Chaayinaan lakkofsa ummataa ishee guddisuuf gibira guddaa Kondomiirra keesse

Daa'ima

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinatti Amajjii bara 2026 irraa eegalee kanneen maloota ittisa da'umsa ittisuu fayyadaman gibira dhibbeentaa 13 kanfaluuf dirqamu. Faallaa kana ammoo giddugalootni kunuunsa daa'immanii gibira kam irraayyuu bilisa.

Biyyi diinagdeen addunyaarraa sadarkaa lammaffaa jirtu Chaayinaan kana dura hanga daa'immaan dhalatanii hirr'isuuf maatii tokkoof daa'imaa tokko (One-Child Policy) dirqama goote ture.

Amma immoo sadarkaa hanga daa'immaan dhalatanii ishee ol kaasuuf tarkaanfii heddu fudhachaa kan jirtu yoo ta'u sana keessa dimmi falmisiisan gibiraa kondomii isa tokko

Chaayinaan bara 1994tti "imaammata daa'ima tokkoo" hojiirra kan oolchite yoo ta'u, kunis baay'ina ijoollee maatiin tokko qabaachuu danda'u tokko qofa irratti daangeffamee ture

Seerri baay'ina ijoollee maatiin tokko qabaachuu danda'u tokko qofa irratti daangeessuun ammoo baay'ina ummata ishee saffisaan guddachaa jiru ittin to'atteerti.

Yeroo sanatti gibirri guddaatu dhalootaan walqabatee kaffalama ture. Amma garuu faallaa kanaa cidha fi daa'ima godhachuun ni jajjabeeffama. Kanneen kanaan wal qabatan heeddunis VAT irraa bilisa.

Inumaa boqonnaa yeroo dahumsaa dheeressuu fi maatii ijoollee qabaniif bonasii maallaqaa kennuuf yaadaa jirti.

Chaayinaan waggoota dhufan keessatti dhiibbaa lakkoofsi ummataa xiqqaachaa dhufe dinagdee ishee irratti fidu qolachuuf tarkaanfii fudhattee jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sadarkaan dhalootaa biyyattii waggoota kurnaniif gadi bu'aa kan ture yoo ta'u, lakkoofsa dargaggoota fi baay'ina daa'immanii gidduutti qaawwa uuma.

Kanaaf dargaggoonni ishee akka fuudhaniifi ijoollee godhatan jajjabeessaa jirti.

Lakkoofsi ummata Chaayinaa waggoota sadiif walitti aansuun hir'achuu isaa lakkoofsi idilee ni mul'isa.

Bara 2024 tti biyyattiitti daa'imman miliyoona 9.54 qofati kan dhalatan yoo ta'u kunis lakkoofsa waggaa 10 dura qabdu walakkaadha.

Gibirri kondomii fi qoricha ulfa ittisuu biroo irratti kaffalamu ulfa hin barbaadamne fi tamsa'ina HIV fiduu danda'a jechuun yaaddoo uumeera.

Tokko tokko gibirri kondomii irratti kaffalamu namoota ijoollee akka hin godhanne abdii kutachiisa jedhu.

Namni suuqii qabu tokko gibirri kun hojiirra ooluu isaa dura namoonni kondomii akka kuufatan gorsaa jira.

Fayyadamaan miidiyaa hawaasaa tokko bifa qoosaan, "waan umrii koo guutuuf gahu ta'e bituuf jira," jechuun qoose.

Namoonni garaagarummaa gatii kondomii fi daa'ima guddisuu gidduu jiru sirriitti beeku jedha namni yaada kenne biraa.

Dargaggoonn gaa'elaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan biyyoota daa'ima guddisuun baay'ee rakkisaa ta'an keessaa tokko ta'uu qorannoon Giddugala Uummataa Yuwaa Beejiingitti argamuun gaggeesse ni mul'isa.

Qorannoon kun akka agarsiisutti kaffaltiin barnootaa ol'aanaa fi dadhabbiin haadholiin ijoollee guddisuu irratti qaban baasii kunuunsa daa'immanii ol'aanaa ta'eef gumaacheera.

Gatiin manneen jireenyaa dabalaa dhufuun qusannaan akka gadi bu'u taasiseera, dinagdeen Chaayinaa kufaatii keessa jira. Keessumaa dargaggoonni gara fuulduraa maal akka ta'u waan isaan yaaddesse fakkaata.

"Mucaa tokko qaba. Kan biraa hin barbaadu," jedha Daani'eel Luu,namni ganna 36, ​​bulchiinsa bahaa Henaan keessa jiraatu tokko

"Gatiin imala baaburaas ol ka'eera. Yoo gatiin Yuuwaan tokko ykn lama [maallaqa Chaayinaa] ol ka'e, baabura fayyadamuu ni dhiifnaa? Hin dhiifnu."

"Gatiin kondomii shan ykn kudhaniin yoo baay'ate tarii Yuuwaan 20 dabaluu danda'a. Kun waggatti yoo shallagamu Yuuwaan dhibba muraasa ta'a. kanammoo dandamachuu hin dadhabnu jedha.

Garuu giddugala Chaayinaa magaalaa Xi'an keessa kan jirrattu dubartiin Roozi Zaa'oo jedhamntu gatiin kun namoota hundumaaf gatii madaalawaa ta'uu dhiisuu mala jetti.

To'annoo da'umsaa barbaachisutti taaksii dabaluun barattoonni ykn warri bitachuu hin dandeenye "balaadhaaf saaxilamuu danda'u" jetti, "kun immoo bu'aa balaa imaammata kanaati." jechuun ibsiti.

Taajjabdoonni gibira haaraa kana irratti yaada adda kennaa jiru. Yunivarsiitii Wisconsin-Madison US keessatti ogeessi dimogiraafii Yi Fuqiyan gibirri kondomii baay'ina ummataa ni dabala jedhanii yaaduun "yaada gaarii miti" jedhu.

Galmi Beejiing gatii mana jireenyaa to'achuu fi liqaa biyyaalessaa kaffaluuf "karaa danda'ame hundaan gibira walitti qabuudha" jedha.

Chaayinaan bara darbe gibira gatii dabalataa doolaara tiriliyoona 1 walitti qabdee kan turte yoo ta'u, galii waliigalaa gibiraa ishee keessaa dhibbeentaa 40 ta'a.

Giddugala Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaatti kan hojjettu Henretta Levin akka jedhanitti gibirri kondomii Chaayinaan sadarkaa dahumsaa "akka malee" gadi bu'aa jiru duubatti deebisuuf yaalii gootu kan "argisiisa" jetti

Levin ijoollee godhachuun filannoo dhuunfaa waan ta'eef mootummaan imaammata haaraa kanaan '' gola keenya keessa galuu hin qabu'' jetti

Gabaasni miidiyaalee tibbanaa akka mul'isutti naannolee tokko tokko keessatti dubartoonni waa'ee marsaa laguu isaanii fi karoora ijoollee godhachuuf qaban gaafatamaa jiru.

Biiroon fayyaa bulchiinsa Yunaan lakkoofsi akkanaa haadholii meeqa akka ijoollee godhachuuf karoorfatan beekuuf barbaachisaa ta'uu dubbatu.

''Mootummaan [Paartiin [Kominiistii] murtii hunda keessa harka isaa galfachuun odii isaatiin diina mataa isaa ta'aa jira,'' jetti Leevin.

Ragaan akka agarsiisutti biyyoota dhihaa dabalatee biyyoonni Eeshiyaa kan akka Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa lakkoofsi hamma dhalootanii isaanii haalaan gadi bu'uu arganii jiru.

Kanaaf sababni tokko ba'aan da'umsaa baay'inaan dubartoota irratti kan kufe yoo ta'u, kan biraan immoo lakkoofsi namoota fuudhanii hir'achuu isaati.

Luwo rakkoo dhugaa waan jalaa hafe fakkaata. Akkaataan dargaggoonni guyyoota kanatti waliin walitti dhufeenya qaban namummaa kan hin qabne ta'uu ni amana.

Chaayinaa keessatti gurgurtaan meeshaalee qunnamtii saalaa dabaluu isaatiin "namoonni of gammachiisuu qofa barbaadu" akka jedhu isa taasiseera. "Nama biraa waliin hariiroo qabaachuun liqii ta'eera."

"Dhiibbaan dargaggoota har'aa hawaasa irraa dhufu waggoota 20 duraa caalaa baay'ee guddaadha. Dhugaadha, maallaqaan fooyya'aa dha. Garuu waan isaan irraa eegamu baay'eedha. Garuu namni hundi dadhabeera."