Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Akka federeeshiniittis akka dhuunfaattis Atileet Galatee Burqaa cinaa jirra"
Qabeenyishee nama abbaa warraashee tureen jalaa fudhatamuufii haqa dhabuushee miidiyaatti baatee kan dubbate Atileet Galatee Burqaa ijoo dubbii miidiyaalee taaterti.
Dhimma atileetittiirratti har'a ALI Waxabajjii 3, 2017 miidiyaaleef ibsa kan kenne Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, "Akka federeeshiniittis akka dhuunfaattis Atileet Galatee Burqaa cinaa jirra" jedheera.
Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Silashii Sihin, Atileet Galatee Burqaa gadi baatee miidiyaatti dubbattullee atileetonni haala atileetiin kun dabarsite keessa jiran heddu ta'uu dubbate.
Atileet Galateen nama abbaa warraashee ture waliin gaa'ela ijaarratanii jiraachaa turuusaanii akka beekan kan hime Atileet Silashii Sihin, "Rakkooleen tokko tokko akka jiran dhagahaa turre" jedheera.
Yeroo ammaattis Atileet Galateen, ''deeggarsi akka ishee barbaachisu hubanneerra, cinaas ni dhaabbanna," kan jedhe Pirezidaantichi, ''haqa akka argattus ni amanna,'' jedheera.
"Wanta ishee mudatu maraaf akka federeeshiniitti ishee cinaa ni dhaabbanna," jechuunis himeera.
Gama biraatiin dhimma Atileet Galatee haalaan akka beektu kan himte Pirezidaantii Itti Aantuun Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Masarat Daffaar, "Galateen hamma dubbattee ol dhabde," jechuun dubbatteerti.
Atileetittii waggoota dheeraaf akka beektu kan himte Atileet Masarat, "haalli Galateen yeroo ammaatti irratti argamtu na gaddisiiseera" jechuunis himteerti.
Dhimmichi seeraan ilaalamaa jiraachuu yaadachiisuunis, seerri haqa akka laatuuf mootummaanis furmaata akka laatuuf gaafatteerti.
Gama biraatiin rakkoon walfakkaataan atileetota biroo biras akka jiru kan hime Atileet Silashii Sihin, "qabeenya qofa osoo hintaanee atileetonni hamileedhaan qaqqabuufii qabnu jiru," jedheera.
Rakkoo walfakkaataan Baha Afrikaa keessatti bal'inaan kan mul'atu ta'uu kan eerunis, keessattuu biyya ollaa Keeniyaa keessatti bal'inaan akka mul'atus himeera.
Rakkoon kun bu'aa atileetiksii akkasumas kabaja biyyaarratti dhiibbaa kan qabu ta'uusaatiin irratti hojjetamuu akka qabus ibsicharratti eerameera.
Atileet Galateen maal dubbatte?
Atileet Galatee Burqaa sagantaa televiziyoonaa 'Gammadaa Show' jedhamurratti dhiyaachuun ture, miidhaa narratti raawwatameera jette kan dubbatte.
Atileetiin waltajjiilee idil-addunyaa garagaraarratti biyyashee bakka buutee dorgomuun injifannoofii beekamtii horatte kun, manneen gaa'ela duraafii booda horatte 11 keessaa 10 heeyyamaafii beekamtiishee malee abbaa waraashee duraaniin qabeenyummaansaanii gara nama biraatti naanna'uu himte.
Abbaa warraashee duraanii kanaaf bakka bu'ummaa kennitee akka turte kan himte Atileet Galateen, konkolaataawwanshee shan keessaa afur isa bira jiraachuusaaniifi tokko qofti ishee biratti akka hafe himteerti.
Qabeenyawwanshee kana ilaalchisees waggoota torbaaf mana murtiitti deddeebi'aa turuu himuunis, ummanniifi Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka birmataniif waamicha dhiyeessite.
Atileet Galatee Burqaa nama abbaa waraashee ture waliin ALI bara 2002 gaa'ela raawwachuusaaniifi waggoota muraasa booda gargar bahuusaanii himteerti.
"Aniif maatiinkoo daandiitti bahuuf jirra" jechuun miidiyaarratti kan dubbatte atileetiin kun, doorsifni irratti raawwatamaa jiraachuus himteerti.
Sababa 'hordoffii irratti taasifamaa jiruunis' shaakala atileetiksii erga dhaabdee waggaa tokko lakkoofsisuu dubbatteerti.
Gama biraatiin dhaabbanni idil-addunyaa ispoortii atileetiksii bulchu Dhaabbanni Atileetiksii Addunyaa (World Athletics), namoota damee atileetiksii keessa jiran miidhaa/sarbama, qoccollaa akkasumas saamicharraa ittisuuf federeeshinoonni biyyoota miseensotaa ALA hanga dhuma bara 2023'tti Imaammata Eegumsaa (Safeguarding Policy) akka qopheessan murtee dabarsee ture.
Imaammatichi atileetotaaf, leenjistootaaf akkasumas Federeeshinii Atileetiksiif eegumsa waliigalaa kan taasisu ta'uunsaa ibsicharratti kan eerame yemmuu ta'u, imaammatichi erga hojiirra ooluu jalqabee bubbulus Itoophiyaan imaammata kana qopheessitee gama hojiirra oolchuutin boodatti hafuunshee himameera.
Gama biraatiin ji'oota muraasaa as dokimantiiwwan imaammata kanaa qopheessuun, Ministeera Aadaafii Ispoortii dabalatee qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jiru himameera.
Atileet Galatee Burqaa eenyu?
ALA bara 1986 kan dhalatte Atileet Galatee Burqaa, fiigicha meetira 800 hanga Maaraatooniitti dorgomuun waltajjiilee atileetiksii addunyaa garagaraarratti injifannoowwan argatteerti.
Keessattuu fiigichi meetira 1,500 fageenya atileetittiin beekamtii ittiin horattefii injifannoowwan heddu itti argattedha.
Haaluma kanaan Atileet Galateen fiigicha meetira 1,500niin Dorgommii Taphoota Guutuu Afrikaa ALA bara 2007 biyya Aljeeriyaatti taasifame, Shaampiyoonaa Mana Keessaa Addunyaa bara 2008 Ispeen- Vaalenshiyaatti taasifame akkasumas Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa bara 2006 adeemsifame meedaaliyaa warqee argachuun injifatteerti.
Fageenya meetira 1,500niin injifannoowwan kunneen isaan muraasa yemmuu ta'an, dorgommiilee sadarkaa ardii Afrikaafi addunyaarratti fageenyawwan meetira 3,000, 5,000 fi 10,000nin sadarkaa qabachuun alaabaan biyyashee waltajjirratti akka mul'atu taasifteerti.
Dabalataan, Atileet Galatee Burqaa ALA bara 2018 dorgommiiwwan Maaraatoonii Otaawaa Kaanaadaatti adeemsifameefi dorgommii Walakkaa Maaraatoonii Vaalenshiyaa Ispeenitti adeemsifamanis injifatteerti.