Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaatti dirree dhimma lamaaf tajaajilu: Tapha kubbaafi adabbii du'aa
Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa waan miira keessan jeequ qabaachuu mala
Magaala guddoo Somaaliyaa Moqaadishoorraa baay'ee osoo hin fagaatin qarqara Galaana Hindiitti dirree 'cirrachaa' uffatetu jira. Dirree kana cinaa utubaan konkiriitiirraa hojjatame jaha dhaabatee jira.
Yeroo baay'ee qaamoleen nageenyaa dhiirota qabanii fidanii utubaawwan kanatti wadaroo pilaastikaan erga hidhanii booda mataafi ijatti hagguuggii godhanii dhukaasa itti roobsanii ajjeesu.
Qaamoleen nageenyaa ajjeechaa kana raawwatan kanneen leenjii addaa fudhataniidha. Yeroo murtee ajjeechaa kana raawwatan [eenyummaansaanii akka hin baramneef] fuulasaanii haguuggatu.
Kanneen ajjeechan irratti raawwatu kunneen keessaa kaansaanii miseensota al-Shabaabi jedhamuun mana murtii waraanaan kan duuti itti murtaa'edha.
Kaan ammoo loltootuma namoota nagaa ykn waayillan isaanii ajjeesan jedhamee itti murameedha.
Bara darbe qofaa qarqara galaanaa bakka dirree kubbaa miilaa kanatti namoonni 25 ajjeefamaniiru.
Bara darbe namni dhumaa dirree kana keessatti humnoota nageenyaan hidhamee ajjeefame nama Saa'id Alii Mowaalim Daawud yoo ta'u, haadha warraasaa balbala itti cufee abidda itti qabsiise jedhamee duuti itti murtaa'eti.
"Haati warraa koo akkan ishee hiiku waan na gaafatteefan jiraatti abiddaan gubee ajjeese," jedhee dubbate.
Bakka qaamoleen nageenyaa itti nama ajjeesan kana dudduuba mandara akkasumatti seeran ala maatin 50 ta'an godoodhuma keessa jiraatantu jira.
"Ijoolleen koo dhiiraa shan mana baruumsaatii yeroo galan olii gadi fiiganii taphachuuf ykn kubbaa taphachuuf qarqara bishaanii [bakka itti nama] ajjeesanitti gadi fiigu," jetti Fartuun Mohaammad Ismaa'el.
"Utubaadhuma itti hidhanii nama ajjeesan sana akka karra goolii kubbaa miilatti itti fayyadamu," jetti.
"Fayyaa ijoollee koof nan yaadda'a; sababnisaa bakka nama itti ajjeesan, dhiiga keessa taphatu waan ta'eef," jechuun qaamoleen nageenyaa erga nama ajjeesanii booda bakkichi akka hin qulqulloofne himti.
Awwaalli warra dirree kubbaa miilaa kana biratti ajjeefamanii achuma qarqara bishaanitti argama.
Aadde Fartuunan akka jettutti ijoollenshee jeequmsaafi ajjeecha bakkichatti gaggeeffamu homaa isaanitti hin fakkaatu- itti baraniiru waan ta'eef.
Garuummoo isheefi maatiin biraa ijoollensaanii dhiiga namoota yakkamoodha jedhamanii ajjeefamanii keessa yoo taphatan itti ulfaata.
Namoonni yakkamoodha jedhaman dirree kubbaa miilaa kana keessatti yeroo heddu kan ajjeefaman ganama sa'aatii kudha lamaa hanga tokkoo gidduutti.
Yeroo ajjeechaan gaggeeffamu akka ilaalaniif kan affeeramu gaazexeessitoota qofaadha; garuummoo daa'imman dabalatee jiraattonni naannoosanaa bahanii ilaalu.
Qarqara magaala Moqaadishoo, daangaa bishaanii bakki itti mootummaan nama yakka hamaa hojjate jedhe itti ajjeesu kun bara 1975tti mootummaa Ziyaad Baarreetin bakka itti tarkaanfii ajjeechaa namarratti fudhatan ta'ee filatame.
Utubaan konkiriitirraa hojjatamee nama dhaabbitti itti hidhanii rasaasaan ajjeessanis yerodhuma sana abbootii amantaa Islaamaa seera maatii haaraa baheefi dhiironniifi dubartoonni wal-qixa dhaalmaa argachuu akka qaban hayyamu morman itti hidhanii ajjeesuuf dhaabame.
Sodaan maatin qaban yeroo namni yakkamaadha jedhamee dirree ijoolleen kubbaa itti taphattuutti ajjeesan ijoollensaanii keessa rasaasan rukutamuu dandeessi kan jedhuudha.
Ijoollen yeroo humni nageenyaa fuuldura saanatti nama ajjeesu waan arganiif qaamolee nageenyaa gaafa argan ni rifatu sodaa jedhus qabu.
Bakka ajjeechaan itti gaggeefamu kanarraa meetira muraasa fagaattee kan jiraattu Fadumaan Abdullaahii Qaasim, "yeroo hundumaa halkan hirribni nan qabu. Ijoollee koo yeroo mara mana akka turan gochuun yaala. Gadi bahee dhiigni cirracha keessatti dhangala'ee arguudhuman jibbe.
"Yeroo tokko tokko ganama sagalee dhukaasaa gaafan dhagahu, namni wayii ajjeefameera jechuudha jedheen dhiisa," jetti.
Namoonni naannawa nama itti ajjeesan sana jiraatan nama bakka isaan jiraatanitti ajjeefamu arguusaanitiin gammachuu kan hin qabne ta'anis lammiilen Somaalii hedduu garuu adabbii ajjeechaa gaggeeffamu ni deeggaru- keessumaa miseensota al-Shabaab warra ta'an irratti yoo gaggeefame.
Fadumaan murtee namootarratti fudhatamu kana ni mormiti. Bara 2022 keessa ilmishee ganna 17 dhohiinsa boombii magaala Moqaadishootti namoota 120 ajjeesee 300 madeesse keessa du'e. Dhohiinsa boombii sana al-Shabaab akka raawwatetu amanama.
"Namoota adabbii du'aan ajjeefaman eenyummaasaanii hin beeku, garuu gochichi dhala namaarratti raawwatamuu kan hin qabneedha," jechuun mormiti.
Diirree kubbaa miilaa nama yakka hojjate jedhame itti ajjeesanitti kan kubbaa miilaa taphatu ijoollee naannoo sanaa qofa osoo hin taane, dargaggoonni bakka biraarraa dhufanis achitti wal-gahanii taphatu.