Kiliyaan Imbaappee fi gareen kubbaa miilaa biyyaalessa Faransaay hokkarri akka dhaabatuuf waamicha godhan

Kiiliyan Imbaappee

Madda suuraa, Reuters

Hokkara Faransaay guyyaa arfaffaa qabateen dursaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Faransaay kan ta'e Kiliyaan Imbaappen "hokkarri dhaabachuu qaba" jedhe.

Dargaggeessi ganna 17 torbaa poolisiin ajjeeffamuu hordofee dheekkamsa uumameen biyyattiin guyyaa arfaffaaf raafama cimaa keessa jirti.

Taphataa collee fi dursaa garee biyyaalessa Faransaay kan ta'e Killiyaan Imbaappen hokkara qabeenya biyyattii heddu barbadeesse kana callisee laalurra hokkarri akka dhaabatuuf gahee mataasaa bahuu barbaade.

Hokkorri akka dhaabatuuf waamicha taasiseen, "Hokkarri furmaata fidu hin qabu," jechuun fuula Inistaagiraamii isaarratti maxxanse.

Taphataan ganna 24 kun mormiin "karaa nagaafi fayidaa buusuu danda'uun" gaggeeffamuu akka qabu dhaame.

Hokkara kanaan wal-qabatee Faransaayi hanga ammaa namoota 1,300 ol to'annaa jala oolchiteetti. Hokkara kana dhaabsisuufis poolisoota 45,000 bobbaastetti.

Magaala guddoo kan taate Paaris qofa osoo hin taane magaalota akka Liil, Maarsee fa'aa keessatti qabeenyi barbadaa'ee, manneen daldaalaa heddus saamamaniiru.

Kaleessa pirezidaant Maakroon ibsa kennaniin konkolaatonni 2,000 ol ta'aniifi gamoowwan 500 ta'an manca'uu himuun maatin ijoolleesaanii manatti akka ittisaniif waamcha godhanii turan.

Jifataa kilaba Seent Jermen kan ta'e Kiiliyan Imbaappen garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Faransaay bakka bu'uun yaada kenneen, "Akkuma lammiilee Faransaay kaanii du'a dargaggoo Naheelin hunda keenya naasufi gaddi nu qabateera."

"Dabaluunis, "Baay'en keenya gita hawaasaa dafqee bulurraa kan dhufne waan taanef miirri gaddaa nutti dhagahama," jechuun garuummoo "harkuma keeenyan of balleessuu hin qabnu" jedhe.

Gareen kubbaa miilaa Faransaayi 'Les Bleus' bu'uurri hokkaraa kanaa maal akka ta'e kan hubatu ta'uu ibsuun: "Yeroo hokkoraa kana gara yeroo gadda ofii ibsachuu, mariyachuufi deebisanii ijaaruttu jijiiruu qabna" jechuun garee biyyaalessaa bakka bu'uun dubbate.