Kiim waraana Raashiyaan Yuukireenitti bante akka deeggaran irradeebiin dubbatan

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa viidiyoo qondaalonnii biyyoota lamaani wayita harka wal qabatanii fi wal hammatanii nagaa wal gaafatan agarsiisu Telegiraamirratti maxxanse

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun fi Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waraana Raashiyaan Yukireen keessatti bante ''haal-duree tokko malee'' akka deeggaran dubbachuu miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa gabaase.

Kiim wayita Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov waliin Kooriyaa Kaabaatti mari'atan, Piyoongiyaang ''hundee rakkoo waraana Yukireen'' furuuf ''tarkaanfiiwwan hoggansi Raashiyaa fudhatu hunda'' cinaa dhaabbanna jedhan.

Qondaaltonni biyyoota Lixaa Piyoongiyaang Yukireeniin loluuf waggaa darbe loltoota 11,000tti dhiyaatan gara Raashiyaatti ergitee jedhanii amanu.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Onkoloolessa bara 2022 keessa weerara humna guutuun Yukireenitti banan.

Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA gabaasa isaa keessatti, Kiim fi Laavroov Sambata darbe ''haala ho'aa, wal amantaa jaallanirratti hundaa'een ''wal argan jedhe.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa kun ''waraanni Raashiyaa fi ummanni dantaa bu'uuraa biyyattii eegsisuun waraanicha ni injifata'' jedhee akka amanu ibse.

Toora Telegiraamirratti Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa viidiyoo qondaalonnii biyyoota lamaani wayita harka wal qabatanii fi wal hammatanii nagaa wal gaafatan agarsiisu maxxanse.

Laavroov gita isaanii kan Kooriyaa Kaabaa Chooyi Suun Huyi waliinis wal arguun loltoota Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa gargaaruuf bobbaafaman galateeffachuu dhaabbati oduu Raashiyaa TASS gabaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kooriyaan Kaabaa Raashiyaadhaaf deeggarsa waraanaa akka kennitu irra-deebiin kan beeksifte, yeroo Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiyeessii meeshaalee waraanaa biyyisaanii Yukireenif kennaa turte haaromsanittidha.

Tiraamp Kamisa darbe NBCtti akka himanitti, haleellaan xiyyaaraa Raashiyaan Yuukireenitti hammeessite booda, Ameerikaan sirna ittisa haleellaa qilleensarraa Paatriyoot jedhamu gara Yukireen akka ergitu Nato waliin waliigaluu ibsan.

Piyoongiyaang loltoota gara Raashiyaa erguu jalqaba ifatti kan beeksifte ji'a Ebla keessa ture.

Ibisi kunis Yukireenii fi biyyoonni Lixaa loltoonni Kooriyaa Kaabaa hedduun gara daangaa Raashiyaa fi Yukireenitti bobbaafamuu erga ifoomsanii turtii ji'ootan lakkaamu boodadha.

Kiim bara darbe baatii Waxabajjii keessa hogganaa Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin waliigaltee mallatteessanii turan.

Waliigalteen sun biyyoonni lamaan keessaa tokko ''yoo weerarame''waltumsuuf waliigaluusaanii akeeka.

Kooriyaan Kaabaa loltoota Raashiyaatti bobbaaste madditti, hojjettoota kumaatamaan lakkaa'aman erguun naannoo Raashiyaa waraanaan miidhame Kurisk waraanaraa bayyanachisuu akka gargaartu waadaa seenuu Hogganaan Dhimma Nageenyaa Mooskoo baatii darbe ibsaniiru.