Maakroon konkolaattonni 2,000 oliifi gamoowwan 500 manca'uu himan

Madda suuraa, Reuters
Ajjeechaa ol adeemaa ganna 17 irratti poolisiin raawwate hordofee hokkara galgala sadaffaaf Faransaay keessatti gaggeefameen konkolaattiinni 2,000 ol gubachuu, gamoowwan 500 ta'an manca'uu pireezidantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon himan.
Hokkara dhalate kanaan galgala sadaffaatti qofa ibiddi 3,880 ta'u qabachuu dabalanii himan.
Pireezidant Imaanu'eel Maakroon yaa'ii Beeljiyeemitti gaggeefamaa jiru adda kutuun biyya isaanii keessatti hokkara hammaataa jiru irratti marii hatattamaa gochuuf gara biyyaatti deebi'aniiru.
Kibxata darbe dhiyeenya magaalaa Paarisitti poolisiin konkolaattota sakatta'uurra jiru dhukaasa ol-adeemaa tokkorratti baneen dargaggeessi ganna 17 ajjeefamuun Faransaay keesssatti dheekkamsa kaaseera.
Dargaggeessi ganna 17 konkolaachisaa ta'e Nahel M, bakka sakattaa tiraafikaatti dhaabachuu didee, konkolaataa oofee sokkuu isaaf rasaasaan rukutamee ajjeefame. Nahel maatii Aljeeriyaa lammummaa Faransaay qaban irraa dhalate.
Ibsa gabaabaa yaa'ii ariifachiisaa gaggeefamaa jiru dura baasaniin ajjeechaa ol-adeemaa kanaa balaaleffachuun ta'ii kana hordofee jeequmsa adeemaa jirus mormaniiru.
Faransaay magaalaalee hedduu keessatti hokkara badiisa guddaa qaqqabsiise keessummeessaa kan jirtu ta'us ammatti labsii yeroo muddamaa hin labsine.
Magaalaaleen Faransaay hedduun galgala sadaffaa dargaggoon kun itti ajjeefamerraa kan ka'an badiisa guddaa qaqqabeen dabaalamaniiti.
Galgala edaa qofa poolisiin namoota 800 ta'an to'annoo jala oolcheera.
Galgala edaa dura mootummaan Faransaay guutuu biyyattiiti poolisoota 40,000 bobbaasuus gamoowwaniifi konkolaattota manca'aniin cinaatti manneen daldalaa hedduun saamamaniiru.
Ministirri Muummee Faransaay Elizaabeet Boorn hookkara kana dhaabsisuuf labsii yeroo ariifachiisaa dabalatee filannoowwan hunda akka fayyadaman dubbatan.
Magaalaan Marseel mormiin uummataa akka hin gaggeeffamne dhorkaa keesseetti, yeroo tajaajila geejiba uummataa itti kennamu irrattis daangaa gooteetti.
Poolisiin ajjeechaa Nahel'n shakkame maatii dargagoo ajjeefamee dhiifama gaafateera. Himatnis irratti banameera.
Maakroon hokkara kana to'achuuf poolisiin dabalataan akka duuluufi maatiin ijoollee isaanii hookkara keessatti hirmaachuurraa akka eegan dhaamaniiru.
Miidiyaan hawaasummaas hokkara kana hammeessaa akka jirus dubbatan.
Ajjeefamuun lammii Faransaay maatii Aljeeriyaa irraa dhalatu kun sabummaa irratti hundaayee miidhaa poolisiin qaqqabsiisu irratti gaaffii guddaa kaaseera.












