Ifa Boruu: Manneen barnoota bultii addaa Ifa Boruu fi bu'aa waggoota afurii

Qorumsa Biyyoolessaa kutaa 12ffaa dhiheenya firiin isaa ibsame keessatti manneen barnoota bultii addaa Ifa Boruu maqaan isaanii irra deddeebiin ka'a.
Barattoonni manneen barnootaa kunneenii qabxii olaanaa akka biyyaatti galmeessaniiru.
Bu'aa qorannoo bajata Birrii biliyoona 60 gaafate
Manneen barnoota bultii addaa mootummaan naannoo Oromiyaa waggoota dhihoo asitti ijaare kun osoo hin jalqabamne dura Oromiyaatti mana barnoota bultii addaa kan bu'uuresse Waldaa misooma Oromiyaati.
Waldaan misooma Oromiyaa manneen barnoota bultii addaa lama, Adaamaa fi Bishooftuutti barsiisaa jiruunis barattoota ciccimoo dorgomsiisee fudhachuun waggootaaf walitti fufiinsaan barattoota akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisan Horachaa ture.
Obbo Siyyum Kabbadaa, Biiroo Barnoota Oromiyaatti Daayireektara manneen barnoota bulti addaati. Manneen Barnoota bultii addaa, bakka barattoonni achuma jiraataa baratan yoo ta'u, manneen barnoota addaa ammoo bakka ijoolleen maatii biraa deddeebi'anii baratani.
Akka Obbo Siyyum jedhanitti, manneen barnoota bultii addaa Ifa Boruu Oromiyaatti akka dhalataniif ka'umsa kan ta'e kufaatii seektara barnootaati.
"Bu'aan qabxii barattootaa gadi aanaa ta'uun, rakkoo adda bahe keessaayi. Manni barnootaa qabxii gaarii galmeessisu tokkichi mana barumsa bultii addaa WMO qofa ture. Adeemsa kana jijjiiruun baraachisaadha kan jedhuun qorannoon taasifame"
Qorannoo kanaanis seektara barnootaa keessatti kufaatii dhufaa jiru kana hambisuu fi sirna barnootaa bayyanachiisuuf pirojektiin birrii Biliyoona 60 gaafatu akka barbaachisu mootummaaf dhihaachuu himan.

"Barnootni invastimantii guddaa gaafata. Maallaqni yeros gaafatame kuni bajata mootummaa naannoo Oromiyaatti dhihaata. Kanaaf rakkoo kana siistamaan keessaa bahuu qabna kan jedhuun pirojektiin ifa Boruu fi Bu'uura Boruu eegalame" jedhan.
Murtee mootummaan naannoo Oromiyaa murteesse kanaanis waggaa tokko keessatti manneen barnoota ifa Boruu 100 ijaaraman. Isaan keessaa manneen barnoota sadarkaa 2ffaa torba manneen barnoota bultii addaa ta'an.
Manneen Barnoota bultii addaa Ifa Boruu torban kunis Najjoo, Ambo, Dodolaa, Beddellee, Yaaballoo, Nageellee fi Haramayaatti kan ijaaraman yoo ta'u, barattoonni achuma keessa jiraachaa baratu.
Manneen barnoota bultii addaa Ifa boruu torban kuni barattoota ciccimoo qofa qorumsaan dorgomsiisanii kan simataniidha.
Manneen barnootaa Bultii addaa torban kanatti hanga dhuma bara 2017tti barattoota 3,497tu barachaa ture jedhan Obbo Siyyum.
Qorumsa biyyoolessaa guutumati milkoofnne

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manneen Barnoota bultii addaa ifa Boruu mootummaan naannoo Oromiyaa jalqabsiise kunneen barana yeroo jalqabaatiif barattoonnisaa qorumsa kutaa 12ffaa fudhatan.
Manneen barnootaa kunneen barana barattoonnisaa akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisuun alatti barattootni qorumsaaf dhihaatan hundis darbuun seenaa hojjetaniiru jedhan.
"Milkaa'inni kan eegameen olitti ta'ee argame. Nuti karoorri keenya harka 100 dabarsuudha. Manneen barnootaa torbanuu barattootasaanii hunda dabarsaniiru" jedhan.
Barattoota manneen barnoota Bultii addaa Ifa Boruu torbanitti barattoota qorumsa fudhatan 706 keessaa harka 40 kan caalan qabxii 500 ol galmeessisani jedhan.
Manneen Barnootaa bultii addaa kunneen barattoota ciccimoo manneen barnootaa irraa dorgomsiisuun fudhachuun qabxii olaanaa akka galmeesisaniif gargaareera.
Gama biraatiin garuu barattoota ciccimoo filatanii addatti haala mijataa keessatti barsiisuun qabxii gaarii akka Fidan godhamus, barattoonni lakkoofsaan hedduun dagatamanii barnootarraa milkaa'ina dhabuun qeeqama.
Obbo Siyyuum dhimma kanarratti yoo dubbatan kaayyoon keenya barattoota ciccimoo filannee milkaa'ina olaanaaf geessisuudha, Barattoota kaanis adeemsan Istaandaardii kanatti fiduuf hojjetama jedhan.
"Namni baayyeen yaada kana niqeeqa. Lammii lama uumudha, faayidaa addaa tokkoof kennanii kaan dhorkachuudha kan jedhu qeeqni jira. Garuummoo qabeenyi jiru murtaa'aa waan ta'eef barataa hundaaf waliin gahuu hin dandeessu" jedhan.

"Akkuma arba Guddaa nyaattee fixuuf suuta suutan nyaachuu barbaachisu nutis adeemsuma humni dinagdee keenya cimuun barataa hundaaf haala mijataa akkanaa waliin gahuutti deemna" jedhan.
Firii qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa Tibbana ifoomeen Oromiyaan naannolee manneen barnootaa hedduu keessatti barataan kufe yookiis aveerejiidhaan barataa hedduun itti qorumsa kufedha.
Kufaatii kanaaf sababni ijoon manneen barnootaa hedduun sababa dhaqabummaa barnootaatiif qofa bakka hundatti ijaaraman istaandardii fi qululina barbaachisu malee gara sadarkaa lammaffaatti kallattiin cehanii barsiisuudha jedhu Obbo Siyyum.
"Manneen barnootaa hedduun barsiisaa malee, bu'uura misoomaa malee akkasumatti sadarkaa 2ffaa ta'an. Manneen barnootaa barataa tokkoyyuu hin dabarsine hedduu qoranneerra. Sababni ijoon bu'uura misoomaa gahaa dhabuudha" jedhan.
Kanas ta'ee garuu akka imaammata barnootaatti 'barataa hundi qorumsa darbee yunvarsiitii seena' ilaalchi jedhu dogogora jedhu angaa'aan kun.
"Safartuu kamiinuu, biyya kamittuu barataan akkaadaamishanii ta'u harka 10 hanga 50 qofa. Warri hafe ogummaa adda addaa baratu jechaadha. Hojii biraa keessa seenu. Biyyi hundi akkaadamishaanii hin ta'u" jedhan.
Ta'us manneen barnootaa barataa tokkoyyuu hin dabarsin jiran kanarratti rakkoo jiru furuun hirmaannaa qooda fudhattoota hundaa gaafata jechuun dhaaman.












