recep Xayiib Erdohaan Siwdinii fi Fiinlandirraa''waan barbaadu arganneerra,'' jedhe.
Biyyoonni Noordik lamaan Raashiyaan biyya Yukireeen weeraruu hordofee Caamsaa darbe NATO tti dabalamuu akka barbaadan kan beeksisan.
Hogganaan NATO Jiins Istoltenbeergi biyyoonni lamaan hariirroo garicha duraanuu waan qabaniif adeemsi garichatti dabalamuusaanii''ni saffisa,'' jedhanii turan.
Taatullee, miseensa NATO an taate Tarkiin biyyoonni lamaan kunneen hidhattoota Kurdish jedhamaniif dawoo ta'an jechuun miseensummaa isaanii mormite.
Babal'achuun NATO kamiyyuu eeyyama kan argatu biyyoota miseensotaa 30'n hundatu mirkaneessa.
Tarkiin biyyi Siwidiin hidhattoota Kurdishi PKK jedhamaniif dawoo taate jettee himattus, Siwidiin haalteetti.












