'Barnoonni umuriin hin daanga'u' - Maanguddoo ganna 80

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Barnoonni umriin hin daanga'u' - maanguddoo ganna 80 qormaata kutaa 12 fudhachuuf jiran
'Barnoonni umuriin hin daanga'u' - Maanguddoo ganna 80

Haati ganna 80 baha Neeppaal ganda baadiyyaa Ramechaap keessa jiraatan Ratnaakumari Sunuwar, ijoollummaatti carraa barnootaa hin arganne.

Maatii qonnaa fi kaaniin qarqaaruun guddatan, achiis maatii ofii horachuun ijoollee guddisuutti dabarsan.

Daa'imman isaanii erga guddatanii booda garuu barnootatti deebi'anii amma kutaa 12 gahaniiru.

Aaddee Ratnakumari waan jedhan, kanin baradhu hojii ittiin argachuuf odoo hin taane, ijoollee barnoota addaan kutan kakaasuufi.