Xaa'oo uumamaa baasii qusatuu fi biyyee dhukkubsate fayyisu attamiin manatti qopheessuun danda'ama?

“Dur dikee dikeeffannee midhaan facaafanna ture. Erga [madaabaraa] fayyadamuu jalqannee garuu lafti keenya gabbara bartee rakkanne. Amma ammoo laftis borqataa dhufee xiqqaan isa hin gahu. Gatiin isaas bulee dabalaa jira,” jedhu Obbo Fayisaa Qanaatee.

Obbo Fayisaan qonnaan bulaa umuriin isaanii shantamatti dhiyaatu Wallagga Bahaa Aanaa Leeqaa-Dullachaa jiraatu.

Waggoota 15 dura dhiibbaadhaan xaa’oo Kemikaalaa- Yuuriyaafi Daappii warra jedhaman fayyadamuu akka jalqaban kan yaadatan qonnaan bulaan kun, booda garuu oyiruu qaban hunda irratti xaa'oo kemikaalaa kanarratti qofa hirkachuu dubbatu.

Waggoota dhiyoo as garuu gatiin xaa'oo kemikaalaa kun qaala’uu qofa osoo hin tane lafa borqeessaafi biyyee haphisaa dhufuun isaa akka isaan yaaddesse dubbatu.

Yaaddoon Obbo Fayyisaa kan qonnaan-bultoota hedduuti jedhu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarrri Fooyya’insa Gabbina Biyyee Obbo Isheetuu Laggasaa.

Xaa'oon Kemikaalaa qaala'aa deemuufi argachuuf rakkisaa ta'uu isaa qofa osoo hin taane, adeemsa keessa biyyeen akka dhukkubsatullee taasisa jedhu Obbo Isheetuun.

"Akka biyyyaafi naannootti rakkoon fayyummaa biyyoo rakkisaa ta’eera. Biyyee dhangaggaa'uun, ashaboofi kotichaatti jijjiiramuun isaa dhukkubsateera jechuudha.

''Kanaaf, biyyee dhukkubsate kana fayyisuu kan dandeenyu yoo xaa’oo uumamaa kana fayyadamnedha," jedhu aanga'aan kun.

Xaa'oon Kemikaalaa faayidaa tokko qofa [callaa guddisuuf] akka ta'e kaasuun, caasaan biyyeefi lubbu-qabeeyyii biyyee keessa jiran ni miidha jedhu.

Xaa’ooni uumamaa garuu faayidaa hedduu qabaachuu kan himan Obbo Isheetuun, galteetti fayyadamnurraa ka’ee albuudawwan gara garaa kanneen akka Naayitiroojin, Fosfaras, Potaashiyeem fi Kaalshiyeemiillee qabaachuu danda’a,” jedhu.

Faayidaa guddaan xaa’oo uumamaa biroon caasaa biyyee eeguudhaaf gahee guddaa qabaachuu isaati. Caasaan biyyoo eegamnaan ammoo lubbu-qabeeyyiin biyyoo keessa jiraachuu danda’u. Kana malees, biyyoon xaa’oo uumamaa argate bishaanis sirriitti qabachuu danda’a, akkasumas lolaan akka biyyee hin dhiqne taasisa jedhu.

Xaa’oo uumamaafi kan keemikaalaa walitti makuun fayyadamuun ni danda’ama. Fakkenyaaf, xaa’oo uumamaa kiiloogiraama 50, kan kemikaalaa ammoo kiiloogiraam 50 walitti makuun fayyadamuun ni danda’ama.

Biyyoonni akka Jaappaan fi Indiyaan xaa’oo uumamaa kanaan muuxannoo gaarii qabu jedha Obbo Isheetuun.

Akka Obbo Isheetuun jedhanitti, xaa’oo Kemikaalaa yeroo dheeraa fayyadamuun biyyee miidhaa waan deemuuf, mootummaan yeroo ammaa xiyyeeffannoo guddaa kennuun qonnaan-bulaan xaa’oo uumamaa karaa salphaa ta’een wanta naannoo isaatti argamurraa akka qopheeffatu godhamaa jira.

Wayita xaa’oon Kemikaalaa gatiin isaa qaala’aa deemuufi argachuuf rakkisaa ta'aa jiru kanatti, isa uumamaa wantota salphaa naannoo isaatti argamurraa qonnaan-bolaan qopheeffachuu akka danda'an dubbatu.

"Yeroo ammaa mootummaan Naannoo Oromiyaa xaa’oo Kompostii Raammoo kana qote-bulaan salphaatti akka qopheeffachuu danda’uuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira. Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti aanaalee 270 olitti kun hojjetama ajira.

"Akka qajeelfamaatti qonnaan-bulaan kamiyyu yoo xiqqaate saanduuqa lama qabaachuu qaba jedhamee irratti hojjetamaa jira," jedhu Obbo Isheetuun.

Faayidaawwan ijoo xaa’oo uumamaa ...

Akkaataa ittiin qopheessaniifi wantota qopheessuf barbaachisaniin akaakuu xaa'oo uumamaa sadiitti qoodu Obbo Isheetuun. Isaanis: Kompostii Raammoo [worm composting ykn vermicomposting], Kompostii Idileefi Baayoo Gaaziidha.

Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (FAO) bu'aan guddaa kompostii hojjechuu callaa qonnaa guddisuudhaaf qabiyyeewwan albuudaafi kaan (nutrients) deddeebisanii fayyadamuuf jedha.

Kompostii qopheessuun gabbina biyyeetiif fala kan jedhu FAOn, faalama hir'isuuf, balfa/gataa orgaanik ta'e irra deebiin fayyadamuufi baasii xaa'oofi galteewwan omisha qonnaa biroof barbaachisan hir'isuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsa dhaabbanni UN kun.

Addatti ammoo albuudawwaniifi niwutirentiiwwan omisha midhaan nyaataaf barbaachisan gara biyyeetti deebisuuf (Waste-to-Resources) shoora guddaa qaba xaa'oon uumamaa akka ibsa FAOtti.

Xaa'oo uumamaa kana qopheessuun balfa/kosii magaalotaa qulqulleessuufi faalama naannoo xiqqeessuuf fala jedhu Obbo Isheetuunis.

Akka muuxannoon biyyoota gara garaa mul’isutti balfawwan naannawaa magaalotaatti baayyatan adda baasuun balfa sana gara kompostiitti jijjiiruun faayidaa lama irraa argachuun ni danda’ama. Tokkoffaan, magaala qulqulleessuu, lamaffaan ammoo xaa’oo omishuun galii guddaa irraa argachuudha."

Kompostiin akkamiin qophaa'a, maaltu barbaachisa?

1. Kompostii Raammoo (worm composting ykn vermicomposting) qopheessuuf:

  • Saanduuqa ykn qabee -dheerinni isaa meetira tokkoo hanga tokkoo walakkaa ta'eefi ballini isaa ammoo meetira tokko ta'e. Saanduuqa kana wantota gara garaa irraa qopheessuun ni danda'ama, fakkeenyaaf muka ykn saanqaa irraa.
  • Raammoo-raammoon hunduu kompostii kanaaf kan fayyadan miti. Akka ogeessonni jedhanitti akaakuuwwan raammoo kuma tokkoo ol ta'ankompostii qopheessuuf gargaaran keessaa muraasni bu'aa gaarii akka argamsiisan qorannoon adda ba'an jiru. Raammoo diddiimtuu (raammoo dikee (manure worms), raammoowwan omishaa (Brandling worms (AKA “tiger” ykn “trout” worms) , raammoo halkanii Awurooppaa (European nightcrawler) Raammoowwa cuquliisa Indiyaa ykn Maleeshiyaa (Indian ykn Malaysian blue worms), Raammoowwan halkanii Afrikaa (African nightcrawlers) isaan muraasa.
  • Bishaan xiqqoo- bishaan akka raammonni bulleessaniif gargaara.
  • Shaaraa ykn saagaaturaa- kun saanduuqa (qabee) jala hafuun akka roommoon hin harcaane godha.
  • Galteewwan-dikee horii (ho'aan hin ta'u), kosii/balfa, baala (kan baargamoofi warra tortoruu hin dandeenyee hin ta'u), haftee nyaataafi midhaanii
  • Mana ykn daasi- Kun eegumsa gochuuf gargaara. Manni ykn daasiin yoo dhibes mana jala bakka xiqqaa qopheessuun ni danda'ama.
  • Hordoffii-keessumaa dubartoonni yeroo baayyee waan mana oolaniif, akkasumas hojiin isaa salphaa waan ta'eef dubartoonni kana omishuun akka madda galii dabalataatti gargaaramu.

2. Kompostii idilee qopheessuuf:

Kompostiin idilee kun salphaafi qonnaan-bulaan kamiyyu qopheeffachuu kan danda'udha. Qonnaan-bulaa qofa osoo hin taane jiraataan magaalaa mana keessattis ta'e mooraa xiqqaa qabu keessatti fuduraafi kuduraa omishachuuf qopheeffachuu danda'a. Wantonni barbaachisan:

  • Boolla- boolla ykn bakka itti walitti kuusan qophessuu
  • Bishaan-bishaan baayyee guddaa hin taane bulleessuuf gargaaru
  • Glatee- warra akka dikee horii, haftee midhaanii, aramaa gosa gara garaa, daaraafi kosii adda addaa tortoruu danda’an.
  • Hordoffii-yoo xiqqaate si'a lama galagalchuun akka inni walnyaatu ykn walitti makamu gochuu barbaada.

3. Kompostii baayoo gaazii qopheessuuf:

  • Baayoo gaazii- Kompostii kana omishachuuf jalqaba baayoo gaaziin jiraachuu qaba. Kun xiqqoo ulfaachuu danda’a sababiin isaas, baayoo gaazii ijaaruuf wantota gara garaa baasii gaafatanitu jiru. Baayoo gaazii ijaarrachuuf meeshaaleen akka ambuulii, bakka itti dikeen kuufamu simintoofi cirrachaa argachuu barbaachisa. Baayoo gaaziin ibsaafi humna ittiin waa bilcheeffachuuf gargaaruurra darbee xaa’oo uumamaa qopheeffachuufis gargaara. Baayo gaaziin mancaatii bosonaa xiqqeessa. Faayidaan isaa inni guddaan ammoo kompostii achi keessa bahudha.
  • Dhoqqee horii- Dhoqqeen horii bulbulamee itti name gaazii Methane uumee ibsaafi huma itti bilcheeffatan uuma. Haftee isaa ammoo xaa’oo daakamaafi dhangala’aa ta’e ta’a.