Waldhibdee dhimma baqattootarratti uumameen mootummaan waloo Neezarlaandis diigame

Mootummaan Neezarlaandis dhimma baqattootaarratti waldhibdee biyyattii keessatti uumamerraa kan ka'e goolamni siyaasaa isa mudachuu ibse.

Ministirri Muummee biyyattii Maarki Ruuttee paartiin qindoomuun mootummaa ijaaree jiru, imaammata koolugaltummaa irratti walii galuu hin dandeenye jedhan.

Kanarraa ka'uun xalayaa aangoo gadhiisuu mootii Wiiliyaam Aleksaandariif akka dhiyeessan ibsan.

Paartileen afur waloomuun mootummaa uumanii biyya bulchaa jiran, dura taa'ummaa Ministira Muummee Maarki Ruutteen marii gaggeessan booda osoo walii hin galin diigaman.

Mootummaan waloo kun waggaa tokkoo fi walakkaa dura hundaa'e, ergasii paartileen mootummaa kana hundeessan dhimma baqattootaa irratti waliigalanii hin beekan.

Sababa rakkoo mudatee kanaan Onkoloolessa dhufu keessa filannoon gaggeeffamuu akka danda'u miidiyaan biyyattii gabaasaniiru.

Paartiin Maarki Ruuttee VVD jedhamu koolugaltummaatti daangaa gochuuf karoora qaba.

Kunis bara darbe wayita iddoon turtii baqattootaa akkaan dhiphate irraa eegaleeti.

Paartileen kaan karoora ministira muummee kana mormaniiru.

Sababa kanaan akkuma caasaa mootummaa goolamamni siyaasaa mudateen, dursaan kun walga'ii kaabinee taasisaniiru.

Rakkoon mudachuu ibsuun, har'a hojii akka gadhiisan xalayaadhaan mootii Wiiliyaam Aleksaandar akka gaafatanis ibsan.

Hanga filannoo haaraan gaggeeffamutti ministiroonni hojiisaanii akka itti fufanis ibsan.

Biyyattii keessatti iyyannaan koolugaltummaa bara darbe dachaan dabaluun 47,000 ga'eera.

Aanga'oonni biyyattii lakkoofsi kun bara kana 70,000 ni ga'a jedhanii akka eegan ibsan.

Lakkoofsa kana akkaan hir'isuurratti karoorri baafatan mormii cimaan kan mudat Ministirri Muummee Maarki Ruuttee, aangoo gadhiisuuf xalayaa galfachuun tarkaanfii akkaan ulfaataadha jedhan.

Adda addummaan paartilee gidduutti uumame araraasuun kan ulfaatu ta'uus himan.

Paartileen Kiristiyaan Yuuniyen, Piroo faamilii fi D66 jedhaman karoora ministira muummee kana mormaniiru.

Paartileen hunduu furmaata barbaaduuf guddoo ifaajaniiru, garuu dhimma baqattootaarratti wal hin taane jedhan ministirri muummee kun.

Akka furmaataatti lakkoofsa godaantotaa hir'isuu dhiyeessanis, kunis hin taane.

Qondaalli siyaasaa umrii waggaa 56 Maarki Ruuttee bara 2010 irraa eegalanii biyyattii bulchaa jiru, kanaanis aanga'aa yeroo dheeraaf aangoorra turan ta'aniiru.