Itoophiyaan daddabarsitoonni maallaqaa US buufatan afur akka qorataman gaafatte

Baankiin Biyyaalesaa Itoophiyaa dhaabbiileen faayinaansii teessoonsaanii US ta'e afur sirna faayinaansii Itoophiyaa fudhatama dhabsiisuuf yaalan jechuun akka qorataman waamicha godhe.

Dhabbatichi ibsa miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa baaseen dhaabbilee faayinaansii afur maqaa dhahuun ''amanamummaa sirna faayinaansii Itoophiyaa shakkii keessa akka galu godhaniiru, gatii gabaasa waliin dhahaniiru'' jechuun himate.

Akka ibsi kun jedhutti, dhaabbileen biyyoota adda addaatti maallaqa daddabarsan kun hawaasa Itoophiyaa biyya Ameerikaa keessa jiraaturraa mallaqa sassaabanii gara Itoophiyaafi biyyoota kaanittis ergu.

Ammoo Baankichi dhaabbileen kun ''maallaqa yakkaan argame seera qabeessa gochuuf yaaluufi gochoota seeraan alaa maallaqaan hirphaa jiraachuunsaanii bira gahameera'' jedheera.

Biyyoota lammiileen Itoophiyaa baay'inaan keessatti argamaniifi sharafa alaa Itoophiyaatti ergan keessaa tokko Ameerikaadha.

Mootummaan sharafa alaa karaa gabaa gurraachaa ergamu xiqqeessuuf waggaa dura eegalee gatiin sharafaa gatii gabaan akka murtaa'u taasiseera.

Murtee kanaan kuufamani sharafa alaa Itoophiyaa dabaluus adeemsa keessa gatiin gabaa gurraachallee dabaluu IMF dhihoo beeksiseera.

Osoo kun kanaan jiruuti Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbilee afur buufata isaanii US godhatan kan himate.

Dhaabbileen gocha kanarratti hirmaachaa jiru jechuun maqaa dhayes:

1. Daddabarsa Maallaqaa Shaggaayee (Silver Inspiriing )

2. Daddarsa Maallaqaa Aduliis (Silver Inspiriing)

3. Ramadaa Peey (Fools Charch)

4. Daddabrsa Maallaqaa Taa (Minisootaa)

Baankiin biyyaalessaa iddoowwan dhaabbileen kunniin jiranitti aanga'oonni dhimmichi ilaallatu qorannoo gaggeeffamuuf deeggarsa haa godhu jechuunis waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni Itoophiyaa biyya alaa jiraatus ''hariiroo dhaabbilee kana waliin qabu haa dhaabu'' jechuun waamicha godheera.

''Maallaqa isaanii daddabarsaa maallaqaa amansiisaafi seerawaa ta'een qofa nama jaalatuuf akka ergu jabeessinee gorsina.''

Baankichi qorannoo gaggeessaa jiru itti fufuun barbaachisummaasaarratti hundaa'ee tarkaanfii fudhatu ifa akka godhus himeera.

Maallaqni karaa dhaabbilee eeraman kanaa ergamu qabeenya yakkaan argame seerawaa gochuuf yaaluudhaan shakkamee dhaalamuu akka danda'u baankichi akeekkachiiseera.

Dabalataanis maallaqni karaa dhaabbilee kanaa ergamu nama ergameef qaqqabuunsaa wabii akka hin qabne beekamuu qaba jedheera.

Baankichi dhumaratti dhaabbilee seerawaa maallaqa daddabarsu jedhe ifa godheera.