Haadha ijoollee lamaa dorgommii waldhaansoon ijibbaachiste

Kurnyii Galgalee Godina Gujii aanaa Waadaraatti dhalattee guddatte. Hanga bara 2008 waa’ee gosa ispoortii amma jaalalaan hojjechaa jirtu kanaa yaaddees shaakaltees hin beektu.

Bara 2008 akka tasaa barsiisaan ishee dareetti olseenee ishee waame. Barsiisichi haala jabinashee fi obbolaashee quba waan qabuuf isheen waldhaansoo kanaan dorgomaashee kuffiistee lafa buusuu akka dandeessu itti amaneera.

“Daree seenaniituma fuudhanii naan deeman. Ani shaakalas hin qabu ture yeroa sana. Na dorgomsiisanii jennaan nan kuffise.

Waaqi inuma irra na aanse. Yeroo sana seera waldhaansoos hin beeku, humnumaanan qabee buuse. Sana booda aanaa bakka bu’ee godinarratti akkan dorgomu natti himame,” jechuun akkaataa itti jalqabame yaadatti.

Dorgommii waldhaansoo dubartootaa kana aanaa Waadaraatiif injifannoo erga fiddee fedhiin ispoortii kanaaf qabdu dabalaa dhufe.

Dorgommii sadarkaa godinaa kana erga injifatteen boodas Asallaa irratti dorgommii sadarkaa naannoo hirmaattee injjifatte.

Kurnyiin sababa dorgommii irratti miidhaan irra gaheen bara 2009 fi 2010 yeroo milkaa’aa dabarsuu baattulleen injifatamuun xiiqii ipoortichaaf qabdu waan hammeesse fakkaata.

Erga bara 2011 hanga dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa bara kana Ambotti adeemsifameetti waggoota jahaaf walitti fufiinsaan badhaasni meedaaliyaa Warqii harkasheetii bahee hin beeku.

Isheen abbaa warraashee waliin kan walbartes sababuma ispoortii aadaa kanaatiin ta'uu dubbatti.

Erga bulti ijaarrattee amma haadha ijoollee lamaa taatulleen waldhaansoon garuu namni ishee kuffisee meedaaliyaa fudhate hin jiru.

“Hawaasni naannoo kiyyaa ati haadha ijoollee taatee akkamiin waldhaansoo taphatta naan jedhu.

Heerumtee daa’ima lama godhattee waan kana inuma dandeessaa naan jedhu. Ani garuu ispoortii kana mi’aasaa fi jaalalasaa waaan qabuuf irraa hafuu hin dandeenye.

Ammoo dorgommii hunda Waaqni nagargaaree irruma aanaan jira,” jetti.

Kurnyiin ispoortii waldhaansoo dubartootaa kanaan Oromiyaa bakka bu’uun sadarkaa biyyaattis irra deddeebiin meedaaliyaa injifatteerti.

Torbee darbe kana dorgommii waldhaansoo kan sadaarkaa naannoo Oromiyaa Ambotti adeemsifame erga injifattee booda, dorgommii sadarkaa biyyaatti ji’a itti aanu adeemsifamuuf qophaa’aa jiraachuus himti.

Obbo Mangistuu Simee leenjisaa waldhaansooti. Isaan leenjisaa Kurnyii yoo tahan, gosti Ispoortii waldhaansoo kun ispoortii aadaa keessatti kan ramadamuufi dorgommiin isaas waggaa waggaadhaan akka adeemsifamu himu.

Erga 2011 hanga 2016 kanaatti dorgommii waldhaansoo hunda kan sadarkaa aanaatii hanga Federaalaa jiru harkasheetii bahee akka hin beeknes dubbatu.

“Dorgommiin waldhaansoo kuni aanaarraa kaasee hanga federaalaa waggaa waggaan adeemsifama. Kurnyiin erga bara 2009 kaasee dorgomtuu cimtuudha. Bara dorgomuu eegalterraa hanga ammaa moo’achaatuma jirti,” jedhu.

Sadarkaa federaalaatti dorgommii waldhaansoo kana Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itoophiyaatu qopheessa.

Dorgommiin Ispoortii waldhaansoo kuni xiyyeeffannaa gahaa kan hin qabneefi namoota kan hawwatu ta’uu dhabuun akka ishee gaddisiisu himti Kurnyiin.

“Ani waan jaalala ispoortii kanaa qabuuf jaaladheen itti fufee hojjedha malee dorgommiin kuni xiyyeeffannaa hin qabu.

Wanti nama gammachiisu kan dhaloonni anarraa laalee itti fufu homaaa hin qabu,” jetti.

Waggaatti yeruma dorggommiin jiraatu torbee tokko dursanii waamuun akka qophaa’anii fi badhaasni kennamus daran gadi aanaa ta’uun hawwattummaa ispoortichaa akka miidhe himu Obbo Mangistuunis.

“Badhaasa yoo laalle badhaasnisaa xiqqaadha. Wanti waadaa galameefiillee hin raawwatamne jira. Bara darbe badhaasa sadarkaa naannootti waadaa galameefis harka hin gahin hafe,” jechuun waan ture dubbatu.

Shamarreen kuni ispoortiin jaalattu kun xxiyyeeffannaa malu dhabuun ispoorticharraa adda bahuutti akka ishee geessuu malu himti.

“Osoo deeggarsi jiraatee xiyyeeffannaa argatee ani ittuman fufan jedha. Dhalootilleen na ilaalee akka itti fufun barbaada. Garuu bakka hamileen hin jirre kanatti anayyuu gadi deebii dhiisi na gochaa jira,” jetti.

Dorgommii ispoortii waldhaansoo kanaan Kurnyiin alattis dubartoonni ciccimoon dorgomaa ta’an jiraachuu himu Obbo Mangistuun.