Suura Mesiin Waancaa Adunyaa hammatee ciise Inistaagiraam irratti rikardii hanqaaquu cabse

Liyonel mesii Waancaa Adunyaa Kaataar

Madda suuraa, Getty Images

Suuraa Liyonel Mesiin injifannoo Waancaa Adunyaa itti agarsiise Inistaagiraamii irratti maxxansa jaalatamaa [like] isa guddaa argate tahuun rikardii cabse. 

Suuraa Waancaa Adunyaa qabatee siree irra ciisu akkuma maxxanseen sa’a tokko booda namoota miliyoona 65niin jaalatame. Sana boodas lakkoofsa guddaan itti fufee dabalaa ture.

Arjentiinaan rukuttaa peenaaliitiidhaan Dilbata darbe Faransaayiin mo’achuun Kaataaritti waggoota 36 booda Waancaa Adunyaa mo’atte.

Maxxansi Inistaagiraamii Mesiis kana dura suuraa hanqaaquu Inistaagiraamii irratti maxxansamuun namoota miliyoona hedduun jaalatamuun rikardii argate caale.

Maxxansa Instagram irra dabri, 1
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Instagram, 1

Maxxansi hanqaaquu sun maali?

Kana dura namoota miliyoonotaan ‘Like’ argachuun rikardii kan qabu suuraa hanqaaquu qaratti Inistaagiraamii irratti maxxansame ture.

Yeroo jalqaba maxxanfame mormii namoota beekamoo agarsiisuuf fakkaata ture.

Jechuun suuraan akkasumaanii tokko kan isaanii caalaa jaalatamummaa argachuu akka danda’u agarsiisuuf.

Maxxansa suuraa Kaaylii Jener akka caaluuf namootni suuraa hanqaaquu kana akka jaalataniif waamichi godhamaa ture.

Hojii miidhaginaa [make-up] kan beekamtu Kaayilii Jener bara 2018 suuraa daa’ima ishee Istoormii maxxansuun namoota miliyoona 18’n jaalatame.

Jeneer dubartii jalqabaa miidiyaa hawwaasaa irratti hordoftoota miliyoona 300 argattedha. Dhiirota keessaa ammoo Liyonel mesiinis sadarkaa kana irra gaheera.

Maxxansa Instagram irra dabri, 2
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Instagram, 2

Maxxansa Instagram irra dabri, 3
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Instagram, 3

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ammayyuu waa’een hanqaaquu kun naaf hin galle yoo jettan...

Waa’ee eenyummaa nama suuraa hanqaaquu rikardii cabse duuba jiruu waan baay’een jedhama. Akkamiin namoota miliyoonaan akkasiin yeroo gabaabaa keessatti harkisuu danda’e?

 Gariin maxxansa kaampaanii guddaa hordoftoota hedduu harkisuuf jecha godhedha jedhu.

Haatahu malee, ergasii hogganaa olaanaan dhaabbata beeksisaa beekamaan lammii Biriiten Kiriis Goodfirii namoota biro lama waliin tahuun akkaawontii Inistaagiraamii sana akka banan hime.

Kaayyoon isaanii inni guddaa lakkoofsa jaalatootaa [Like] miliyoona hedduu argachuu qofa akka tahes himaniiru.

Haatahu malee, suuraan hanqaaquu kun rikardii Jener miliyoona 57 yoo cabsu, amma suuraalee Liyonel mesiin lakkoofsa guddaan caalamee rikardiin isaa cabe.

  • 11 – Badhaasa taphataa cimaa taphoota Waancaa Adunyaa irratti
  • 19 – Taphataa kamiyyuu caalaa Waancaa Adunyaa irratti dursaa taphattootaa

Kan biroo afur ammo:

Mesiin Waancaa Adunyaa irratti taphoota hedduu [26] irratti hiriiruun rikardii taphataa lammii Jarman duraanii Lootaar Maatiyaas cabseeruu ibseera.

Erga xumura Waancaa Adunyaa as ‘Guinness World Records’ maxxansaalee rikardii cabsan waliiti aanan hedduu , beeksiseera.

tahuu

  • 5 – Dhiirotaan taphoota Waancaa Adunyaa hedduu irratti hiriiruu
  • Nama jalqabaa Waancaa Adunyaa shan adda addaa irratti kubb amijeessee kenne

Mesiin milkaa’ina Waancaa Adunyaa irratti dabalata kanaani nama jalqabaa taheera.