Itoophiyaatti re’een 'ajaa'ibaa' tokko Birrii 98,000n gurgurame

Re'ee Itoophiyaatti Birrii kuma 98 baase

Madda suuraa, Komunikeeshinii aanaa Habroo

'Re'ee moo sangaa? Re'een tokko maallaqa haga kanaa baasee beekaa?' Gaaffii namoota hedduu oduu kana dhagahaniiti.

Tibbana magaalaa Finfinneetti kanatu tahe - re'ee korbeessa tokko Birrii 98,000'n gurgurachuu jiraataan Harargee Lixaa tokko BBCtti hime.

Dargaggoo Yaadataa Mohaammad jedhama. Umuriin ganna 24 yoo tahu, Godina Harargee Lixaa aanaa Habroo keessa kan jiraatu yoo tahu re’oota furdisuun gurguree jiraata.

Yaadataan re’oota bituun gara magaalaa Finfinnee naannoo Buraayyuu fiduun daldala. Re’ee korbeessa tokko Birrii 98,000’n gurguruu BBCtti hime. Ji’a torba dura biteen nyaata adda addaa kennee gabbisaa ture.

"Gosa midhaanii akka baaqela fakkaatu [baabbilee] jedhamun nyaachisaa ture. Nyaata kana gara kuntaala shanii fixeera,’’ jedhe Yaadataan.

Re’icha ji’a torba dura Birrii 50,000 tahuun bituu hime.

Dhiyeenya erga gabbisee gurgurtaaf Finfinnee geessus Birrii 85,000 didee akka deebisee fudhatee gale hime.

"Birrii 85,000 naaf kenninaan deebiseen fudhee gale," jedha. Naannoo isaaniitti re’een kana dura hanga Birrii 45,000tti gurguramee akka beeku kan himu Yaadataan kun garuu re’ee baay’ee guddaadha,’’ jedhe.

Finfinnee keessaa Buraayyuu gabaa Burcuqqoo jedhamu geessuun akka gurgure hime.

''Re’ee kana qondaala mootummaa [nama aangoo qabu] tokko narraa bite'' jedhe. Namni irraa bitu ofumaaf qalachuuf tahuu fi daldalaaf tahuu waan barre hin jiru.

BBC'n gatii isaa kana mirkaneessuuf waraqaa ykn nama irraa bite hin arganne.

Garuu komunikeeshinii aanichaa irraa akka mirkaneeffannetti dubbiin kun dhuguma.

"Hanga jabbii wagga lamaa gaha"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaadataan re’ee kana magaalaa Balballeettii jedhamtu aanaa Habroo keessatti argamtuu akka bite hime.

Magaalittiin gidduugala gabaa jimaa tahuun kan beekamtu magaalaa Galamsootti dhiyaattee argamti.

Re’ee amma Birrii 98,000n gurgure kana baabbilee [gosa baaqelaa] kuntaala shan akka ficcisise hime.

Kuntaala tokko ammoo hanga Birrii 5,000niin akka bitu kan hime amma kisaaraa narra gahe hin qabu, irraa buufadheera jedhe.

Garuu bu’aa kanaan ammayyuu akka hin gammadne himuun hanga Birrii 200,000tti gurguruun barbaada fuulduratti jedhe.

"Re’een kun hanga jabbii waggaa lamaa tokko ni gaha,’’ jedhe. Tarii sanyiin isaa addadhaa? kan jedhuuf Yaadataan ammas re’ee hagas guddatu biraa Birrii 50,000 tahuun bitee manaa qaba jedhe.

Yaadataan re'ee kana ''Korboo jedheen waama. Maqaa isaa beeka. Yoon isa waamu ni dhufa. Baay'een jaaladha,'' jedhe.

Ganama ciree, laaqana, gara sa'a sagalii fi galgalas akka nyaata kennuuf hime.

Re'een kun mooraa keessaa akka hin baane kan himu Yaadataan, achumatti re'eeota kaaniif sangootas akka gabbisu hime.

Icciitiin guddachuu fi coomuu isaa immoo nyaata inni nyaachisu akka tahe hime.

Haa tahu malee, gabbisa sangootaa fi re'ootaaf kan fayyadaman kan akka boqqolloo qaala'uun akka isaanitti gufuu tahe hime.

Haalaan gabbistee gabaaf dhiyeessuuf hanga waggaa tokkoo fi walakkaa gaafata jedhe.

Magaalaan isaanii sangootaa fi re’oota gabbisuun gurguruun akka beekamtu hime.

Qonnaan bultootni Harargee sangoota gabbisuun fooniif magaalota gurguddootti dhiyeessuun beekamu.

Dargaggoo Yaadataanis re’ee malee sangoota gabbisuun daldaluun akka jiraatu hime. "Sangoota gurguddaas Aqaaqii irraa konkolaataa 20 baaseen jira,’’ jechuun BBCtti hime.

Garuu dhiyeenya hojicha akka eegale himuun kaappitaala osoo argate kana caalaa hojjechuu akka danda’u hime.

Waldaa Liqii fi Qusannoo irraa Birrii 200,000 liqeeffachuun akka hojjechaa jiru hime.

Kana dura re’oota bituun Birrii 100 tahu tokkoo ishee irraa argachuun nama biraaf dabarsaa akka ture himuun, amma dhuunfaan gabbisee akka gurguruu jalqabe hime.

Waan akkanaa gabaa re'ootaa keessatti hin dhagahamin malee, Harargeetti sangaa gatii guddaan gurgurachuun haaraa miti.

Obbo Usmaan Huseen Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Ganda Raayyaa keessatti bara 2022 sangoota lama Birrii 350,000 gurguraniiru.

Obbo Usmaan kan sangaa tokko birrii 200,000n gurguran, sangaan inni biraa ammoo Birrii 150,000 baaseef.