Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jimmatti poolisiin shamarree dhimma nageenyaan shakkamuun hidhaarra turte gudeede adabame
Godina Jimmaatti miseensii poolisii qajeelcha poolisii Magaala Aggaarootti dubartii mana hidhaa keessa turte baasuun gudeede hidhaan adabamuu abbaan Alangaa Godinichaa BBCtti hime.
Abbaa Alangaa Godina Jimmaatti, Haati Adeemsa Qorannoo Yakka Dubartootaa, Daa'immanii fi Namaan Daldaluu, Aadde Samiiraa Mul'isaa BBCtti akka himanitti, yakki kun dubartii umuriinshee waggaa 14-16 gidduu argamu irratti raawwatame.
Qajeelcha poolisii Magaala Aggaarootti abbaa dabaree eegumsaa kan ture Itti Aanaa Saajin Lataa Abdiisaa ALI Gaafa Ebla 8 bara 2017tti galgala keessaa naannoo sa'aatii 2tti yakka kana raawwate jedhan.
"Guyyaa sana miidhamtuun kun garaa na dhukube jechuun balbala mana hidhaa wayita reebdu abbaan dabaree eegumsaa kun 'mana fincaaniin si geessa' jechuun erga miidhamtuu baaseen booda yakka gudeeddii irratti raawwate" jedhan.
Miidhamtuun tunis gocha irratti raawwatame kana dubartoota ishee waliin kutaa sana keessatti hidhamanii turanitti erga himatteen booda eeruun poolisii qaqqabuudhaan himatamaan kun to'annoo jala oolee qorannoon eegalamu dabaluun ibsan.
Miidhamtuun dhuunfaa tun umuriinshee waggaa 18 kan hin guunne yoo ta'u, haala nageenya waliin walqabatuun shakkamtee to'atamtee kan turtedha jedhan Aadde Samiiraan.
"Miidhamtuun kun umriinshee waggaa 18n gadidha. Kan hidhamte haala yeroo waliin kan walqabatuuniidha. Yeroo akkasii kana ammoo seera idileetiin waggaa 18 gadi kan jedhamu ilaalamuu dhiisuu mala" jedhan.
Abbaan Alangaa Magaala Aggaaroo eeruu dhihaate bu'uura godhachuun qondaalli poolisii nama to'annaa isaa jala jiru irratti yakka gudeeddii raawwate kana galmee banee ragaa qindeessuun abbaa alangaa Godina Jimmaatiif dabarse jechuu haala ture ibsan.
Abbaan Alangaa Godina Jimmaa mana murtii olaanaa Godinichaatti himata erga baneen booda himatamaan kun akka ofirraa ittisu gaafatame jedhan.
Abbaan Alangaa himatamaan kun seera yakkaa 626/1 fi 4A jalatti tumaman darbuun daa'ima umuriin saanii waggaa 18 gadi taate irratti saalqunnamtii raawwachuu fi nama to'annaa isaa jala jiru irratti yakka raawwachuu jedhan yakkoota lamaan himate.
"Himatamaan kun akka ofirraa ittisu gaafatamee ofirraa ittisuu hin dandeenye. Abbaan alangaa ragaalee barbaachisan dhiheessuun himatamichi yakka kana raawwachuu mirkaneesse," jedhan.
Dhimmicha kan ilaalaa ture manni murtii Olaanaa Godina Jimmaa yaadota gama lamaanii erga ilaaleen booda, dhadhacha gaafa Adoolessa 29 bara 2017 ooleen miseensa poolisii mana hidhaatii shamarree miidhamtu tana baasuun gudeede kana irratti hidhaa cimaa waggaa 11 fi ji'a sadiitiin adabeera jedhan.
Amman dura 'mana hidhatiin sinbaasa' jechuun walqunnamtii saalaa wajjin raawwachuuf yeroon waadaa seensisan darbee darbee kan mul'ate akka turee fi mooruma mana hidhaa keessatti poolisiin yakka akkanaa yoo raawwatu kun kan jalqabaa akka ta'e dubbataniiru Aadde Samiiraan.