Itoophiyaatti keemikaalli awwaannisaaf biifame akkamiin kanniisa bil. 76 balleesse?

Itoophiyaan weerara awwaannisaa balleessuuf keemikaala bara 2019-2021tti fayyadamteen kanniisa dammaa biiliyoona 76 dhabuu qorannoon Joornaali Agroonoomii jedhamu irratti bahe jalqaba torbee darbee irratti beeksiseera.

Kannisni biiliyoona 76tti siqan keemikaalli farra ilbisaa biifamuun booda du'aniiru ykn gaagura isaanii dhiisanii badaniiru jedha qorannichi.

Waggoota lamman 2019-2021tti biyyoonni Afriikaa Bahaa waggoota 25 keessatti weerara awwaanisaa hamaaf saaxilamanii turan. Weerarri kunis naannichatti lafa midhaanii hedduu balleeseera.

Hoomaan awwaannisaa kun km sq 1 kaasee hanga km sq dhibbaan lakkaa'amuutti weeraruu danda'a. Kiiloomeetira isquweerii tokkoon irratti ilbiisni miiliyoona 40 ol qubachuu danda'a jedha Dhaabbanni Nyaata Addunyaa.

Kanneen qorannoo Joornaali Agroonoomii irratti bahe kana geggeessan keessaa tokko kan tahan Obbo Addis Bihoonenyi, ''yeroo awwaannisni biqiloota irratti miidhaa bal'aa qaqqabsiisu kaannisa dabalatee ilbisoota poloneessuun jiraatan biroo irratti dhiibbaa al-kallattii qaba. Biqilootni yoo hin jiraanne ilbisootni jiraachuu hin danda'an, '' jedhan.

Keemikaalonni bara 2019-2021 awwaannisa balleesuuf Itoophiyaa keessatti biifamanii adda baafamanii akka beekamaniifi kaannisa akka miidhanis mirkanaa'eera jedhan.

Yaada kana bu''uura godhachuun gabaasaafi qorannoowan kanaan dura hojjetaman akka maddaatti fayyadamuun qorannoon taasisanis kanuma akka mirkaneesse himan.

Kanaaf qorannoo kanaan yaaddoo jiru hubachuu yaalle jedhan Obbo Addis,''lafa heektara meeqarra miidhaan hangam gahe kan jedhu bu'uura godhachuuni miidhaa kaannisarra gahe agarsiisuu kan yaalle,'' jedhan.

Miidhaan kannisa irratti qaqqabe kunis lafa awwaanisi miidhee ture Oromiyaa, Somaaliyaa hanga Afaar, Naanno Amaaraa kara bahaafi,daangaa Tigraayi irratti dha jedhan.

Keemikaalonni farra ilbiisaa awwaannisa bara 2019-2021tti naannolee Itoophiyaa weerare balleessuuf biifaman gariin isaanii Awurooppaa keessatti faayidaarra miidhaa qaqqabsiisan irraan kan ka'e hojii irra akka hin oolle dhorkamuu Obbo Addisuun himaniiru.

''Awwaanisni biqiloota hidda, abaaboofi baala isaanii otoo hin hambisiin gatii nyaatuuf ilbisoota poloneessan irratti miidhaan qaqqabsiisu olaanaa dha, '' jedhan.

Mootummaan weerara awwaanisaa to'achuuf bal'inaan keemikaalli farra ilbisaa fayyadame kaannisnis ilbisa gatii tahaniif miidhuurraan dabalataan ''gosti keemikaalaa farra ilbisaa malathion and chlorpyrifo jedhaman kunneen qilleensa, biyyoo fi bishaanii fi akkasumas biqiloota hafan kan kannisni damma irraa dammeesitu faaluu danda'a yaaddoon jedhu jira,'' jedhu.

Somaaliyaan rakkoon weerara awwaannisaa wal-fakkaataa yeroo ishee mudatetti keemikaalli farra ilbisaa fayyadamte fooyya'aa tahuu hima qorannoon kuni.

Walumaagalatti miidhaan al kallatti kannisarra qaqqabeef sababa kan tahe keemikaalli awwaanisa to'achuuf biifame, ''olaanaa tahuufi inni yoo hin taasifamne immoo to'achuun gatii hin danda'ameef faayidaarra oolus, akkaataan fayyadamasaa miidhaa ala kallattii akkanaa fiduu mala,'' jedhan.

Gama biraan gosoota kaannisaa Itoophiyaa keessatti qofa argaman ''fakkeenyaaf gosa kaannisaa Gaambeellaa jedhamu kan Naannoo Gaambeellaa qofatti argamu irratti miidhaan qaqqabuu waan agarsiisu hin jiru,'' jedhan qorataan kuni.

Qorannicha irratti bara 2017-2021 oomishni dammaa Itoophiyaa dhibbeentaa 80'n hir'achuu fi kunis qarshiidhaan gara doolaara 500 kan baasu tahuu eerameera.

Itoophiyaan awwaanisa midhaan hektaara hedduu fixe gama balleessuun milkooftus, miidhaa kannisarratti qaqqabsiiseen garuu ''keemikaala miidhaan isa gad-aanaa tahe fayyadamuun danda'ama ture,'' jedhu.

Akka furmaataattis kannisa bade deebisuuf kannisa akka haaraatti horsiisuu, biqiloota dhaabuun madda jireenyaa kannisaa deebisuu fa'i kaa'aniiru.