Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godaannisa haleellaa nikularaa magaalota Jaappaan waggaa 80'n booda
Ameerikaan akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1945tti yeroo jalqabaaf yaalii boombii nikularaa raawwatte.
Yaalii nikularaa gammoojjii niiw meeksikkoo jedhamu keessatti taasifame kunis boombii balaafamaa akka ta'ee fi kan badii guddaa geessisuu akkasumas tasumaa namarratti yaalamuu kan hin qabne akka ta'e saayintistoonni kan mirkaneessan.
Haata'uu malee, yaalii sanaan guyyaa 21 booda jechuunis Hagayya 6 bara 1945 xiyyaara Ameerikaa B29 jedhamtu boombii nikularaa kana qabatte gara biyya baha fagoo Jaappanitti qajeelte.
Yeroo xiyyarri kun magaalaa Jaappaan Hirooshimaa geessu ganama keessaa sa'a 2:15 ture. Horishamaan magaalaa buufata dhiyeessii fi loojistikii barbaachisaa kan taateefi qaama xiyyaaraa akkasumas meeshaalee waraanaa baay'inaan oomishtu waan ta'eef sochii ummata guddaatu keessatti taasifama ture.
Xiyyaarri Ameerikaa nikulara baattee Jaappan geesse kunis akkuma karoorfame ergama ishee raawwatte.
Magaalaan Jaappaan Hirooshimaan boombii atoomikaa yeroo jalqabaaf akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamameen barbadoofte.
Ameerikaan deebiiftee guyyaa sadii boodas jechuun Hagayya 9 bara 1945tti ammas magaalaa Jaappaan biraa Nagaasaakii irratti haleellaa boombii nikularaa raawwatte.
Boombiin Nikularaa kun kan isa duraa caalaa humna guddaa qabu ta'us, sababa uumama teessuma lafaatiin badiinsaa kan Hiroshima irraa xiqqaa ture.
Magaalota lamaan irraa haleellaan kun tilmaamaman gara namoota kuma 200 kanneen irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta'an fixuutu himama.
Kunis Hirooshimaa irraa namoonni 140,000 (ummata ishee waliigalaa keessaa %40) fi Nagaasaakii irra namoonni 73,000 (ummata ishee waliigalaa keessaa %27) kan ta'antu battala sanatti ykn miidhaa haleellichaan irra ga'een du'an.
Halleellaan sun raawwatee waggootaaf carallaa sababa Nikularaa sanaatiin muudatuun uumamaa fi lubbu qabeeyyii hedduurra miidhaa yeroo dheeraa geessiseera.
Jaappaan keessatti hanga yeroo dhiyootti daa'imman qaama hir'uu ta'anii dhalatan hedduu akka ta'an ragaaleen ni ibsu.
Fakkeenyaaf, yeroo ammaa kanallee magaalota Jaappaan hunda keessaa kaansariin lafee baay'inaan kan galmaa'e magaalaa Hirooshimaa bakka boombiin Nikularaa kun itti darbatame keessatti akka ta'e himama.
Yeroo sanatti magaalonni Jaappaan lamaan dhibbeentaan 90 kan ta'u boombii sanaan barbadaa'eera.
Jaappaan waggaa waggaan yaadannoowwan 'lubbuu namoota haleellaa boombii balaafamaa sanaan dhuman yaadachuuf' fi ' nagaa addunyaaf kadhachuuf ' sagantaa yaadannoo qopheessiti.
Erga haleellaan nikularaa sun halaa suukkaneessaa kanaan raawwatame amma waggoonni saddeetamni darbeera.
Har'a hojjettoota boombii nikularaa kalaqa kanaa ta'ee haleellaa magaalota Jaappan sana irratti raawwatameen hundi lubbun jiraachuu baatanis, badii ga'e kanaan hawaasni addunyaa maqaa isaanii ni kaasaa.
Goddaannisii fi badiin seenaa gurraacha sanaa garuu ammallee waggaa waggaan addunyaa irraatti yaadatama jechuudha.
Kan caalatti gaddisiisaa ta'e garuu har'allee seenaa sanarraa barachuu dhabuun addunyaan waraana meeshaa niwukilaraan wal doorsisa jirti.
Bara 1945, booda waraannii addunyaa 2ffaan ni xumurame. Haata'uu malee, haalli addunyaa yeroo sanarraa kaasee jijjiramuu eegale. Biyyoonni hedduun olaantummaa isaanii agarsiifachuuf dorgommii oomisha meeshaa waraanatti seenan.
Har'a biyyoonni addunyaa sagal nikularaa kan hidhatan yoo ta'u, walumaagala Nikularri gara kuma 12 ol ta'u biyyoota kana keessatti argama jedhamee tilmamama.
Biyyoonni gara 11 ta'an ammoo dandeettii meeshaa waraanaa nikulara oomishuu qabus jedhame yaadama.
Waadaa galame
Wayita waraana addunyaa 2ffaa sana dorgommiin hidhannoo humna waraanaafi olaantummaa argachuu Ameerikaa, Gamtaa Sooviyeet fi michoota isaanii biratti akkasumas garee biyyota tokkummaa umaanii addaa addaa giddutti akka malee jabaate ture.
Garee wal dorgoman lamatti qoodaman humnoota Michuuwwanii, kan US'n durfamanii fi humnoota Aksiis, Naazii Jarmanii, Jaappaan fi Xaaliyaanii kan dabalate ture. Awurooppaatti waraanni kun xumuramuutti yeroo dhihaatu Ameerikaan xiyyeeffannoo ishee Jaappaanirra godhatte.
Biyyoonni kaanillee sodatamuuf ykn yoo rukutaman ammoo haaloo ba'uuf boombii nikularaa kana kan hidhatan.
Garuu garee humnoota Aksiis, jedhaman kan biyyoota akka Jarmanii, Jaappaanii fi Xaaliyaan of keessa qabu kan nikulara hidhatan waan hin turreef Ameerikaa haala ba'uu hin dandeenye.
Hagayya 6 fi 9 erga haleelamtee barii isaa Hagayya 10 bara 1945 Jaappaan harka kennachuu akka barbaaaddu ibsite. Hagayya 14 ammoo Jappaan haalduree tokko malee harka kennachuu ishee mallatteessitee waraannni addunyaa 2ffaa sanumaan xumurame.
Sana booda garuu nikularri waraanaaf deebi'ee yoomuu fayyadamuu akka hin qabne biyyonni addunyaa waadaa waliif galuuf murteessan.
Kanaanis bara 1968 Waliigalteen meeshaan nikularaa akka hin babal'anne dhorku (NPT), biyyoota addunyaa 191 ta'an giddutti mallattaa'e.
Waligalteen kun biyyoota yeroo sanatti nikulara hidhatan shanaan jechuunis Raashiyaa, Ameerikaa, Chaayinaa, Faransaay fi Biriteenis kan hammatedha.
Akka waliigaltichaatti biyyoonni shan kunneen nikulara qabaan meeshaa nikularaas ta'e teeknooloojii meeshaa nikularaa gara biyyoota biraatti akka hin babal'isnee fi hanag isaas xiqqeessan eera.
Biyyoonni niwukilaraa hin qabne meeshaa nikularaa akka hin arganne, akka hin misoomsinee ykn karaa biraatiin akka hin arganne kan dhorkuudha.
Biyoonni waliigalticha mallatteessan hundinuu dorgommii meesha nikulara keessa akka hin gallee fi babal'ina teknolojii kanaa ittisuuf Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniin akka sakatta'uu fi hordofuu waliigalan.
Biyyootni addunyaa afur: Indiyaa, Pakistaan, Isra'eli fi Sudan Kibbaa wali galtee meshaan waraanaa kana oomishuu dhorku hin mallatteessine. Sudaan Kibbaa irraa kan hafe biyyootni sadanuu Nukulara qabu garuu Israa'el ni haalti.
Kooriyaan Kaabaa ammoo Amajjii 10, 2003 ifatti waligalticha keessa of baasuun Nikulara oomishte.
Biyyootni biroos dhoksaan uryaaniyeemii gabbisaa kan jiran yoo ta'u, biyyi dhiyootti Nikulara qabaachu malti jedhame Iraan haleellaa buufataalee nukulera ishee irratti rawwatameen miidhan irra ga'eera.
Garuu har'allee sodaa nikularaa cimaatu biyyota addunyaa giddutti deemaa jira.
Dorgommii oomisha nikularaa fi yaaddoo addunyaa
Biyyoonni gurguddoon hedduun meeshaa waraanaa niwukilaraa oomishuufi babal'isuu waan itti fufaniin jiraniif sodaan waldhabdee nikularaa ammas yaaddoo addunyaa ijoodha.
Boombiichi erga hojjatamuu eegalee gara jaarraa tokkotti dhiyaatullee, addunyaan ammallee bu'aa kalaqa dhala namaa balaa guddaa geessisu kana waliin wal'aansoo qabaa jirti.
Gabaasni dhiheenya kana dhaabbilee to'attoota idil-addunyaa irraa ba'e akka mul'isutti, Ameerikaa, Raashiyaa, Chaayinaan, Hindii fi Kooriyaan Kaabaa dandeettii nikularaa isaanii cimsuuf invastimantii guddaa gochaa jiru.
Kun keessumaa yeroo yeroo waldhabdeen Awurooppaa, Baha Giddugaleessaafi kutaalee Eeshiyaa keessatti deemaa jiru kanatti yaaddoo jiru kan hammeessudha.
Sagantaan gabbisa nikularaa amma biyyootni itti jiran meeshaa waraanaa kallatti isaa eeggate, diigumsa guddaa geessisuufi salphaatti dhukaasun danda'amu taasisaa jira. Kun adeemsa balaa guddaa qabuu akka ta'e dhabbileen kunneen kan eeran.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii biyyootni meeshaa waraanaa niwukilaraa hiikkachuuf irra deebiin waadaa isaanii haaromsuu akka qaban irra deddeebiin gaafateera.
Biyyoonni hedduun waligaltee akka meeshaan waraanaa kun hin babal'annee mallatteessuufi waggaa waggaan yaa'ii qorannoo waliigaltichaa irratti kan hirmaatan ta'us, qabatamaan garuu hin dhaabbannee.
Waggoota 80 darban kana keessatti Ameerikaan qofti yaaliin boombii atoomikaa 20 Galaana Paasifikii keessatti raawwatteetti.
Qorannoon yaada ummataa bara 2025 gaggeeffame akka agarsiisutti, biyyoonni nikularaa qabanis ta'ee hin qabne keessa jiran harki caalaan isaanii tattaaffii idil-addunyaa meeshaa waraanaa hir'isuu fi gara fuulduraatti akka hin babal'anneef godhamu ni deeggaru.
Garuu tarkaanfiin murteessa ta'e ni fudhatamaa moo akkuma yaaddoo ta'etti itti fufa kan jedhu ammaaf gaaffii deebii hin arganneedha.