Obbolaan lameen hidhaa waggoota 20n booda Guwaantaanaamoo keessaa bahan

Madda suuraa, REPRIEVE
Obboleewwan lammii Paakistaan mana hidhaa waraanaa US Guwaantaanaamoo Bey'tti barkurnee lamaaf hidhaarra turan, himannaa malee gadhiifaman.
Abdul fi Mohaammad Ahimad Rabbani bara 2002tti ture Paakistaanitti kan qabaman.
Akka Pentagon jedhutti Abdul Rabbani mana dhokannaa al-Qaayidaa to'ata ture. Obboleessi isaa ammoo hooggantoota garichaaf geejjibaafi maallaqa mijeessaafi ture.
Obbolaan kun Guwaantaanaamootti dabarfamuu isaaniin dura, miseensota CIA'n dararaan akka irra gahe himatu.
Amma obbolaan lamaan kun hidhaa bahuun gara Paakistaan deebi'aniiru.
Kaampiin 'Guantanamo' biyya Kuubaa keessatti kan argamu oggaa tahu, Pireezidantii duraanii Joorji W Buush'n 2002tti hundaa'e. Kunis haleellaa shororkaa 9/11 Niiw Yoorkitti dhaqqabe hordofee, shakkamtoota shororkeessummaa biyyoota alaa tursuuf akka ooluuf ture.
Manni hidhaa eegumsa cimaa qabu kun kaampii humna galaanarraa US keessa argama.
Haatahu malee kaampiin kun "waraana shororkaa qolachuuf" godhamu irratti gaaffiin akka kahuufis sababa taheera.
Akka qeeqxonni jedhanitti malli qorannoo achi keessaa hiraarsaan kan gaggeeffamuufi kanneen achi keessa galanis mana murtiitti odoo hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf tursiifamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidantiin US Joo Baayidan, bakka namoonni 32 yeroo ammaatti qabamanii keessa jiran kana cufuuf abdii akka qaban himaniiru.
Wayita haalaan faayidaa kennaa ture 2003tti, bakka kanatti namoonni 680 keessatti hidhaarra turan.
"Yunaayitid Isteetis carraaqqii lakkoofsa hidhamtootaa Guwaantaanaamoo Beey keessa jiran sirnaan hir'isuu fi boodarras cufuuf, gargaarsa Mootummaa Paakistaan fi michoota kaanii gochaa jiraniif ni galateeffata," jedhe Pentaagon ibsa baaseen.
Obbolaan kun 2002 keessa ture humnoota nageenyaa Paakistaaniin magaalaa Kaaraachiitti kan to'annoo jala oolan. Guwaantaanaamootti geeffamuu isaaniin dura gara waggaa lamaaf tahu, bakka turtii CIA Afgaanistaan keessa jiru keessatti tursiifaman.
2013tti Ahimad Rabbani waggoota torba keessa marroo hedduuf lagannaa nyaataa gaggeessuun mormii taasisaa ture.
Yeroo kanatti galteewwan qaamaaf barbaachisan (supplements) qofa fudhachuun lubbuun jiraachaa ture - yeroo kaan ammoo ujummoon humnaan akka nyaatu taasifama ture.
Ogeessi seeraa Clive Stafford Smith obbolaa lamaan kanaaf falmachaa kan ture oggaa tahu, hidhaa obbolaa kanarratti himannaan bana jechuun BBCtti hime.
Haatahu malee "carraan beenyaa argachuu isaanii akkaan bicuudha. Ergaa dhiifamaa salphaa tahes waan argatan hin sehu," jedha.
Gaafa Ahimad Rabbani hidhaa bu'u haati warraa isaa ulfa turte - ji'a shan boodas ilma deesse. Ahimad mucaasaa takkaa ijaan hin agarre.

Wayita Guantanamo turetti Ahimad aartii hojjechuun maqaa guddaa horate.
Ji'a Caamsaa keessas artistoota 12 hojii isaatiin kakahumsa horatan wajjiin tahuun, Kaaraachiitti agarsiisa qopheessuusaa Aabba Stafford hima.
Maya Foa daarektara dhaabbata tajaajila seeraa Reprieve jedhamuu oggaa taatu, hanga bara dabree Ahimadiif tajaajila seeraa dhaabbata kennaafi turedha.
Maayaan: "Maatii isaa keessaa ilma, abbaa manaa fi abbaa hanqisan. Haqa dhabuun kun yomuu bakkatti hin deebi'u.
Miidhaan guutuu 'waraana shororkaa qolachuu'n qaqqabe kan saaxila bahu, gaafa Guwaantaanaamoon guutummaatti cufamudha," jetti.












