UKtti konkolaatan nama malee deemu tajaajila kennuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Konkolaatan manaa ykn konkolaachisaa malee deemu UK'tti tajaajila kennuu eegale. Konkolaatan ofiin deemu kun ifatti imaltootaaf tajaajila kennu eegaluu isaatu ibsame.
Kunis ifatti hojii kan eegale UK, Edanbiraa keessatti yoo ta'u, dhaabata Stagecoach jedhamuun hogganama.
Konkolaatan ofiin deemu kun konkolaachisaa malee kan deemu ta'us garuu hojjattoonni lama keessa akka taa'an godhamee jira.
Hojjataan tokko bakka konkolaachisaa taa'un akkaataa itti teeknolojiin sun hojjatu kan to'atu yoo ta'u, hojjataan biraa ammoo tikeetii kan kutuufi imaltoota imalarratti gargaarudha jedhame.

Madda suuraa, PA Media
Dhaabbannni Stagecoach akka jedhetti, konkolaatan ammatti tajaajila geejjibaa kennuu eegale kun abbaa teessuma shanii kan qabu yoo ta'u, torbanitti imaltoota 10,000 tajaajiluu danda'a.
Konkolaatonni gosa kanaa kunneen daandiirratti dursa kennameef irra imaluuf teeknolojii seensariitti fayyadamu.
Konkolaatan nama oofuu malee deemu kun AB1 kan jedhamu yoo ta'u, UK'tti konklaataa ofiin deemu kan jalqabaa jedhamee galmaa'ee jira.
Kunis qaama pirojektii dhaabbanni Stagecoach hojjatuu yoo ta'u, mootummaa UK'tu maallaqaan deeggara.
Dhaabbanni Stagecoach pirojaktii konkolaataa ofiin imaluu kana galmaan gahuuf dhaabbilee garaa garaa sagantaa roobootiksii irratti hojjatan waliin hojjateera.
Dhaabbata Stagecoach damee UK'tti daayireektara kan ta'an Karlaa Istooktan Joons akka, "UK, baha Iskootlaand keessatti konkolaataa ofiin imalu kan jalqabaa eegaluu keenyatti baay'ee gammanneerra.
"Kalaqa geejjibaan dursummaa qabaachuu keenyatti baay'ee gammanna. Pirojektiin kun geejjiba ummataaf bu'uura guddaadha," jedhan.












