Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Yamanitti qaqqabeen godaantoota maatii tokko sadii yeroo tokkotti lubbuu dhaban
Haleellaa dooniiwwan daldalaa biyyoota dhihaa Galaana Diimaa keessatti socho'an irratti raawwatameef deebii kennuudhaf xiyyaaronni waraanaa biyyoota dhihaa haleellaa torban darbe Yaman keessatti raawwataniin godaantonni ajjeefamaniiru.
Biyyoonni dhihaa yeroo dheeraaf iddoowwan meeshaalee waraanaa fi dinagdee hidhattoota Huutii Yaman irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsaa kan turan ta'us haleellaan dhiheenya kana bakka baqattoonni gaaddisa godhatanitti kan raawwatame ture.
ALI Ebla 20, 2017 xiyyaaronni waraanaa US heellaan boombii Yaman irratti gaggeessaan bakka lammiileen Itoophiyaa hojii barbaacha biyyaa bahan itti dahatanitti raawwatame.
Chaanaaliin TV Huutii Al-Masiraah akka gabaasetti haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 68 ajjeefamaniiru. 47 kan ta'an biroon biraa madaa'aniiru.
Haleellaan kanaan lammiilee Itoophiyaa ajjeefaman keessaa ilmaan durbii kan ta'an namootni sadii bakka tokkotti ajjeefamuu BBC'n maatii isaaniirraa odeeffateera.
Tsooraay, Hiwootiifi Me'areg yeroo adda addaatti kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay aanaa Tsoori'aa Gibaar jedhamtu irraa gara Yaman godaanuuf gammoojjii fi galaana ce'anii imalan.
Dargaggoonni sadan kun imala qormaataan guuteen galaana diimaa ce'anii gara Yaman erga seenanii booda bakka Raagoo jedhamutti yeroo dheeraa dabarsan. Sana booda godaantota seeraan alaa jedhamanii qabamuun ji'a afuriif hidhaa keessa turaniiru.
Mana hidhaa yeroo dheeraa itti dabarsan irraa gara bakka tursiisaa Se'adaatti bakka haleellaan kun itti raawwatetti kan jijjiiraman haleellaan kun raawwachuu torban lama dura dha.
Yaman keessatti erga hidhamanii booda darbee darbee maatii isaanii Itoophiyaa jiran keessattuu obboleettii isaanii Saawudi Arabiyaa jiran bilbilaan qunnamuu isaanii firri isaanii dhiyoo Amleset Miruz BBC'tti himteetti.
"Dhugaadha, mana hidhaa keessatti bilbila salphaatti argachuu hin danda'an turan. Garuu darbee darbee obboleettiiwwan isaanii as Sa'udii Arabiyaa keessa jiran qunnamu turan. 'Hin yaadda'inaa, gaarii jirra' jedhaa turan," jetti Amleset yeroo ammaa Sa'udii Arabiyaa keessa jirtu.
Obboleettiiwwan namoota du'anii Sa'udii Arabiyaa keessa jiran bilbilaan yeroo dhaqan, "Hin yaadda'inaa, harka mootummaa [Yaman] keessa jirra; as mana hidhaa keessatti nagaa jirra" jedhan.
Dargaggoonni sadan humnoota biyyattiitiin booji'amanii ji'ootaaf hidhaa keessa turan, haala nageenyaa Yaman ilaalchisee odeeffannoos ta'e beekumsa tokkollee akka hin qabne obboleettiin isaanii Amleset ni dubbatti.
Jala bultii haleellaa kanaatti obboleettii isaanii Sa'udii Arabiyaa jiran waliin bilbilaan haasa'anii dhimma biraa irratti mari'ataniiru. Dhumarratti akkuma barame "Nagaa ta'aa, fayyaa ta'aa" jechuun addaan ba'an.
"Dilbata halkan bilbilaan haasa'anii yeroo gaarii fi kolfaa dabarsaniiru. Rakkoon isin mudateera jedheen gaafadhe. 'Erga harka mootummaa keessa jiraannee maaltu nu mudata? Waa'ee keenya hin yaadda'inaa' naan jedhan." Haleellaan kun Wiixata ganama raawwatame'' jetti.
Qondaaltonni Huutii yeroo sanatti haleellaa kanaan yoo xiqqaate godaantotni Afrikaa 68 akka ajjeefaman himaniiru, garuu namoonni ijaan argan BBCn gaaffiifi deebii taasise lakkoofsi kun 100 ol akka ta'e ibsaniiru.
Namni ijaan argan Abdulrahmaan Yaasiin BBC'tti akka himanitti, warri haleellaa kanaan ajjeefamanii fi madaa'an ''guutummaatti jechuun ni danda'ama lammiilee Itoophiyaati'' jedhan. Lammiilee Itoophiyaa mooraa baqattootaa keessa turan ta'uu ibsan.
"Dargaggoonni sadanuu obbolaa dha. Oduu du'a sadan isaanii yeroo tokkotti dhufee maatiitti yeroo himamu ulfaataa ture. Eenyu, eenyuun akka jajjabeessu beekuun rakkisaa ta'e. Namuu gadda kanaan baay'ee miidhame," jetti Amleset.
Dhimmi baay'ee rakkisaa ta'e, reeffa isaanii biyyatti eguudha jetti. "achitti awwaalamuu moo gara biyya isaaniitti akka deebi'an ifa miti" jechuun reeffa isaanii gara biyyaatti deebisuun hanga ammaatti hin danda'amne ta'uu isaati. Kana malees, maatii isaaniitti yoo deebifaman illee geejjibni garmalee rakkisaa ta'a jetti.
Amleset du'a obbolaa ishee bira darbee gidiraa fi du'a dargaggoota biroo dhaabuuf wanti tokko hojjetamuu qaba jettee amanti.
"Yeroo ammaa kana namoonni dallaalotaan gowwoomfamanii fi dirqisiifaman hedduun, galaana qaxxaamuranii gara Sa'udii Arabiyaatti ce'uun fedhasaanii ta'us karaatti hafaa jiru. Kanaaf ni gaha jechuun dirqama. Dallaalonni biyyattii keessa jiran ummataa fi mootummaan seeratti dhiyaachuu qabu."