Hojjetoonni fiilmii Holiiwuud 160,000 ta'an mormii hojii dhaabuu gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images
Holiiwuud keessatti sababa taatonni diddaa hojii dhaaburra jiraniif fiilmiiwwan akka Avatar fi Gladiator fa'aa dabalaee qophiin fiilmiwwan hedduu danqamee jira.
Dhaabbata fiilmii Holiiwuud keessatti diddaan hojii dhaabuu kun waggaa 60 keessatti isa guddaadha jedhame.
Hojjattoonni dhaabbatichaa diddaa hojii dhaabuu guddaa jedhame kana kan taasisan, kaffaltiin gaarin nuuf haa kaffalamu kan jedhuudha.
Diiddaan kun Loosangelasitti eegale. Diddaa hojjattoonnifi taatonni dhaabbata Hooliyuud gaggeessan kanaan hojiiwwan waraabbiwwan diraamaa, fiilmiifi sagantaalen TV heddu ni dhaabatu jechuudha.
Dhiyeenyatti agarsiisaf dhiyaata jedhamuun kan eegamaa ture fiilmin Opinhaayimar jedhamu taatonni fiilmichaa Landanitti osoo beeksisaa jiranii diddaan hojii jalqabnaan hojichi adda citee jira.
Hojjattoonnifi taatonni dhaabbata fiilmii Holiiwuud 160,000 ta'an gaaffinsaanii hanga deebii afgatutti hin hojjannu jechuun diddaarra jiru.
Ogeeyyin dhaabbatichaa kun biiroo giddu galeessaa Netflix Kaalifoorniyaa jiru duratti walitti qabamuun sagaleesaanii dhageessisuuf murteeffataniiru.
Itaansunis gara dhaabbilee fiilmiwwan akka Paramount, Warnarfi Disni jedhaman raabsanis deemun sagaleesaanii dhaggeessisuuf jiru.
Dhaabbanni Iskiriin Gildisfi Federeeshiniin Qopheessitoota TVfi RaadiyoO Ameerikaas waliin ta'uun gaaffii biraa dhiyeessaniiru.
Gaaffin isaanis hubannoon nam-tolchee (AI) bakka taatotaa bu'uu hin qabu kan jedhuudha.
Bakka bu'aa istuun diyoo fiilmiwwan gurguddoo mormii kana fudhatama dhabsiisera.
"Waldaalen murteen isaan murteessan namoota industirii kana keessatti maxxantoota ta'an kiisii isaanii kan onsuudha," jedhe.
Istuudiyoon fiilmiwwan itti hojjataman kun akka jedhetti waldaalen osoo taatota hin hayyamsiisin hubannoon nam-tolchee isaan fakkeessee akka hin hojjanne ibse.
Gaaffin biraa waldaan taatotaa dhiyeesse hanga fiilmin ykn sagantaalen TV itti ilaalamaniin nuuf kaffalamuu qaba. Kana jechuun kaffaltii si'a tokko yeroo fiilmii hojjatan kaffalamuuf osoo hin taane, sagantichi ykn fiilmichi erga ilaalamee booda galii argate irratti hundaa'un akka kaffalamuufidha.

Madda suuraa, 20TH CENTURY STUDIOS
Taatonni diddaa hojii dhaabuu taasisan kun namoota galii xiqqaa argatan qofa osoo hin taane kanneen qabeenyafi beekamtii guddaa qaban dabalateeti.
Diddaan taatonni Hooliyuuf taasisan kun bara 1960 booda isa guddaadha jedhama.
Yeroo sana diddaa kan dursan pirezidaantii Ameerikaa kan turan Roonald Reeggan ture. Boodarra hojii fiilmii hojjachuu dhiisun siyaasa keessa galanii pirezidaantii Ameerikaa ta'uu danda'an.












