Haadha mucaasheef qoricha bituu manaa baate jawween liqimse

Ibsa waa'ee viidiyoo, Dubartiin mucaasheef qoricha bituu manaa baate garaa jawwee keessatti argamte
Haadha mucaasheef qoricha bituu manaa baate jawween liqimse

Biyya Indoneeshiyaa keessatti dubartiin umurii 36, Siriyaati jedhamtu mucaashee dhukkubsateef qoricha bituuf manaa erga baatee booda garaacha jawwee keessa duutee argamte.

Erga manaa baatee achi buuteen dhabamnaan abbaan warraashee mana isaaniirraa fageenya meetira 500’tti kopheefi uffata ishee argee aangawootatti hime.

Akka Poolisiin BBC Indoneshiyaatti himetti, abbaan warraa jawwee lubbuun jiru argee morma irraa muree garaacha jawwee keessa reeffa haadha warraa isaa arge.

Baatii darbe keessa achuma Indoneeshiyaatti dubartiin biraa jawwee meetirii 5 dheeratuun liqimfamteetti. Jawween yeroo baay’ee nama hin liqimsu.

Haata’u malee, Indoneeshiyaa keessatti ji’a tokko keessa yeroo lammataaf nama galaafate. Ogeeyyiin bosonni waan ciramuuf jawween lafa namni jiraatu adamoof dhaqe jedhu.

Miidhaa kanaa boodas poolisiin hawaasi yeroo sosso’u harkaa haaduu guddaa akka hin dhabne gorseera.