Kooriyaan Kaabaa dhaabbilee oomisha maayikiroo chiip Kooriyaa Kibbaa cabsuun hatte

Madda suuraa, Getty Images
Haakerootni Kooriyaa Kaabaa kaampaanii Kooriyaa Kibbaa Maayikiroo chiipsii hojjetu cabsuun jalaa hatuu dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaa beeksise.
Piyoongiyaangi meeshaalee elektirooniksii sagantaa meeshaalee waraanaa ishee deeggaran oomishuu barbaaddi jedhe dhaabbatichi.
Ji'a darbe prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk Ye'ol filannoo biyyattii dhufu irratti Kooriyaan Kaabaa haleellaa saayiberii fi kaan fayyadamuun burjaajjessuu dandeessi jedhanii akeekkachiisanii ture.
Waggaa darbe, Kooriyaan Kaabaa Imeelii gargaartuu pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa hatanii [hack] ture.
"Yeroo qoqqobbiin irratti darbuu fi haala ulfaataa kana keessatti Kooriyaan Kaabaa meeshaalee elektirooniksii waraanaaf oolan mataashee oomishuuf akka jettu amanna,'' jedhe dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaa.
Kaayyoon Kooriyaa Kaabaa satalaayitii fi misaa'eloota isheef jecha fedhii maayikiroo chiipsii oomishuuf qabdu irraa dhufe jette Kooriyaan Kibbaa.
NIS Kooriyaan Kaabaa serverii kaampaanota maayikiroo chiip hojjetan lama ji'a Guraandhalaa fi Mudde keessa cabsuun diizaayinii oomishichaa fi suuraa isaa fudhatteetti jedhe.
Akkasumas kaampaanotni biroo maayikiroo chiip oomishan haleellaa saayiberii akkasii irraa of eeggannoo gochuu akka qaban dhaame.
Haa tahu malee, miidhaa dhaabbaticha irra gahes tahe Kooriyaan Kaabaa waan gatii guddaa qbau tokko fudhachuu ilaalchisee waan jedhe hin qabu.
Kaampaanotni Kooriyaa Kibbaa xiyyeeffannoo haleellaa saayiberii Kooriyaa Kaabaa keessa jiraachuu NIS hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haakerootni kunneen akka irratti hin baramneef tooftaa ''Living off the land'' jedhuun koodiiwwan miidhaa dhaqqabsiisan xiqqeessuun kanuma jiranii fi seera qabeessa tahan serverii irratti fe'uun odeeffannoo barbaadan hataa jiraachuu ibse.
Kana irraa kan ka'e sooftiweerii nageenyaa fayyadamuun haleellicha bira gahuun ulfaataa taheera jedhe.
Ji'a darbe, waajjirri pirezidaant Yoon haleellaan imeelii gargaartuu isaanii irratti raawwwate, danbii itti fayyadamaa cabsuun kan gahe malee sagantaa [system] isaa hin hatamne jedhan.
Piyoongiyaangi haleellaa saayiberii kana irratti hirmaachuu ni haalti. Seehul ammoo haleellaa saayiberii irra gaheef fi hanna maallaqa kiriptookaarensii guddaa irratti raawwateef haakeroota Kooriyaa Kaabaa himatti.
Kunis bulchiinsa mootummaa abbaa irree deeggaruu fi sagantaa gabbisa nuukileera isaaf akka ooluuf kana raawwate jette.
Kooriyaan kaabaadoolaara biliyoona sadii tahu erga bara 2016 as hattee jirti. Akkasumas icciitii mootummaa argachuu fi teeknoloojii waraanaa guddaa biyyattiin qabdu hatuuf yaalaa jiraachuu Kooriyaan Kibbaa beeksifte.
Biyyi qoqqobbii adunyaa jabaa jala jirtu Kooriyaan kaabaa amma haleellaa saayiberii jabaa gaggeessun beekti.












