Manni murtii US waliigaltee 'qindeessitoota haleellaa 9/11'f adabbii hir'isuu kuffise

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii ijibbaataa US, Kaaliid Sheek Mahaammad fi namoota biroo haleellaa 9/11 jedhamuun himatamaniif adabbii salphisuu waliigaltee jedhu kuffiseera.
Kaaliid Sheek Mahaammad fi himatamtoonni kaan adabbiin du'aa akka irraa ka'uuf, iddoosaa yakkoota ittiin himataman hunda amanuurratti akka waliigalan miidiyaaleen US gabaasaniiru.
Dhimma kanarratti mana murtii ijibbaataa keessatti qoqqoodamiinsa kan ture yoo ta'u, namoonni yakka kana qindeessan umrii guutuun akka adabaman waliigaltee ture abbootiin seeraa Waashingitan sagalee lamaa fi tokkoon sagalee calmaan kuffisaniiru.
Mahaammad Fulbaana 11, 2001 xiyyaarri imaltootaa akka butamu kiyyoo xaxuu fi hoogganuun himatame.
Xiyyaarri butame kun Giddugala Daldalaa Addunyaa Waashingitan keessatti argamuu fi Pentagon irratti kufuun lubbuun namoota 3,000 darbeera.
Xiyyaarri kan biraan ammoo imalaan tokko waan namoota kunneeniin fincileef Pensalvaaniyaa keessatti dirree irratti kufee caccabe.
Namoonni yakka kanaan himataman sadeen waggoota 20 oliif mana hidhaa Ameerikaa keessa turaniiru.
Namoonni sadeen qorannoo cimaa CIA kan dararaa hamaan dabaalame booda badiisaanii amanan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2003 kan to'atame Mahaammad kutaa iccitii CIA keessatti erga hidhamee booda yeroo 183 bishaan keessa gadi galchuun akka ukkaamfamu dirqamsiifamuun guddoo gidirfame.
Isa dabalatee kanneen biroon qullaasaanii ifatti baasuu dabalatee hirriiba dhorkamuu fi ''qorannoowwan jajjaboo hedduun,'' irratti raawwatameera.
Yeroo ammaa namoonni kunneen Kuubaa giddugala Guwaantaanaamoo mana hidhaa US keessatti argamu.
Waliigalteen himannaa kun maatiin miidhamtoota haleellaa 9/11 akka Mahaammadiin gaaffii gaafatan kan eeyyamuuf yoo ta'u, Mohaammad "gaaffii isaanii haala guutummaatti dhugaarratti hundaa'een deebisa" jedhamee eegamaa akka ture dubbatan abukaatonni.
Maatiin namoota ajjeefamanii walii galtee kanaan qoqqoodamuun waan itti dhagahameef irraa hafuu dhaabbati BBC waliin hidhata qabu CBS gabaaseera.
Kanneen waliigaltee kana morman dhaddachi kun waa'ee haleellaa kanaa caalaatti baruu fi haqa argachuuf karaa fooyya'aa ta'uu dubbatu.
Deeggartoonni gamasaaniin yeroon ulfaataan yeroo dheeraaf ture xumuramuu agarsiisa jedhan.
Waliigalteen himannaa salphisuu kun kan irra ga'ame marii waggoota lamaa booda yoo ta'u, abbootii alangaa waraanaa fi qondaala olaanaa Peentaagoon Guwaantaanaamoo Bay keessatti argamuun raggaasifameera.
Mahaammad fi himatamtoonni biroo waggoota kurnaan lakkaa'amanii oliif dhaddacharra kan turan yoo ta'u, miidhaa fi dararaa suukanneessaa US fi Guwaantaanaamoo Bay keessatti irratti raawwatameen mana murtiirraa hafaniiru.
Bara darbe bulchiinsi Baayiden Mahaammad fi himatamtoota biroo sadii waliin waliigaltee himannaa salphisu irra akka gahe beeksisee ture.
Garuu Ministirri Ittisaa Looyd Oostiin waliigaltee himannaa akkasii seenuuf aangoon qaba jechuun guyyaa lama booda waliigaltee kana shaaran.
Garuu manni murtii waraanaa yaada qondaala kanaa kanaa kuffisee waliigaltee himannaa salphisuu kana bakkatti deebise..
Garuu Jimaata darbe manni murtii ijibbaataa federaalaa maatii fi ummanni Ameerikaa adeemsa dhaddacha waraanaa arguuf carraan kennamuu qaba jedhee murteesse.












