‘Barattoonni barsiisaa na se’anii duuba dheessu’- ga’eessa waggaa 41 booda qormaata kutaa 8 fudhatan

Madda suuraa, UW
‘'Barattoonni barsiisaa na se’anii na sodaatanii of duuba dheessu,’' jedhan ga’eessa aanaa Dodolaa kan waggaa 41 booda barnootatti deebii'uun barana qormaata kutaa 8ffaa fudhatan.
Ga’eessi umuriin isaanii amma waggaa 53 akka ta'e dubbattan, Obbo Usmaan Waabee, godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaa jiraatu.
Dhaabbata Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Qonna Heeraroo keessattis waardiyyummaan qacaramanii hojjetu.
ALI'tti bara 1974 keessa erga barnoota kutaa 7 irraa gara kutaa 8tti darbanii booda waggoota dheeraaf barnoota isaanii adda kutuuf dirqaman.
''Ergasiin boodas waggaa 41'f barnootarraa fagaadheen ture,'' jedhan Obbo Usmaan. Bara kana barnootatti deebi’uun erga baraataa turaniin booda tibbana qormaata kutaa 8ffaa qoramuun, waa'een isaanis miidiyaalee hawaasaarratti qalbii namootaa hawwate.
“Namni yoo na argu ‘barsiisaa naan jedha; ani garuu barsiisaa miti. Al tokko tokkos barattoonni barsiisaa na se’anii na sodaatanii of duuba dheessu,” jechuun ilaalcha barattoonni isaaniif qaban dubbattu Obbo Usmaan Waabee.
Duris “fedha barumsaa waanan qabuuf lukuma qullaa deemeen barataa ture” jechuun haala waggoota 41 dura dabarsan kan himan Obbo Usmaan, sababa bara Dargii keessa dirqamaan waraanatti makamuun tureetiin barnoota isaanii adda kutuuf akka dirqaman himu.
“Dargiin waraanaaf dargaggoo fudhataa waan tureef isa soodaadheen mana barumsaa adda kutee bahe. Garuu baayyee daa'ima ta'ulleen naaf hin oolle; gara waraanaan deeme,” jedhan.
Yeroo waraanatti makaman umuriin isaanii waggaa 13 yookiin 14 akka ta’u kan himan Obbo Usmaan Waabee, “yeroos yoon mana waraanaa deemu ijoolleen ture. Achuma mana waraanaa keessattin guddadhe,” jedhan.
Gara waraanaatti erga makamanii boodas mooraa leenjii loltummaa Bilaattee seenun leenjii erga fudhatanii booda Tigraay fi Goojjam keessatti tajaajiluu himan.

Madda suuraa, UW
'Aariin na keessa waan jiruuf mana barumsaa gale'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Usmaan Waabee kufaatii Dargii booda bara 1983 gara iddoo dhalootaa isaaniitti deebi’uun qonna mootummaa keessa hojjetaa humnaa ta’uun qacaramanii hojjechuu eegalan.
“Hojjetaa guyyaatiin mindeeffamee maatiis horadhe. Sana booda fedhii barumsaa osoon qabuu nan dhiise,” jedhan.
Obbo Usmaan gaa’ela erga hundeeffatanii booda ijoollee sadi kan godhatan yemmuu ta’u, inni tokko barnoota sadarkaa olaanaa barachaa akka jiru, isheen lammataa bara kana qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka fudhatteefi inni sadaffaan immoo kutaa 6ffaa barachaa akka jiru himan.
Haata’u malee, aariifi xiiqiin Obbo Usmaan barnoota waggaa 41 dura adda kutan akka itti fufaniif sababa ta’e.
Iddoo hojiitti “carraa hojiitu baha; namni ba biraa guddina argata. Ani garuu yeroo hunda guddina hin argadhu. Sababni isaa barumsa ta’uu beeke jennaan gara barumsaatti deebi’e,” jedhan.
Kana malees fedhiin barnootaaf qaban sababa isa biraa akka ta’e kan himan ga’eessi kun, waggoota 41 dura afaan Amaariffaan baratanillee barnootasaanii ammaa Afaan Oromoon barachuun qormaata fudhatan.
“Ani duraan Afaan Amaariffaatiin baradhe. Afaan Oromoo yaalidhuma kiyyaan nan barreessa, nan dubbisas. Dubbiste jennaan wanti sif galuu didu hinjiru,” jeedhan.
Qormaata kutaa 8ffaa tibbana qoraman yoo darbanis barnoota isaanii itti fufuuf fedhii akka qaban himaniiru.
“Umurii hanga nama tursiisu Rabbitu beeka. Barumsakoo itti fufuun barbaada,” jedhan Obbo Usmaan.
Gama biraatiin “barattoonni akka abbaatti na ilaalu, na jaalatu. Jarri anaaf hamilee taati, anis jaraaf hamileen ta’a. Na kabajus,” jechuun hariiroo barattoota walin qaban kan ibsan Obbo Usmaan, barsiisonni isaaniis haalaan isaan gargaaraa akka turan himu.
“Haaluma gaariin barachaa ture. Barsiisonn illee na ilaalu, na qarqaaru. Haala kanaan barachaa ture,” jedhu.
Gama biraatiin gosa barnootaa Lammummaafi Amala Gaariif jaalala guddaa akka qaban kan himan ga’eessi kun, “Ani kan natti tolu barnoota Lammummaati,” jechuun himaniiru.












